Manni Barnootaa Bultii Addaa WMO barana hangam milkaahe?

Barattoota Mana Bultii Addaa WMO

Madda suuraa, Dejene Eticha

Manni Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaaf dhiyeesse keessaa barattootni 99.3% ta'an qabxii waliigalaa walakkaatiin ol fiiduun mikaahuu beeksise.

Daayireektarri Olaanaa Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Itichaa barattoota 144 qorumsa biyyaalessaa kutaa 12f dhiyeessan keessaa dhibbeentaan 99.3 milkaahuu BBC'tti himan.

''Waldaan keenyaa erga bara 2009 irraa akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessaa jiraatus, milkaahinni keenya akka bar darbee fi bara kanaa mula'tee hin beeku'' jechuun dubbatan.

Manni barnootaa bultii addaa WMO magaala Adaamaa jiru bara kana barattoota dhiiraa 89 fi dubaraa 55 qormaataaf dhiyeesse. Kana keessaa dhiirri 14 fi dubartootni 6 walumatti barattootni 20, qabxii 700 keessaa qabxii 600 ol fiduu Obbo Dajaneen himaniiru. Bara darbes barattoota 21tu 600 ol fide.

Qormaata kutaa 12 kanaan barattuu mana barnootaa magaalaa Finfinnee Kiruuz jedhamuu Hanaan Najii 700 keessaa 649 fiduun qabxii olaanaa biyyattii galmeessiteetti. Waldaan Misooma Oromiyaa ammoo bara kana qabxiin olaanaa barataasaatiin galmaahe 637 ta'uu ibseera.

Ministeerri barnootaa bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ALI bara 2015 ilaalchise ibsa Wiixata kenneen manneen barnootaa addaa shan barattootasaanii hunda dabarsuu ibseera.

Isaanis Mana Barnootaa Bultii Addaa Addiis Alemaayehu magaalaa Dabra Maarqoo jiru, Mana Barnootaa Bultii Addaa Dasee, Mana Barnootaa Siiteem Baahirdaar, Mana Barnootaa Haayeer Niizee godina Silxee jiruufi Mana Barnootaa Bultii Addaa Lichee Gugu Hadiyyaa jiraniidha.

Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuun manneen barnootaa kanaan cinaatti manneen barnootaa biroon shan ammoo barattootasaanii dhibbeentaa 95 ol dabarsuun milkaahuu ibseera.

Kanaanis Manni Barnoota Bultii Addaa ODA manneen barnootaa akka biyyaatti sadarkaa jalqabaa 10 irra jiran keessaa tokko ta'uu danda'eera jedhu Obbo Dajaneen

''Bara Raajiifaa Caalaa fa'a, qabxii 649, 647 fidan bara 2009 irraa kaasee hanga ammaatti qabxii olaanaa galmeessuun itti fufaa jira.''

Itti dabaluunis mootummaan sirna kenna qormaataarratti jijjiirama gochuun hanna qorumsaa xiqqeesuuf tarkaanfiin fudhate ifaajee fi gahumsi barattootaa fi mana barnootichaa akka ifa bahu gargaaruus dubbatan.

Bara darbes mana barnoota isaanii keessaa barattootni 21 qabxii waliigalaa 600 ol fiduu yaadachuun, ''barattootni kun amma carraa Ministirri Muummee Itoophiyaa mijeessaniin Dubaayitti barnootarra jiru'' jedhan.

Barattootni Bultii Addaa WMO harki hedduun ammoo qabxii 550-599 gidduu fiduu obbo Dajaneen himaniiru.

'Barattuu 600 ol fiddi jennee eegaa turretu gadi bu'e'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manni Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa barattoota qormataaf dhiyeesse keessaa milkaahina harka dhibba kan hin galmeessine sababa rakkoo fayyaafi maatii barattuu isaa qabxii olaanaaf eegamtu mudaten akka ta'e Obbo Dajaneen Himaniiru.

Barattoota qormaaticha fudhatan 144 keessaa barattuu dubaraa ''cimtuudha'' jedhaniin tokko qofatu qabxii waliigalaa 700 keessaa walakkaa gadi galmeesse.

Obbo Dajaneen barattuun kun qorannoo qoricharratti gaggeessitee argannoo argatteen dhaabbata biyya alaarraa beekamtiifi carraa barnootaa argattee akkasumas kitaaballee barreessitee akka jirtu dubbatan.

''Akka carraa ta'ee barattuun kun kanneen qabxii olaanaa galmeessuu jedhamanii eegaman keessaa tokko turte, qorichi mataashetiin kalaqxe yunivarsiitii biyya alaatti laabraatoriin ilaalamee fudhatama argatee isheenis carraa barnootaa argattee, adeemsi imalaa ishee jalaa gufachuusaatiinifi rakkoo fayyaatiin qabxiinshee kun xiqqaate.''

Barattuun ammaaf maqaashee hin ibsine kun jabaattee akka qormaataaf dhiyaattu gargaaraa akka turan kan himan Obbo Dajaneen, qabxiin argattee 350 gadi ta'uu malee Yunivarsiitii kan ishee hanqisu akka hin taane abdii qaban ibsaniiru.

'Manni barnootaa keenya akka biyyatti muuxannoo qoodaa jira'

Manni Barnootaa Bultii Addaa WMO qofaatti sirna barnootaa jijjiira jechuu akka hin taane kan dubbatan Obbo Dajaneen, barattootni isaanii bakka deemanitti milkaahaa akka jiran kaasanii, biyya keessattis manneen barnootaa kaaniif bu'uura muuxannoo ta'aa akka jiru himan.

Manneen barnootaa addaa dhiyoo kana nannolee adda addaa keessatti ijaaramanii qabxii kutaa 12 bara kanaan hanga sadarkaa 10 bahuu danda'aniifillee kan muuxannoo qoode akka ta'e dubbataniiru.

''Manni Barnootaa Bultii Addaa Dasee fi manneen Barnoota bultii Aaddaa magaalaa Finfinnee lamaan muuxannoo nurraa fudhatan.''

Naannoo Oromiyaa keessattis barnootarratti dhiibbaa gaarii uumaa jirachuu himan.

''Barattoota manneen barnoota mootummaa fi dhuunfaa keessatti baratan keessatti mana barnootaa kana galuuf miira dorgommii guddaa uumeera.''

Miirrii dorgommii gulantaalee barnootaa gadiitti uumamaa jiru ammoo qulqullina barnootaa fiduuf gahee ni baha jedhaniiru.

''Ministeerri barnoota gahee isaatiin ala bahee guutuu biyyaatti manneen barnoota Bultii Adda 50 ijaaruuf kaka'umsaafi galtee muuxannoo kan ta'e mana barnootaa keenya.''