WMO: 'Dhaabbati rakkoo keessa hundaa'ee' har'a maalirra jira?

Madda suuraa, Dejene Eticha
"Rakkoon Oromiyaa keessa jiru kun rakkoo hundeesaa baay'ee gadi fageeffatedha. Kanaaf, kan humna mootummaa qofaan hiikamuu waan hin dandeenyeef akkamitti rakkoo kana hiikna kan jedhu marii taasisan" jedhu Obbo Dajanee Itichaa yaadni ka'umsa hundeeffama Waldaa kanaa yoo dubbatan.
Waldaan kun barattootasaa ciccimoo akkuma biyyattuu yeroo garagaraatti qabxii olaanaa galmeessisaniin beekamtii horateera.
Waldaan yeroo hundeeffama isaarraa eegalee maallaqa birrii biliyoona 25.3 ol baasii godhe kun, pirojeektota 6,867 ol hojjechuun ummanni naannoo Oromiyaa miliyoona 29 ta'u akka fayyadamu taasisuu ragaan waldichaa ni hima.
"Waldaan Misooma Oromiyaa (WMO)n ALI bara 1985 kufaatii sirna Dargii booda hundeeffame" kan jedhan Daayrektarri Olaanaan Waldichaa, Obbo Dajanee Itichaa, hundeeffamni isaas rakkoolee naannichi qabdu bu'uura kan godhate ta'uu himu.
"Hayyoonni yeroo sana turan, quuqqamtoonni, dhimmamttoonni Oromoo, beektoonni muraasni waliin ta'uun, 'rakkoon Oromiyaa keessa jiru kun rakkoo hundeesaa baay'ee gadi fageeffatedha; mootummaan amma jiru kun mootummaa haaraa waan ta'eef, humna mootummaa qofaan hiikamuu waan hin dandeenyeef akkamitti rakkoo kana hiikna kan jedhu marii taasisan" jechuun yaadatu.
Marii bal'aa taasifameen boodas dhaabbanni tokko barbaachisu waliigaluun Waldaan Misooma Oromiyaa akka hundaa'e himan.
"Kaayyoon WMO inni guddaan tokko barnoota, inni lammataa bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa keenyaaf dhiyeessuudha, sadaffaan du'a haadholiifii daa'immanii hambisuudha, inni afraffaan immoo hojii kunuunsa qabeenya uumamaarratti hojjechuudha" kan jedhan daayrektarichi, waldichi hojiilee kunneen mootummaa bakka bu'uun osoo hintaanee bakkeewwan mootummaan gahuu hin dandeenyetti akka hojjetus himu.
"Rakkoolee hawaasa keenya gidirsan kan mootummaan bajata irratti hin qabne, iddoo kana gahuudhaan qaawwa mootummaan misoomarratti qabu duuchuun hojii WMO'ti" jedhu.
Rakkoolee ijoo afur
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hundeeffamuu WMO'f rakkooleen ijoo afur sababa akka turan Obbo Dajaneen himu.
Isaaniis: carraa barnootaa argachuu dhabuu daa'immanii, du'a haadholii fi daa'immanii hanqina tajaajila fayyaarraa madde, hanqina bishaan qulqulluu fi gogiinsa akka ta'an himu.
"Rakkooleen akkasii bal'achaa waan dhufaniif, kun immoo mootummaa qofaan waan hin hiikkanneef, deeggarsa hawaasaa waan barbaaduuf waldaan kun akka hundaa'uuf sababa turan" jedhan.
Haa ta'u malee hundeessitoonni WMO yaada rakkoo ummata naannichaa furan of harkaa qabaatanillee, maallaqa yaadasaanii galmaan ittiin gahatan akka hin qabne yaadatu.
Kanaafis mala yaadasaanii kana hojiitti hiikuu isaan dandeesisu dhahachuu eegalan.
"Falaasamni hojii kana ittiin hojjennu tola ooltummaadha. Innis aadaa ummata Oromoo biras jira. Tola ooltummaan meeshaa dhaloonni ittiin ijaarramudha, kanaaf kanaan hojjechuu qabna kan jedhu irratti waliigalame," jedhan.
Haaluma kanaan waldichi miseensota tola ooltota horachuun deeggarsa maallaqaa bifa buusiitiin argatuun hojiilee garagaraa hojjechuu eegale.
Kana malees, deeggarsa dhaabbilee miti mootummaarraa argachuu, maddoota galii ofii uummachuu fi sagantaalee galii walitti qabuu adda addaa qopheessuun maallaqa walitti qabuun maloota waldichi galii argachuuf itti fayyadamudha.
Dabalataan namoonni beekumsaa fi humna qabaniin waldicha tumsuu akka danda'aniif hojimaanni diriiruus Obbo Dajaneen himan.

Madda suuraa, Dejene Eticha
Waggoota qormaataa
Tumsi Waldaan Misooma Oromiyaa hundeeffama isaarraa eegalee ummata naannichaa biraa argate olaanaa ta'us waldichi qormaatawwan garagaraa keessummeessuu Obbo Dajaneen himu.
Qormaatawwan kunneen keessaa tokko immoo qormaata gama mootummaatiin isa mudate ta'uu dubbatan.
"Bara 1989 booda hawaasni Oromoo akkasitti waldaa jala deemuun, hiriiruun, misooma naannoo isaatiin deemuun kun mootummaa biyya bulchu biratti ija shakkiin ilaalame" jedhan.
Sana boodas hanga ALI bara 2002'tti waldichi dadhabuu kan himan Obbo Dajaneen, "akka hin diigamne jira, jiraatee hawaasa akka hin gargaarreef ammoo sochii hin qabu" jechuun haala waldichi waqtii sana keessa darbe ibsu.
Hooggansi haaraan ALI bara 2002'tti gara aangootti dhufes rakkoolee waldichi qabu adda baasuunii fi furmaata itti laachuun waldichi lubbuu akka horatu taasisuu himan.

Madda suuraa, Dejene Eticha
Fakkeenyummaa barnootaa
Rakkoon qulqullina barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti mul'ate hundeeffama Manneen Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaatiif sababa ijoo ture.
Hundeeffamni manneen barnootaa kunneenii yaada, "Dhaloota dorgomaafi ofitti amanamummaa qabu akkasumas boru biyya kana baate deemuu danda'u uumuu qabna," jedhurraa kan madde akka ta'e dubbatu Obbo Dajaneen.
Haaluma kanaan manneen barnootaa bulti addaa sadi ijaaruuf karoorfatamee, isaan keessaa manneen barumsaa lama hojjetamuu himan.
Kaayyoon manneen barnootaa kunneeniis barattoota dandeettii addaa qabaniif bakka dandeettii isaanii itti mul'isan mijeessuu, manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessa jiraniif giddugala muuxxannoo gochuufii barattoota gidduutti miira waldorgommii uumuudha.
Haaluma kanaan mana barumsaa bulti addaa isa jalqabaa kan ta'e Manni Barumsaa Bultii Addaa magaalaa Adaamaatti argamu ALI bara 2006 barattoota 200 simachuun hojii baruu barsiisuu eegale. Itti aansuunis Manni Barumsaa Bultii Addaa magaalaa Bishooftuutti argamu dabalame.
Barattoonni magaalotaa fi aanaalee Oromiyaa garagaraarraa dorgomuun manneen barnootaa kunneen seenanis qormaatilee sadarkaa biyyaalessaarratti qabxii olaanaa galmeessisuun dinqisiifannaa horachuu eegalan.
Naannolee fi magaalonnis manneen barumsaa kunneen fakkeenyummaan fudhachuunii fi muuxxannoo isaanii qooddachuun manneen barnootaa hundeessuu eegalan.
"Ministeerri Barnootaa yeroo ammaa kana Mana Barumsaa Bultii Addaa kan Waldaa Misooma Oromiyaa kana akka moodeeliitti fudhatee manneen barnootaa 50 ol ijaaraa jira," jedhan.
Hanqinootaafi imala gara fulduraa
Manneen Barumsaa Bultii Addaa WMO barattoota ciccimoo akkuma biyyaattuu fakkeenya ta'an omishuu danda'anis hanqinoota adda addaa akka qaban Daayrektarri Olaanaan WMO Obbo Dajanee Itichaa ni himu.
"Manneen yaalii /laaboraatoorii/ isaanii yoo deemne laaboraatooriin keenya guutuu miti. Yookaan kemikaalatu nu hir'ata yookiin immoo moodeelii adda addaatu nu hir'ata," jedhan.
Kana malees barattoonni manneen barumsaa kunneenii hojiilee kalaqaa garagaraa of harkaa qabaatanis gara oomishaatti seenuuf deeggarsa kan barbaadan ta'uu himan.
Kunis deeggarsa hawaasa Oromoo biyya keessaa fi biyyoota biroo jiranii kan barbaadu akka ta'e himaniiru.
"Hanqinni guddaan nuti qabnu naannoo tekinoloojii kanadha. Ayyaanaaf gara biyyaa yeroo dhufan namni tokko laaptoppii yookiin taableetii tokko tokko ijoollee keenyaaf osoo fidanii dhufanii biyya boruuf ijaarru keessatti gumaacha gochuudha," jedhan.
Gama biraatiinis, WMO'n ijaarsa Yunivarsiitii Saayinsii fi Tekinoloojii WMO (ODA Science and Technology University) jalqabee sababa hanqina bajataan ijaarsisaa dhaabbatee jiru itti fufsiisuuf karoorfatee akka jirus kaasaniiru Obbo Dajaneen.
Kana malees, bara itti aanu (2018) keessa ammoo Magaalaa Finfinnee keessatti mana barumsaa kutaa 1-8ffaa sadarkaa idil-addunyaa eeggatee fi waldichaafis madda galii ta'uu danda'u tokko banuuf sochiirra akka jiru himaniiru.
Dabalataanis waldichi Magaalaa Finfinnee keessatti gamoowwan galii argamsiisuu danda'an ijaaruuf karoorfatee hojjechaa akka jirus BBC Afaan Oromootti himan.












