Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggeessa poolisii konkolaataasaa keessa taa'een itti dhukaafamee ajjeefame
Ameerikaa, Waashingitan DCtti dargaggeessi tokko poolisii konkolaataa isaa keessa duubaan taa'ee ture tokkoon itti dhukaafamuun ajjeefame.
Biiroon Haqaa Waashingitan DC ammoo ajjeechaa ilma ol-adeemaa kana ilaalchisuun qorannoo akka gaggeessuuf jiru himeera.
Qodaalonni poolisii konkolaataa hatame tokko bananii yeroo seenanitti gurbaan umuriin isa waggaa 17 ta'e Dalaaneyoo Maartiinii jedhamu keessa rafaa ture jechuun beeksise poolisiin.
Akka viidiyoo kaameraan uffata poolisii irratti maxxanfamee jiru waraabe agarsiisutti poolisiin to'annoo jala oolchuudhaaf dhokatee konkolaaticha yeroo seenu mul'isa.
Shakkamaan gurraacha ta'eefi ol-adeemaa ta'e akkuma poolisiin teessoo duuba isaarra taa'ee jiruun konkolaaticha saffisaan kaasee oofuu jalqabe.
Poolisichis akka gurbaan kun konkolaataa dhaabu erga itti himeen booda duubaan dhukaasa itti bane.
Biiroon Haqaa ibsa Roobii baaseen, "lubbuun, keesumaa lubbuun ol-adeemaa akkasii baduun yeroo hunda gaddisiisaadha," jedhe.
Viidiyoo kaameraa uffata poolisii irratti maxanfamerraa argame "kan baayyee nama aarsudha" jedheera.
Maatiifi firoota gurbaa reefuu ol-adeemaa ajjeefame kanaafis jajjabina hawweera Biiroon Haqaa kun ibsa isaatiin.
Eenyummaan poolisii gurbaatti dhukaasee ajjeesee kun ammatti kan adda hin ba'iin jiru yoo ta'u, qorannoo Metiroo Poolisii Waashingitan DC waliin taasiseen garuu miseensa poolisii Paarkii Ameerikaa ta'uu qofa bira gahameera.
Akka viidiyoo kaameraa uffata poolisirirratti tofameen waraabee mul'isutti qondaalonni poolisii akkamitti akka konkolaataa motorri isaa hin dhaamiin jirutti seenanii qabuun isaanirra jiru mariyachaa jiru.
Viidiyoon kun Kibxata kan gadhiifame yoo ta'u, taateen kun kan mudate garuu Sambata halkan sa'aatii 3:00 duradha.
Pilaastika akka foddaa yedhaafiitti gargaaru muranii osoo gurbaan ka'ee hin oofiin dura akkamitti akka qabuun isaanirra jiru mariiyataniiru.
Poolisiin Waashingitan tokko ammoo "maaloo [konkolaataa] keessa akka seene," jechuun miseensi poolisii Paarkii yeroo gorsu viidiyoo sanarraa ni dhaga'ama.
"Namana dhaabi! Na gadhiisi! Nan deema!" jechuun qondaalli poolisichaa yeroo ol fuudhee dubbatus ni dhaga'ama ture.
Osoo walitti aansee hin dhukaasiin dura "Dhaabi" Dhaabi! ta'uu baannaan nan dhukaasa"! jechuun dubbata.
Itti aansuun sekandoota muraasaan booda konkolaatichi mana tokkotti bu'e. Poolisoonni ammoo gurbaa ol-adeemaa kanaaf wallaansa fayyaa wayita taasisanittis mul'ateera.
Konkolaaticha keessaa shugguxiin argamuu poolisoonni himaniiru.
Dura taa'aan Waldaa Poolisii Paarkii Ameerikaa poolisichaaf falmuun dubbateera.
"Seerri akka inni konkolaataa keessa seensu godhee jira. Humna gargaaramuun isaas sirrii ture. Waldichis tarkaanfii qondaalonni poolisii fudhatanis ni deeggara," jechuun dura t'aan Waldichaa Ispeenser Waashingitan Positti himeera.
Haati gurbaa ajjeefamee poolisiin rasaasa dhukaase hojiirraa dhorkamee suuratti akka dhiyaatu barbaaduu himte.
"Wanti ta'e nama dhukkubsa," jechuun gaazexeessitootatti dubbate Aadde Teeraa Maartiin.