Poogbaan eenyummaakoo maanchister Yuunaayitiditti nan agarsiisa jechuun dhaadate

Pool Poogbaan Maanchister Yuunaayitid waliigaltee kilabicha keessa akka turu na amansiisuu yeroodhaan naaf dhiyeessuu isaaniin akka dogoggoran ittan agarsiisa jedhe.

Taphataan lammii Faransaay Poogbaan Man Yuunayitid keessa akka turuuf miindaa torbanii paawondii 300,000 dhiyeesseef ture.

Haa tahu malee, fiilmii dokimantarii Amazon Prime 'Pogumentary' jechuun waayee taphatichaa hojjete irratti kilabni isaa Yuunaayitid ''ni fakkeesse'' jedhe.

Waliigaltee isaa amma dhumaa jiruun booda gara kilaba isaa duraanii Juvantasitti deebi'aa jira.

Fiilmiin dokimatarii har'a gadhiifamu iratti waayee kontiraata isaa bakka bu'aa isaa duraanii dhukkuba yeroo dheeraan boqate Miinoo Raayolaa wlaiin mari'achaa akka ture himeera.

Viiidiyoo tajaajila oduu PA baase irratti Poogbaan ''yaadnikoo Maanchister Yuunaayitid yeroodhaan waliigaltee haaraa naaf kennuu dhiisuu isaanii dogogora akka tahe itti agarsiisuudha... akkasumas Maanchister Yuunaayitid akka dogogore kileboota kaanitti agarsiisudha,'' jedhe.

BBC Sport akka odeeffannoo qabutti ammoo Yuunaayitid Poogbaaf miinda isa duraan argatu caalaa dhiyeeseraaf.

Itti dabaluun ''akkamiin taphataa akka malee barbaaddu garuu ammoo waliigaltee homaa hin dhiyeesineef dubbata? Waan akkasii argee hin beeku,'' jedhe.

Poogbaan yeroo umuriin isaa ganna 16 ture bara 2009 kilaba Le Havre jedhamu irraa Maanchister Yuunaayitid gale.

Bara 2012 ammoo bilisaan Juvantas akka galuuf gadhiifame. Osoo gara kilaba isaa Maanchister Yuunaayitiditti hin deebi'iin Juvantas waliin waancaa Serie A afur mo'ateera.

Bara 2016 Yuunaayitid kilabichaaf rikardii kan tahe paawondii miliyoona 89 baasuun deebise bite. Waggaa lama booda biyyi isaa Farnsaay waancaa Adunyaa akka mo'attuuf shoora ol aanaa bahate.

Garuu Maanchister Yuunaayitid keessatti gahumsi isaa gadi bu'e. Hariiroo inni leenjisaa yeroo sanaa Joosee Mohoriinoo waliin qabus boora'aa deeme.

Bakka bu'aan isaa Miinoo Rayolaa osoo du'aan hin boqatiin dura ''akkuma yeroo garee biyyaalessaa Farnsaay waliin jirtu sanaatti akka gammaduu goona'' jedhee ture.

''Isaan waliin dandeettiin kee addadha. Hubatteetta mitii? Garee Maanchister Yuunaayitid waliin Poogbaa gara biraati'' jedheen.

Garee Farnsaay waliin, ati Poogbaa isa dhugaadha, Poogbaa Juvantas, Poogbaa namni hunduu jaalatu. garuu Maanchister waliin waanti tahe si danqeera.''