Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa irratti Itoophiyaan warqee jalqaba injifatte
Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 22ffaa Moriisheesitti gaggeefamaa jiruun Itoophiyaan meedaaliyaa warqee fi meetii jalqabaa injifatte.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 22ffaa Mooriishees magaalaa Poorti Luwiisitti har'a gaggeefamuu jalqabeera.
Dorgommiiwwan xumuraa guyyaa jalqabaatti gaggeefaman keessaa dorgommii fiigicha meetira 10,000 dhiirotaan Itoophiyaan meedaaliyaa warqee fi meetii injifatteetti.
Dorgommii kana Moogas Xi'umaay daqiiqaa 29:19.01 tokkoffaa yeroo bahu, Cimdeessaa Dabalaa daqiiqaa 29:22.74 lammaffaa bahuun injifatan.
Dorgommii xumuraa kanaafi kanneen biroos gaggeefamaa ooluu Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa fuula feesbuukii isaa gubbaatti ibseera.
Gareen Atileetiksii Itoophiyaa bakka bu'u dorgommii kanaaf gara Moriishees kan imale guyyaa lama dura ture.
Gareen atileetiksii Itoophiyaa kun ji'a tokkoof hoteelatti galee qophaa'aa ture.
Dorgommii kana irratti biyyoota Afriikaa 40 irraa atileetotni 500 ta'an hirmaachaa jiru.
Shaampiyonaa atileetiksii mana keessaa 18ffaa ji'oota dura Beelgireeditti gaggeefamee tureen Itoophiyaan warqee afur dabalatee meedaaliyaa waliigalaa sagal injifachuun addunyaarraa tokkoffaa ta'uun xumurte.
Qabxiin kun qabxii gad-aanaa Olompiika Tookiyoorratti argamee kan kiise ture.