Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2023 gaggeeffamaa jiruun Itoophiyaan Masiriin mo'atte
Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2023 irratti Masritiin goolii 2-0 injifatte.
Gooliiwwan warri Waaliyaa ittiin warra Fara'oon injifatan lamaan taphattoonni galchan ammoo Daawaa Hoxxeessaafi Shimallisa Baqqalaadha.
Daawwaa Hoxxeessaa gaalii jalqabaa boqonnaa dura daqiiqaa 21 irratti yoo ta'u, goolii lamaffaa ammoo boqonnaadhuma dura Qeellisaa garee Biyyaalessaa Itoophiyaa kan ta'e Shimmallis Baqqalaatu daqiiqaa 40 irratti lakkoofsise.
Waancaa Afrikaa 2023 Kootdivuwaar keessummeessuuf jirtu kanaaf tapha gulaalliif Itoophiyaan Garee D keessatti Masirii, Maalaawwiifi Giinii waliin ture kan ramadamte.
Tapha Roobii Waxabajji 09, 2022 Maalaawwiitti gaggeeffame kanaan gareen Itoophiyaan goolii lakkoofsisuun injifachuun alattis, taphaanis warra Fara'oon caalaniiru.
Tapha Itoophiyaan Masirii irratti olaantummaa agarsiifte kanaan, taphattoonni sarara duraa Abubakar Naasiriifi sarara gidduurra kan taphatu Gaatoch Paanom cimina guddaa agarsiisaniiru.
Tapha kana irratti gareen Itoophiyaa si'a sagal goolii galchuuf yaalii sirrii kan taasisan yoo ta'u, gareen Masirii ammoo hanga boqonnaa duraatti yaalii tokkollee hin taasifne.
Dilbata darbe Maalaawwiin kan mo'atame gareen biyyaalessaa Itoophiyaa, kubbaa to’achuun garuu caalee ture.
Qeellisaa (dursaan garee) warra Waaliyaa kan ta’e Shimallis Baqqalaa dubbii tapha kana ura dubbateen, gareen biyyaalessaa kun taphawwan lamaan irraa “yoo xiqqaate qabxii lama qabannee deebiyuudhaaf karoorfanneera,” jechuun isaa ni yaadatama.
Leenjisaan garee biyyaalessaa Itoophiyaa Wubatuu Abaatee tapha Roobii warra Fara’oon waliin taphatan dura ibsa gaazexeessitootaaf kenneen, yaaddoon taphattoonni miidhamuu hedduu akka hin jirre himeera.
Ramaddii isaanii keessaa darbuudhaaf taphni Masirii waliin taasisan murteessaa ta'uus dubbatee ture.
Wubatuun, taphataan sara duraa warra Masirii Mohaammad Saalaah sababa miidhamaatiin tapha Roobii irraa hafuun isaa isa gammachiiseera yoo ta'eef egaafatamee ture.
Innis, "Moo Saalaah jiraates jiraachuu baates nuti gara dirree kan seennu mo'achuudhaaf," deebii jedhu kenne.
Dhiibbaan Moo Saalaah waan hin haalamne akka ta'e kan hime leenjisaan Waaliyaa, "Haata'u malee, inni hin jiru jennee wanti jijjiirru hin jiru," yaada jedhu kennee ture.