Apple gosa bilbilaa haaraa 'iPhone 14 Pro' fi sa'atii 'Watch Ultra' jedhaman gabaaf dhiyeesse

Madda suuraa, Apple
Dhaabbati teknooloojii guddichi Apple gosa bilbiloota isaa keessaa isa haaraa kan ta'e iPhone 14 Pro jedhamu gabaaf dhiyeessuu ibse.
Gosti iPhone haaraan kun yeroo balaa tasaa saataalaayitii fayyadamuun kan odeeffannoo kennuu fi balaa konkolaataa adda baasuuf kan gargaaruudha jedhe Apple.
Jaarmiyaan teeknooloojii kun sa'aatii ismaart ta'e- Watch Ultra jedhamu hojjetee gabaaf dhiyeessuu ibseera.
Sa'atiin harkaa Apple kan walitti fufuun ba'aa ture keessaa inni alana ibsame 8ffaadha. Sa'atiin kun balaa tiraafikaa mudate adda baasa, marsaa laguu dubartootaa to'ata akkasumas baatiriin wayita hir'atu kan qusatu qaba.
Sa'atiin kun wayita balaan tiraafikaa mudatu nama uffatee jiruu fi tajaajila balaa tasaa walquunnamsiisa.
Isa booda bakka balaan itti mudate mul'isuun namoonni tajaajila yeroo balaa tasaa kennan akka bakkatti argaman godha.
Meeshaan Apple kun yeroo tokko baatiriinsaa guunnaan hanga sa'atii 36 turuu danda'a.
Gatiin sa'atii Apple 8ffaa kun doolaara 399 jedhameera.

Madda suuraa, Apple
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gosti sa'atii haaraan kan biraan Apple gabaaf dhiheesse Ultra Watch jedhama. Uffatte bishaan daakuutu danda'ama. dhukkee dandamata, miidhaa irra ga'us kan dandamatuudha jedha Apple.
Ultra Watch baatiriinsaa altakkaa guunnaan hanga sa'atii 36 tura. Gatiinsaa doolaara 799.
Kubbaaniyyaan kun gosa bilbilaa iPhone 14 gabaaf dhiyeessuu ibseera. Bal'inasaarratti hundaa'uun- iPhone 14 fi iPhone 14 Plus jechuun dhiyeesseera.
Bilbilli haaraan kun saataalaayitii fayyadamuun yeroo balaa tasaa ergaa erguu danda'a.
Karaa Saataalaayitii ergaa erguuf sekondii 15 hanga daqiiqaa itti fudhata.
Kaameeraan bilbila kanaa meegaa pikselii 12 yoo ta'u wantoota ariitiin sochiirra jiran qulqulleessee kaasa, bakka ifi ga'aan hin jirretti ammoo suuraa kaasuudhaan kan kanaan dura turerra harka 49n fooyya'ee kan ba'eedha.
Gatiin iPhone 14 kun doolaara 799 ta'uufi iPhone 14 Pro ammoo doolaara 999 Apple ibseera.
Apple sagalee guddistuu haaraa gabaaf dhiyeessuus ibseera. AirPods gatiin isaa doolaara 249.












