Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beelgireed: Shaampiyoonaa atileetiksii Itoophiyaan tokkoffaan xumurte, eenyu maal injifate?
Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa Sarbiyaa magaalaa Beelgireeditti guyyooya sadiif gaggeefamaa ture Itoophiyaan warqee afur dabalatee meedaaliyaa waliigalaa sagal injifachuun addunyaarraa tokkoffaa ta'uun xumurte.
Shaampiyonaa mana keessaa 18ffaa Beelgireed kana irratti Itoophiyaan yeroo 17ffaaf kan hirmaatte yeroo ta'u, qabxii gad-aanaa Olompiika Tookiyoorratti argamee kan kiise ta'eera.
Ameerikaa, Beeljiyeem, Siwiizarlaand fi Siwiidin biyyoota afur Itoophiyaatti aansee sadarkaa hanga shanii qabachuun xumuraniidha.
Dorgommii kanaan Itoophiyaan meedaaliyaawwan jalqabaa kan argatte dorgommi guyyaa lammataa fiigicha meetira 3,000 dubartootaan godhameeni.
Dorgommii kanaan Lamlam Haayiluu warqee, Ijjigaayeehu Taayyee ammoo nahaasa injifatan.
Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaatti erga dabarseen ''Itoophiyaan addunyaarraa tokkoffaa ta'uun xumurteetti, gammachuun keenya daangaa hin qabu'' jedhe.
Itoophiyaan seenaa ishee Shaamiyoonaa kana marroo 17 keessattis injifannoo isa olaanaa galmeessisuus Federeeshinichi beeksiseera.
Itoophiyaan fageenya meetira 800 hanga 3000 atileetota dhiirota shaniifi dubartootaa sagal kan Beelgireeditti ergite yeroo ta'u dhiirotaan medaaliyaa warqee lama fi meetii tokko, meedaaliyaa warqee lama, meetii tokkoo fi nahaasa afur ammoo kan galmeessisan atileetota dubartootaa jaha.
Biyyootni addunyaa 138 atileetota 680 kan irratti hirmaachisan shaampiyoonaan atileetiksii mana keessaa Sarbiyaa guyyoota sadiif gaggeefamaa turee xumurameera.
Gudifaay Tsaggaayee dubartootaan Saamu'eel Tafarraa ammoo dhiirotaan fageenya meetira 1,500 warqee inifataniiru.
Meetira kuma 3000 dhiirotaan Salamoon Baareggaa dubartootaan Lamlam Haayiluu warqee injifatan. Dorgommii kana irratti atileetotni dubartootaa Itoophiyaa tokko hanga sadii bahuun injifatan. Samu'eel Tafarraa ammoo riikardii shaampiyoonaa kanaa haaraa galmeessuun injifate.
Meetiiwwan sadii dorgommii kanaan argaman kan galmeeffaman fiigicha meetira 3000 Lammeechaa Girmaan, Meetira 800 dubartootaan ammoo atileet Fireeweeynii Haayiluufi meetira 1,500 dubartootaan Aksumaayit Imaayeeni.
Nahaasa lama kan argamsiisan meetira 1,500 dubartootaan Hiruut Mashashaa meetira 3,000 dubartootaan immoo Ijjigaayyoo Taayyeedha.
Hirmaannaa fi injifannoo Itoophiyaa
Lakkoofs hirmaattotaa: 14 (dhiira 5 fi dubartoota 9)
Fageenya dorgommii irratti hirmaatan: 800, 1,500 fi 3,000
Baayyina meedaaliyaa: sagal(Warqee 4, meetii 3, Nahaasa 2)
Baayyina meedaaliyaa saalaan: dubartootaan meeaaliyaa 6( warqee lama, meetii 2 fi nahaasa 1) Dhiirotaan (warqee 2 fi meetii 1)
Shaampiyoonaan atileetiksii mana keessaa kun maali?
Shaampiyoonaan atileetiksii mana keessaa bara 1985 tapha mana keessaa jedhamuun Faransaay Paariisitti kan eegale yeroo ta'u, maqaa isaa har'aa kan qabate bara 1987'tti. Dorgommiin kun waggaa lama lamaan dorgomama. Inni alanaa kun yeroo 18ffaaf kan gaggeefameedha.
Dorgommii kan irratti bara 2008 hanga bara 2018tti sadarkaa tokkoffaan xumuraa kan turte Ameerikaadha.