Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afuuffeen basaasaa battalaan odeeffannoo Chaayinaatti ergaa turte - gabaasa
Afuuffeen Chaayinaa torban muraasa dura samii Ameerikaa irra balali'aa turte osoo rukutamee hin dhoofamiin dura buufataalee waraanaa irraa odeeffaannoo walitti qabuu miidiyaan Ameerikaa gabaase.
Afuuffeen kunis odeeffannoo kallattiidhaan gara Beejiingiitti dabarsaa akka turte NBC'n qondaaltoota Ameerikaa eeruun gabaase.
Meeshichis suuraalee kaasurraa danbaliiwwan elektironikaa akka fudhatan maddi oduu kun qondaala tokko eeruun gabaase.
Haata'u malee Waayit Hawuus gabaasicha hin mirkaneessine.
Garuu ammoo qondaaltoonni Ameerikaa dandeettii odeeffannoo sassaabuu afuuffee biyyattii gubbaa bolali'aa turte sanaa daangeessuu himanii ture.
Guyyaa Wiixataa Dubbii Himtuun Raayyaa Ittisa US Gareen Qorattoota Ameerikaa ammalleen caccabaa afuuffee sanaa qoraa jiru jedhan.
''Afuuffichi ta'e jedhamee akka balali'uun karaa isaarra akka imalu akka taasifame beekna'' jedhan dubbi dubbii himtuun waraanichaa Addee Sabriinaa Singh.
Haata'u malee dhaabbilee waaraanaa irra balali'u hin kaafne.
"Chaayinaan odeeffannoo hangamii walitti qabachu akka dandeessuu ilaalchisuun ammalleen xinxalaa jirra. Garuu ammoo tarkaanfiiwwan nuti fudhannee ammoo odeeffannoo silaa isaan saataalaayitii irraa walitti qabachu danda'an durseera'' jedhan.
Afuuffichi eessarra balali'ee?
Qondaaltoonni Ameerikaas afuuffichi osoo deebi'ee daangaa qilleensa Ameerikaa hin seeniin dura jalqaba Guraandhalaa irratti Alaaskaa fi Kaanaadaa irratti bira gahu himan.
Afuuffeen meetira 60 dheeratus jettii waraanaa Ameerikaatiin Guraandhala 4 irratti qarqara Kibba Kaarolinaatti rukutamee kuffisame.
Qondaaltoonni Ameerikaas booda keessa afuufficha argachu himan. Qondaaltoonni Chaayinaa garuu afuuffichii kan haala qilleensaa hordofuu yoo ta'u Ameerikaan rukkuttee kufiiste jedhan.
Qondaaltoonni miidiyaa Ameerikaatti akka himaniitti, Chaayinaan osoo afuuffeen kun buufataalee waraanaa hedduu qaxxaamuriin dura to'achu dandeeessi turte.
Taateen kunis walidhabiddee dippilomaasii kaasuun Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan imalasaanii gara Chaayinaa akka haqan taasiseera
Afuuffeen sun rukutamee kufisameen torbeen booda, jettiiwwan waraanaa Ameerikaa afuuffeewwan Chaayinaadhaan akka hojjataman shakkan hedduu rukutuun kuffisan. QQajeelchi Raayyaa Ittisa Ameerikaa Chaayinaan balaliinsa afuuffeewwan addunyaa guutuutti gadhiisaa jirti jedhe.