Waggaa 60 dura Itoophiyaan Masrii yoo injifattu miira tureefi injifannoo alanaa

Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023 gaggeeffamaa jiruun Waxabajji 09, 2022 Itoophiyaan Masiriin goolii 2-0n injifachuun qabxii argame cinaatti seenaa barkurneewwan jaha duubatti nama deebisu qaba.

Tapha Maalaawwiitti gaggeeffame kanaan gareen biyyaalessaa Itoophiyaa (Waaliyaan) garee biyyaalessaa Masirii irratti goolii lakkoofsisuun olittis, taphaanis baay'ee caalanii argamaniiru.

Tapha kana irratti gareen Itoophiyaa si'a sagal goolii galchuuf yaalii sirrii kan taasisan yoo ta'u, gareen Masirii ammoo hanga boqonnaa duraatti yaalii tokkollee hin taasifne.

Injifannoo Waaliyaa kana hordofees namoonni miidiyaa hawaasaafi karaa gara garaatiin gammachuu akki itti ibsachaa jiran miira addaanidha.

Namoonni injifannoo Waaliyaa kana maaliif miira gammachuu adda ta’een ibsatuu? Warri Waaliyaa ammoo icciitii maaliin garee kubbaa miilaa Afrikaattis ta’e sadarkaa idil-addunyaatti gurra guddaa qabu warra Fara’oon kana injifachuu danda’ee?

Turtii BBC waliin taasisaniin gaazexeessaan ispoortii buleessi Obbo Tashoomee Qadiidaa gaaffilee kanaaf muuxannoo qabanirraa deebii ta’a kan jedhan himu.

Waggaa 60'n kana Itoophiyaan Masrii yeroo injifattu...

Qondaaltonni Masrii, Itoophiyaafi Sudaan, akkasumas bakka bu'aan Afrikaa Kibbaa bara 1956 waliin mari'achuun Dorgommiin Waancaa biyyoota Afrikaa akka hundaa'u waliigaluu isaanii ibsa Obbo Tashoomeen.

Akka inni jedhutti, dorgommii jalqabaa Guraandhala bara 1957 Sudaan, Kaartuumitti gaggeeffamerratti Masriin Sudan mo’attee darbuun, tapha xumuraa irratti Itoophiyaa 2 fi 1n injifachuun waancaa jalqabaa argatte.

Garuu gareen Waaliyaa Waancaa Afrikaa 3ffaa bara 1962 Itoophiyaan qopheessite Masrii 4 fi 2n mo'acuun waancaa Afrikaa tokkittii hanga har’aatti argatte akka milkeessan yaadata.

Dr Malaakuu Tagany nama siyaasaafi kubbaa miilaa kan jaalqatan yeroo ta'an waggaa 60 dura Itoophiyaan Masrii yeroo injifattu daraggoo raadiyoon taphicha hordofa aturaniidha.

Masriin tapha waancaa Afrikaa lamaan jalqabaa waan ijifatteef ni sodaatamti ture.

Taphni kun eegaluu dura. ''Saffisni isaanii nama sodaachisa ture. Itoophiyaan tapha kana injifanaan raajiidha jechaa turree'' jechuu yaadatu.

Taphni jalqabee tapha boqonnaa duraan Masrii gopolii tokko galchuun daqiiqaawwan hedduuf ture. ''Boqonnaa booda jijjiiramee kan gale taphataa Teelee Takleen galeetu goolii galche. Biyyi hin hunkurame. Gaamachuun ture kana hin jedhamu. Xiqqo turee warri Masrii galchani.''

Masriin 2-1 dursaa taphni xumuramuuf daqiiqaan torba yeroo hafu, fi ''gama keenyaan abdiin hin jiru yeroo jedhametti lakkoofsa 11 kan uffatu Getaachoo Waldee kubbaa alatti bahuuf turte dirree Masrii jalaa yoo deebisu Luchaanoon qaqqabee gooliitti geeddare. 2-2 daqiiqaan 30 dabalame.''

''Deeggarsi uummataa ni dabale. Goolii sadaffaa kan galche obboleessa Luchaanoo Itaaloodha. yeroo Itoophiyaan galchitu daandiitti baanee gammachuu ibsinee raadiyoo caqasuutti deebina'' jehcuun miira ture yaadatu.

Goolii sadaffaa booda gamachuun ture masriin way galchitee qixxee taatii yaadoo jedhuun kan guute akka tures dubbatu.

Taphni xumuramuuf daqiiqaan torba yeroo hafu Mangistuu Warquu kophaa tapahttoota sadii afur bira darbee goolii afraffaa lakkoofsisee. yeroos injifachuun Itoophiyaa mirkanaa'e. Mangistuun Manii keessa gale rarra'aa gammachuu ibsate. Tapha yaadannoo guddoo qabu ture.''

‘Taphatoonni Waaliyaa xiiqii addaatiin dirree seenan’

Masiriin Waancaa Afrikaa jalqabaa injifachuu qofa osoo hin taane, si’a 25 Waancaa Afrikaatiif darbuu kan dandeesse, si’a 10 ammoo waancaaf dhiyaachuun 7 fudhattee seenaa biyyi Afrikaa kamiyyu itti hin dhiyaanne qabdi jedha Obbo Tashoomeen.

Kana malees, Masiriin addunyaa irratti kubbaa miilaan muuxannoo guddaa kan qabduufi taphattoonni garee biyaalessaa ishee kilaboota Awurooppaa gurguddoo keessa taphatu.

Kilaboonni Masiriin biyya keessaa qabdus seenaa dheeraa kan qabu yoo ta’u, biyyattiin gama kubbaa miilaan hangam akka ijaaramteettu kan agarsiisudha. Kun martinuu garuu Waaliyaan injifatamuu irraa isaan hin oolchine.

Mo’achuu isaaniitiif hamileefi xiiqeffannaa qabatanii dirree seenan akka gumaache kan dubbatan Obbo Tashoomeen, “ilaalchiifi miirri uummanni biyya keessaa Masiriin mo’achuun maal akka ta’e yaadan qabatanii onnee isaaniirraa taphatan,” jedhu.

Akka Obbo Tashoomeen jedhutti, dhimmi seenaafi Laga Abbayyaa biyyoota lamaan walitti fidu kan kubbaa miilaa biyyoota lamaanii keessatti yeroo mara mul’atudha. “…Onnee yoo qabaatte carraa mo’achuu ni qabda.

Ijoolleen ammoo onnee cimaadhaan galan. Dhimmi Masirii hiika baayyee qaba; Laga Abbayaan kan walqabateen uummanni maal akka yaadu, ijoolleen asii deemte ammoo kana qabattee deemiti; kana galaa godhatanii seenan.

Kanaaf, ijoolleen cimtee waan seenteefi onnee guutuudhan waan taphataniif [mo’atan],” jechuun icciitii mo’annaa Waaliyaa ibsa Obbo Tashoomeen.

Taphattoonni keenya qaamaanis kan kanaan duraa caalaa foyyaa’oodha

Akkaataa taphattoonni ittiin garee biyyaalessaa kanaaf itti filatammanis mo’icha Waaliyaatiif kan gumaache qabaachuu kan dubbatu gaazexeessaan ispoortii buleessi kun, irra caalaan isaanii kilaboota biyya keessaa gara garaa keessaa filataman jedhu.

“Kun kilaboonni biyya keessaa hangam cimaa dhufe kan jedhu namatti agarsiisa.” Kan biraan taphattoonni filataman kunneen yeroo gahaa argatanii waliin turuun tokkummaa cimaa kan uummatanidha jedhanii yaadu Obbo Tashoomeen.

“Asitti [taphattoonni kunneen] waliin turan waan ta’eef shaakala irratti yeroo baayyee waliin dabarsaniiru. Kanaan dura taphni biyyaalessaa yeroo guyyaan shan hafu ture kan ijoollee walitti qaban. Ijoolleen ammaa kun garuu guyyoota 20 ol waliin turaniiru.

Iddoo tokkotti shaakalanii tokkummaa cimsataniiru.” Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa, leenjisaaniifi taphattoonni sirriitti wal dubbisuun waan hojjetaniif milkaa’an jechuun waan yaadan ibsu. Gahumsi qaamaafi qaamaa-qalbii taphattoota garee kubbaa miilaa Itoophiyaa amma jiranii kunis kan yeroo kamiiyyu caalaa foyyaa’aadha akka Obbo Tashoomeen jedhanitti.

“Gareen tokko yeroo ijaaramu [hamileen, qaamaan] waan ta’eef gareen ammaa kun waan kanaan kan ijaarame natti fakkaata. Ijoolleen kun hanga daqiiqaa dhumaatti kubbaa to’annaa jala oolchaniiti kan garee Masirii kana falma turan.

Gareen Masirii akkuma argitan qaamaanis, hojjaadhaanis, onneedhaanis ciccimoodha. Ta’us garuu, taphattoonni keenya hafuura sassaabbatanii dirree waliin gahanii, karra eegaa bira gahaa taphachuun [caalanii argamaniiru.] Kana malees, taphattoonni keenya qaamaanis kan kanaan duraa caalaa foyyaa’oodha.”

Hamileen amma jiru kun akka osoo gadi hin bu’iin tursiisuuf maal yoo ta’e wayya kan jedhu gaafatamanii, “Tokkoffaa Federeeshinii biyya keessaa cimsuun murteessaadha, jedhan Obbo Tashoomeen.

Federeeshiniin kubbaa miilaa ijoollee sadarkaa mana-barumsaa keessaafi bakkawwan leenjii adda aaddaa keessaa jalqabee irratti hojjechiisuun bu’uura yoo kaa’e milkaa’ina akkas mul’atu kana itti fufsiisuun ni danda’ama akka inni ibsutti.

Kilaboonni biyya keessaa cimuunis gahee akka qabu beekanii hojjechuun murteessaa akka ta'e kan dubbate Obbo Tashoomeen, abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen gara garaas gahee isaanii yoo bahan kubbaan miilaa biyyattii bu'uura gaarii ni qabaata jedhu.