Dhaloota kanaan egeree biyyattii ibsuuf jecha 'Ifa Boruu' jenne - BBO

Madda suuraa, OEB
Mootummaan Naannoo Oromiyaa baajata birrii Biliyoona 6 ramaduun gaaffiiwwan qulqullina barnootaa deebisuudhaaf fala tokko kan jedhe manneen barnootaa sadarkaa isaanii eegan ijaaraa jiraachuu himeera.
Manneen barnootaa kunneen qorannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa taasise irratti hundaa’uun kan ijaaraman yoo ta’an, tibba kana ammoo magaalawwaniifi godinaalee adda addaa keessatti eebbifamaa jiru.
Biiroon Kominikeeshinii naannichaas eebba pirojektiiwwan barnootaa kana ilaalchisuun ibsa baaseen, 'hojiin mootummaan naannichaa barnoota irratti hojjechaa jiru dhimma egeree ummata Oromooti' jedheera.
Aanga’oonni naannichaas sochiin kunis kan 'mul’ata abbootiin Oromoon barachuu qaba jechuun falmaa turan galmaan gahuuf hojii xiyyeeffannaan hojjetamaa jiru akka ta’e kaasu.
Gorsaafi Itti-aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa (BBO) Obbo Efreem Tasammaa kaayyoon pirojektii manneen-nbarnootaa Ifa Boruu maal akka ta’ee fi maaltu akka adda isa taasisu moggaasa maqaa isaa irraa ka’auun BBC'tti himaniiru.
Maqaan ‘Ifa Boruu’ jedhu maaliif moggaafameef?
Pirojektiin maneen barnootaa kun qorannoo Biiroon Barnootaa ALI bara 2010 qorate irratti hundaa’uun bakka barbaachisutti guutummaa Oromiyaa keessatti hojjetameera kan jedhan Obbo Efreem, maqaan isaa maaliif akka ‘Ifa Boruu’ jedhame ibsu.
“Fuuldura saba keenyaa, biyya keenyaa akkasumas fuuldura Gaanfa Afrikaa ibsuudhaaf itti yaadamee pirojektii hojjetame waan ta’eef ‘Ifa Boruu’ jedhame,” jechuun duubatan.
Itti dabaluun, jaarraa 21ffaa keessatti daran barbaachisaa kan ta’e odeeffannoo, tekinooloojii fi kalaqaan dhaloota ammaa kana barnoota gahumsa qajeeltoon baafne siyaasaa fi hawaas-dinagdee hawaasaa ifa isaan gochuuf maqaan kun filatame jedhu Obbo Efreem.
“Keessumatti dhaloota kanatti fayyadamnee fuuldura biyyaatii kana ibsuudhaaf jecha ‘Ifa Boruu’ jenne.
Manneen barnootaa ‘Ifa Boruu’ warra kaan irraa maaltu adda godha?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ifa Boruuu gosa lama akka qaban kan dubbatan Obbo Efreem, inni tokkoffaan maneen barnootaa ‘Ifa Boruu’ sadarkaa lamaffaa kan jedhamu 100 ta’an bara barnootaa 2013 (ALI) baajata mootummaan Oromiyaa ramadeen ijaaramanii bara 2014 kana keessa hojiitti kan galanidha.
Inni lamaffaan ammoo Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaa lamaffaadha. Isaan kun akka Oromiyaatti torba yoo ta’an, barattoota simatanii bakka bakka jireenyaa, nyaataafi dhugaatuu barbaachisu guutuun bakka itti barsiifamu akka ta’e ibsu aanga’aan kun.
Seenaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa keessatti waggaa tokkotti maneen barnootaa 100 ol, isayyu ammoo ijaarsa sadarkaa barbaachisuu guuttateefi ballina lafaa yoo xiqqaate hektaara 12 irratti ijaaranii qaqqabsiisuun murannoo jiru kan agarsiisu akka ta’e dubbatu.
Maneen barnootaa kunneen wantota barbaachisan akka bakka woorkishooppii, ICT, mannee-kitaabaa, dirreewwan ispoortii, ijaarsa bulchiinsaafi kutaa barnootaa G+2 ta’een hundisaanii sadarkaa tokkoon ijaaraman jedhu.
Kun deebii lama deebisuuf akka ta’e kan himan Obbo Efreem, “inni tokkoffaan istaandardii maneen barnootaa biyyattiin lafa kaawwattee jirtuuf gara fuula duraatti akka ka’umsaatti akka gargaaru gochuufidha.
''Lammaffaan ammoo barattoota sadarkaa tokkoffaa kutaa 8ffaa irratti fagoo deemanii barachuu dadhabuu irraa kan ka’een addaan kutan akka carraa barachuu argatan gochuuf jedhameeti,” jedhu.
Akka Obbo Efreem jedhanitti, Maannee Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sadarkaan Lamaffaa gaaffii qulqullina barnootaa jiru akka deebisuuf addatti itti yaadamee kan hojjetamedha.

Madda suuraa, BBO
Kaayyoon ijoo Manneen-barnoota Ifa Boruu Bultii Addaa kun lama jedhu Obbo Efreem. Tokkoffaan, barattoota ciccimoo ta’an simatanii bakka mijataa jiraatan, barsiisota gahumsa qabaniifi ‘faasisliitii’ guutuu argatanii baratanii booda yoo xiqqaate human gaaffii qulqullina barnootaa deebisan keessatti qooda qaban gochuudha.
Lamaffaan, barattoonni maneen barumsaa sadarkaa tokkoffaa keessa jiran akka kaka’umsa horataniifi mana-barumsaa addaa kana galuudhaaf qbsaa’an gochuudha.
Kana malees, barsiisonniifi maatiinis ijoollee isaanii akkamiin akka Manneen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa kanaan gahuudhaaf danda’an irratti akka dhimmanii hojjetan taasisa jedhu Obbo Efreem.
“Kun ammoo hawaasni barnootaa waliigalaa hawwii kana guutachuudhaaf hojii hojjetamuun miira kaka’umsaa horachuun gaaffii qulqullina barnootaaa keenya deebisuu danda’a jennee akka tooftaatti kan bannedha.”
Manneen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa kunneen torba: Amboo, Baddallee, Najjoo, Dodolaa, Haroomaayaa, Yaaballoofi Nagallee Booranaa irratti banaman.
Yeroo ammaa kana maneen barnootaa torbanuu hojiitti jiru kan jedhan Obbo Efreem, “waggoota afran, shaman tokkoon booda wanta mul’atu, ijaafi gurraaf bareedu ni argina jennee yaadna,” jedhan.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa lammaffaafi Ifa Boruu Bultii Addaa Sadaarkaa lamaffaa waan baaayyeen walfakkaatu garuu bal’ina lafa irratti ijaaramaniin garuu garaa garummaa qaba akka Obbo Efreem jedhanitti.
Manneen Barnootaa Ifa Boruu sadarkaa lamaffaa lafa hektaara 12 irratti kan ijaaraman yoo ta’u, Ifa Boruu Bultii Addaa Sadaarkaa ammoo lafa hektaara 16 hanga 21 irratti kan ijaaramanidha.
Manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa lafa bal’aa irratti ijaaramuu, daree barnootaa gamoo G+2 qabaachuu, mana fincaanii barattoota dhiiraafi shamarranii addaa addatti qabaachuu, kutaaleen bulchiinsaa sadarkaa eeggatan, kutwwaan woorkishooppii, maneen-kitaabaa, ICT, direee jiminaastikaa, dirree kubbaafi istaadiyeemota, bakka bishaan daakaa sadarkaa isaa eeggate kan guuttatanidha.
Kana malees, barattoonni barnoota qonnaas barachuu qabu waan ta’eef lafa qonnaas ni qaba. Kuduraafi fuduraa isaaniif barbaachisu barattoonni akka achumatti ho’aa isaa aragatn gochuuf lafti qonnaan gahaa mooraa keessa ni jira.
Dabalaataan, bakka loon aannanii itti horsiisan ammayaawaa ta’e guutameefiif ogeeyyii leenji’an kanarra hojjetan waliin akka qaban himu aanga’aan BBO kun.
Manneen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa wanti biroo adda taasian mooraa miidhagaa daandii keessaa, abaaboofi ibsaa guutuu qabaachuurra darbee bakka artiifi danddeettiiwwan adda addaa qaban barattoonni ittiin gabbifatan Amfii Tiyaatira guuttateera.
Barsiistota akkamiitu Ifa Boruuf ta’a?
Barsiistonni Manneen-Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaatti barsiisan hundumtuu yoo xiqqaate barnoota digirii lamaffaa (MA ykn MSC) qaban, qabxii waliigalaa guddaa ta’en eebbiifaman fi muuxannoo waggaa shanii kan qaban akka Oromiyaatti beeksifni bahee dorgomanii akka fudhataman beekameera.
Akka Obbo Efreem dubbatanitti, pirojektiin kun akka milkaa’uuf gumaachi kutannoo siyaasaa mootummaa naannoo Oromiyaafi caasaa Biiroo Barnootaati.
Gaheen beektota Oromoo biyya keessaafi biyya alaarraa bahatanis shoora akka qabu dubbatu.
Siidaawwan mooraa maneen barnootaa kanneen keessatti ijaaraman hoo…?
Mannen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa keessatti siidaan abbootii seenaa Oromoo keessatti bakka qaban akka Hayilee Fidaa, Abbaa Gammachiis (Onesmoos Nasiib), Sheek Bakirii Saphaaloo, Janaraal Waaqoo Guutuu, Luba Guddinaa Tumsaa, Abuuna Phexiroos (Magarsaa Badhaasaa) fi Jeneraal Taaddasaa Birruu ijaaramaniiru.
Obbo Efreem, kaayyoo siidaa abbootii kanneenii dhaabuu yeroo ibsan akkas jedhu.
“Oromoon akka qaroomuufi akka of danda’uuf , akka baratuuf namoonni gahee isaanii bahan yaadatamuun irra jiraata. Jarri kun qabsoo isaan taasisanii sadarkaa har’aa irra geenye.
Ijoolleen har’a Manneen-barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa keessa jiran yeroo bahaniifi yeroo gaklanitti jara kana ni argu waan ta’eef; jechoonni jarreen kanaa siidaa isaanii jalatti barreeffamee jira.
Kana ilaalanii akka isaanii seenaa hojjennee darbina jedhanii akka yaadan taasisa. Uummata Oromoof kan hojjete, kan qabsaa’e akka hin kufneefi seenaa keessatti akka yaadatamu akka beekaniif isa kanaaf ammoo akka hojjetan yaadneeti kan ijaarre,” jedhan.












