Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pool Pogbaan sababa miidhamarraa hin bayyananneef Waancaa Addunyaan ala ta'e
Taphataan Yuventuus Pool Pogbaan Waancaa Addunyaa Qataar qopheessitu irratti biyya isaa Faransaayiif hiriire hin taphatu.
Sababni isaa immoo wal’aansa baqaqsanii hodhuu jilba isaarratti taasiserraa bayyanachuuf yeroo dabalataa waan isa barbaachisuufi.
Taphataan ganna 29 ganna keessa Maanchistar Yunaayitid irraa kilabii Xaaliyaanii irra-deebiin seenee kilabichaaf hin taphatiin jira.
Baatii Adoolessa keessa ture jilbi isaa kan miidhame. Gara jalqabaa Waancaa Addunyaaf jecha akka wal’aansa hin taasifne yaalaa ture.
Waancaa Addunyaarratti Faransaay tapha jalqabaan Awustiraaliyaatiin Sadaasa 22 morkatti.
Ibsa gaafa Wiixataa baheen eejantiin Pogbaa Raafaa’ela Pimentaa: ‘’Erga Torinoofi Pitisbargitti ilaalamee booda Pogbaan ammallee bayyanachuuf yeroo akka barbaadu yoon itti himu baay’ee nama dhukkubsa,’’ jedhe.
Sababa kanaaf Pool Pogbaan garee Faransaayiif hiriiree taphachuu akka hin dandeenyeefi waancichi eegaluu duras Yuventuusif taphachuu akka hin dandeenye ibse.
Taphataan kuni yeroo xumuraaf biyya isaaf hiriiree kan taphate waggaa darbe baatii Bitootessa keessa yeroo tapha michummaan Afrikaa Kibbaa 5fi 0 injifatanidha.
Baatii darbe wal’aansaaf sosso’u dura shaakala eegalee ture.
Leenjisaan Yuventuus Maasimilaanoo Aleegrii dhihoo Pogbaan Waancaa Addunyaa dura carraan kilabichaaf taphachuu isaa ‘’dhiphaa’’ ta’u ibsanii turan.
Taphataan sarara ittisaa Faransaay Pool Pogbaan waggaa afur dura biyyi isaa yeroo Waancaa Addunyaa ol kaafte miseensa garichaa ture.