Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wayinii Ruunii: 'Mana cufadheen dhugaatii dhugaa oola ture'
Ingilaandiif galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii kan qabu Wayinii Ruuniin dhiphina jalaa miliquuf jecha mana cufadheen dhugaatii dhugaa oola jedhe.
Gaaffiif deebii hze deyilii meelii fi tze Taayimsi ,waliin taasise irratti taphataan duraanii Maan Yuunaayitid amma ganna 36 tahe Wayinii Ruuniin akkamiin akka mana gandaa Liiverpuul keessatti dhalatee guddatee kubba miilaa Ingilaandi keessatti taphataa jabaa tahe himeera.
Mana gandaa keessatti dhalatee guddachuun haala jireenya isaa bahee dubbachuuf ija jabina akka isaaf hin kennine hime.
''Haala jireenyakoo sana irraa ka'ee waggaa 16tti taphataa Piriimer Ligii fi internaashinaalaa tahuukoo waanan ni taha jedhee yeroos itti hin qophoofne ture,'' jedhe Ruuniin.
Ruuniin ganna 16 tahee kilaba isaa ijoollummaa Everteeniif tapha Piriimer Liigii irratti hirmaate.
Biyya isaa Ingilaandiif ammoo umurii isaa ganna 17'n galchii lakkoofsise. Erga Maanchister Yuunaayitidiif mallatteessee ammoo umurii isaa ganna 18ttiti tapha jalqabaa isaa Shaampiyoonsi Liigii irratti galchii sadii lakkoofsise.
Ruuniin yeroo sana gatii qaaliidha kan jedhame paawondii miliyoona 27'n ture Maanchister Yuunaayitidiif kan mallatteesse.
''Taphataa kubba miilaa yoo taatu jireenya akkamiitu si mudachuu danda'a kan jedhu yaadee hin beekun ture. Jireenya akkasii sanaaf of hin qopheesine ture,'' jedhe dookimantarii jireenya isaa irratti xiyyeeffachuun Amazoon Piraayim irratti qophaa'aa jiru dursuun yoo dubbatu.
''Dhiibbaa akkasii sana akkamiinan to'achuu danda'a kan jedhu hubachuuf yeroo dheeraa natti fudhate. Akka waan jireenya siif hin mijanne tokkootti darbatamee galuu wayiin tahe.
Sun anaaf waan ulfaataa ture.''
Ruuniin kilaba isaa duraanii maanchister Yuunaayitidiifi biyya isaafis galchii hedduu lakkoofsisuun rikardii harkaa qaba. Waancaa Piriimer Liigii yeroo shan mo'ateera.
''Akka taphataa dargaggeessa tokkootti dogoggorota hedduun hojjedhe,'' kanaafuu karaan ittiin of bashannansiisuu danda'u dhugaatii dhuguun ture jedhe.
''Yeroon Maanchister Yuunaayitid gale keessumaa hanga mucaa keenya jalqabaa Kaayiin argannutti, mana ofitti cufeen oola ture. Tasuma gara alaatti hin bahun ture,'' jechuun Ruuniin gaazexaalee lameenitti hime.
''Kubba taphachuu irraa guyyoota muraasa boqonnaan yeroo nuuf kennamu jira ture. Yeroo sana manuma cufadheen dhugaa oola ture, sababni isaa immoo dhiphina sana hundaa sammuukoo keessaa baasa jedhee yaadeeni.''
"Namootni kaan tarii akkan ani yeroo sana dhugaatii jaalladhutti beeku taha, yookiin ammoo akkan ala bahu, garuu sana osoo hin taane waan baay'etu jira. Waan sammuu koo keessa deemutu kana na gochaa ture.''
''Walitti qabaa waan hundaati....dhiibbaa biyyakeef taphachuuf sirra jiru, Maanchister Yuunaayitidiif taphachuu, dhiibbaa waa'ee jireenya dhuunfaakoo ilaalchisee gaazexaaleen gabaasan hunda dandamadhee dhaabbachuuf nama kaan gaafachuurra dhugaatii dhuguun waanan gochaa turedha.''
''Ofumakoon akkamiinan keessa darba kan jedhun yaadaa ture. Mana gandaa keessatti guddattee afaan guuttee nama kaanitti dubbachuu hin dandeessu. Karaa ofuma kee waan kana keessaa baatu yaadda malee. Nama gaafachuurra ofumakoo keessa darbuu wayya jedhee yaaluu irraatii kan dhufedha.''
Ruuniin erga Maanchister Yuunaayitidii bahee kilaba isaa ijoollummaa Everteenii fi DC Yuunaayitid akkasumas darbii Kaawontiif taphateera.
Amma leenjisaa Darbii Kawwontii tahuun hojjechaa jira.
Jireenya keessa tures amma akka to'annaa isaa jala tahe himuun ''amma namootni waan akkasii akka bahanii dubbataniif jajjabeeffamu. Yeroo sana sammuukoo keessatti karaan itti kutaa hidhannootti deemee taphattootatti ani jireenyikoo kana fakkaata jedhee dubbadhu hin jiru jedheen yaada ture,'' jedhe.
''Kana irraa kan ka'e yaadakee baastee dubbachuu irra keessumaketti miidhamtee dhiista.''