Masiriin Itoophiyaadhaan injifatamuu booda leenjisaa ishee ariite

Waldaan Kubba Miilaa masirii leenjisaa garee biyyaalessaa Ehaab Galaal qacaramee taphoota sadiin booda hojiirraa gaggeesse.

Masiriin Waancaa Adunyaa Qaataariif darbuu dadhabuu ishee hordofee leenjisaan ganna 54, Galaal ji’a Eeblaa keessa leenjisaa Kaarlos Keerozh bakka bu’uun leenjisaa garee biyyaalessaa tahuun muudaman.

Haa tahu malee, gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023’f tapha garee biyyaalessaa Itoophiyaa waliin godhan irratti 2 fi0’n injifatamuu fi tapha michummaan ammoo Kooriyaa Kibbaan erga injifatamanii hojiirraa gaggeeffaman.

Miseensi boordii Waldaa Kubba Miilaa Masirii Haazem Emaam leenjisaa lammii biyya alaa tahe qacaruuf akka jedhan himaniiru.

Galaal bara darbe kilaba magaalaa Kaayiroo Piraamid leenjisaa erga turanii leenjisaa garee biyyaalessatti dhufan.

Kana dura kilaboota akka Zamaleek, El Masirii fi Al Ahilii Tiriipolii leenjisuun beekamu.

Ji’a Waxabajjii keessa tapha jalqabaa isaaniin gara xumuraa irratti Giiniidhaan 1 fi’0n mo’atan.

Garuu taphoota lama dursaan taphattootaa Masirii Mo Saalaan irraa hafe mo’amuun isaanii gatii isaan kaffalchiisera.

Waldichi leenjistoota biyya alaa hedduu waliin dubbachaa akka jiru himuun daariktera kutaa teeknikaa haaraas akka qacaru ibseera.

"Leenjisaa Ehaab Galaal galateeffachuun barbaada, nama kabajamaadha, haalota ulfaatoo keessatti nama hojjechaa turanidha,’’ jedhan.

‘’Dhiifama gaafachuu barbaada, garuu takka takka dhiibbaan jiru guddaa taha. Kanaafuu jijjirama fiduun hunduma keenyaaf gaarii akka tahetti ilaale,’’ jedhan.

Leenjisaa Keerozh, kana dura yeroo torba shaampiyoonaa Afrikaa kan turte Masirii leenjisaa turani.

Leenjisaa Sar Aleeksi Fargusan jalattis gargaaraa turani.

Akkasumas Poorchugaalii fi Iraan leenjisaa kan turan Masiriidhaan xumura waancaa Afrikaa darbeef dhaqqabsiisanii ture.

Garuu Senegaal rukuttaa peenaalitiidhaan waancicha mo’atte.

Itti aansuun Masiriin ammas gulaallii Waancaa Adunyaaf Senegaaliin mo’amuun dorgommicha keessaa hafte.