Yaaddoofi sodaa waraabessi Finfinnee fi naannawaasheetti uume

Itoophiyaa, keessumaa magaalaa seena qabeetti baha biyyattiitti argamtu Hararitti namni waraabessa sooruun hawwata turizimii ta’eera. Addunyaarrattis beekameera.

Waraabessumti kunneen garuu giddugala biyyattii, keessumaa magaalaa Finfinneefi naannawaa isheetti ammoo daa’imman dabalatee nama galaafataa jiru.

Baatii Muddee keessa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii qe'ee mana ammayyaa keessatti waraabessi dargaggoo umuriin ganna 30 keessa jiru lubbuu dabarseera.

Inniis iyyee, namoonnis birmataniif ture garuu lubbuun hambisuun hin danda'amne. Kunimmoo jiraattota duruu sodaa ibsataa turan caalaa yaaddoo keessa galcheera.

Akka qondaaltonni Itoophiyaa ibsanitti, waggoota lamaan darban qofa waraabessi Finfinnee keessatti namoota saddeet ajjeeseera.

'Waardiyyaan galgala nyaatame'

Finfinneerra 17km fagaattee kan argamtu Laga Xaafoo Laga Daadhiitti miidhaan dhihoo dhaqqabees waraabessi ammallee jiraattota yaaddessuu isaaf ragaadha.

Waraabessi kan nama ajjeese qe’ee dallaa bal’aa mana jireenyaa ammayyaa Country Club Developers (CCD) jedhamuufi namoonni bebbeekamoo keessa jiraatanittidha.

Jiraattuun qe’ee CCD BBC’n dubbise torban Sambata darbee (ALI Mudde 01, 2015) waraabessi dallaa CCD keessatti nama nyaatu dubbatu.

‘’… dallaa sana keessa qoreen/daggalli hin ciramne jira kan ganna biqilan. Daggala sana keessatti nyaate,’’ jechuun dubbatte.

BBC’n dhimma kana hojjettoota dhaabbatichaa, poolisii magaalaa Laga Xaafoo, akkasumas qondaaltota Federaalarraa mirkaneesseera.

Dhaabbatichi waan jedhe hin qabu. Gaaffii BBC’n dhiheesseefis hin deebisne.

Ajajaan Poolisii Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Komaandar Alamaayyoon ‘’lubbuun namichaa yerooma sanatti darbe’’ jechuun BBC’tti himan.

‘’Waraabessi dallicha keessa qixxeema namaa socho’a. Sa’aatiin 12 taanaan dallaa keessa idduma hundattu agarta,’’ jechuun sagaleen iyya isaaniis akka dhagahamu dubbatu jiraattuun kun.

Kunis akka haadha ijoolleetti sodaa keessatti uumeera.

‘’Eeyyeekaa nama yaaddessa. Baay’ina qaba waan ta’ef. Waardiyyoonni gara kana hin darbinaa jedhanii iddoon isaan dhowwan fa’i jira,’’ jedhan.

Nami kuni ajjeefamuu dura aangawoonni naannoo qoratanii tarkaanfii fudhachuuf osoo karoorsaa jiranii gidduutti kuni dhaqqabuu himan poolisiinis.

Akka BBC’n maddeen gara garaa gaafatee hubatetti, lakkoofsi waraabessaa, akkasumas yaaddoo uumuu erga eegalanii bubbuleera.

'Namni halkan deemuu ni sodaata'

Waardiyyaan waraabessaan nyaatamuu ibsame maatiin isaa magaalaa Laga Xaafoo ta’uufi halkan sa’aatii 3 booda gara CCD osoo seenuu waraabessi loluuni qondaalli magaalichaa biroonis BBC’tti himaniiru.

Akka qorannoo poolisiitti, nami ajjeefame kuni gaafas naannoo sa’aatii 11:00 dallaa keessa biqiltuu bishaan obaasaa ture.

‘’Mana dhuunfaa wayii keessa waardiyyaa eega,’’ jedhan hojjetaan dhaabbatichaa eenyummaa nama ajjeefame BBC’tti himaniifi maqaan isaanii akka dhokfamu gaafatan.

‘’Daandichi xiqqoo guyyaa malee daandii halkan irra deeman miti’’ jechuun ibsu. Nami ajjeefames ‘’wayyoo qabeessa. Ganaa daa’ima tokko qaba mucaan. ‘’Tilmaamumaan umriin isaa gara 30 ta’a,’’ jedhan.

Akka qondaaltonni jedhanitti waraabessi gama cinaacha isaa bitaa miidhe. Birmannaa gaafatees iyyee ture. Namoonnis dhagahanii birmataniif.

‘’Qeensumaan uree sarootni itti wacnaan, namnis bukkeedhaan itti gadi bahanii baatirii itti ibsanii irraa buusani,’’ jechuun hojjetaan dhaabbatichaa dubbatu.

Akka qondaalli poolisii himaniitti reeffi Hospitaala Miniliik geeffamuufi bu’aan isaa eegamaa akka jiru dubbatan.

Jiraattonni BBC’n dubbise waraabessi waaree booda sa’aatii 12 eegalee takka takka immoo sa’aatii 11:00 eegalee dallaa keessatti mul’ata.

‘’Nama hin lolu, inuma baha. Amma erga nama nyaatemmoo ijoolleen horii tiksan, isaan fa’a sodaachisa,’’ jedhu hojjetaan kun.

Sababa waraabessi dallaa CCD kan kanaan dura lafa qonnaa ture keessa baay’ateef hin beekamu. Haata’u malee, bakka jireenya namaa mana jireenyaa isaa godhateera.

‘’Ganaa kan ijaaramu jira, bakki duwwaan jiru jira. Naannoo sanammoo baay’inaan socho’a,’’ jedhan jiraataan.

Hojjetaan dhaabbatichaa gama isaaniin ‘’Mana kunoo ijaaramee xaaraan hin rukutamne keessatti gala,’’ jechuun ibsu.

‘’Namoonni ennaa walk godhan bineensa ni argu,’’ kan jedhan hojjetaan dhaabbatichaa kanarraa kan ka’e bulchiinsa magaalaa Laga Xaafootti iyyatamee ture.

Ergasiis ekispartooni mootummaa Federaalaa, naannoo Oromiyaa, akkasumas poolisii bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo irraa walitti dhufan guyyoota muraasa darban adamsuu eegalani.

Waraabessi ammallee baay'eedha

Obbo Baankii Buddaamoo, Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaatitti Daarektara Hirmaannaa Ummataati.

Gaaffii bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo hordofee kanneen ekispartoota bobbaasan keessaa tokko dhaabbata kana.

‘’Waraabessi kun yoo foon namaa baratee jedhe booddee rakkoo guddaa ta’uu danda’a jedhanii fala nuuf ka’aa jedhanii dhufanii iyyatan.

‘’Namni tokkommoo nyaatamee ture. Gaaffichuu kan dhihaateefuu nama nyaachuu’’ waan jalqabeefi jechuun BBC’tti himan.

Waamicha kana hordofee garee qoratu ergan.

‘’Baay’inni waraabessaa naannawa san jiruufi haalli amma keessa jiru ummata achi jiraatu saniif ulfaataa ta’uu isaa adda baafatanii deebi’anii gabaasa nuuf dhiheessan,’’ jedhan.

Ergasii waraabessa jiru keessaa hanga ta’e hir’isuuf, kanaanis yoo rifatee gadhiisa ta’e yaaluuf eegalamuu BBC’tti himani. Yoo hin taane tooftaa biraa akka barbaadan himan.

Guyyoota sadiif adamoo waraabessa ajjeesuuf taasifameen ‘’waraabessa torbatu ajjeefame. Achumatti awwaalame,’’ jechuun dubbatan. Boolla isaas duuchaa akka turan ibsameera.

Galgala galgala konkolaataan hordofanii waraabessi bakka walitti qabametti ‘’qawweedhaan ajjeesaa‘‘ turan hojjetaan dhaabbatichaa himaniiru.

Jiraattotis galgala galgala dhukaasa dhagahaa turuu himaniiru.

Dhaabbatichis gama Telegiraama isaa ‘’Waraabessi waan dallaa sana keessa jiruuf tarkaanfii fudhachaa jirra, yoo dhukaasa dhageessan hin na’inaa,’’ jechuun jiraattotaaf ergaa dabarsee ture.

Haata’u malee, guyyaa sadii caalaa tarkaanfii itti fufuun hin danda’amne.

‘‘Halkan sadaffaa hin dhokate, hin argamne‘‘ jedhan hojjetaan dhaabbatichaa BBC’n dubbise.

Ta’us, ammallee lakkoofsi waraabessaa baay’ee ta’uu jiraattotis, qondaaltotis ni dubbatu.

‘’Akkuma duriiti, jira. Iddoo dur jiru jira. Amma fakkeenyaaf balbalakoo dura jira,’’ jedhan jiraataan.

Hojjetaan dhaabbatichaas waraabessi ammas baay’ee ta’uufi kanneen hafan keessaas waraabessi adii akka jiru dubbatan.

Akka Obbo Baankiin himanitti, waraabessi mana ijaaramee hin xumuramneefi ijaarsa gamoo gurguddaa jalli isaa banaa ta’e jala mana jireenyaa isaa godhateera.

Yaaddoon hawaasaa furamuu kan gaafataman Obbo Baankiin kana deebisan ‘’Irra deebinee hordofna.’’

Tooftaa biraa barbaadnee ‘’bakki jireenyi namaafi waraabessaa akka adda ta’u haalli itti goonu ni jira,’’ jechuun deebisan.

'Finfinneetti namoota 8 ajjeese'

Rakkoon kanarra hammaatu magaalaa Finfinnee keessatti akka jiru dubbatu qondaalli kuni.

‘’Magaalaa Finfinnee keessatti hanga ammaatti gabaasa qabnuun waggaa lama keessatti haga nama saddeet ta’e jira namni nyaatamee [waraabessaan] jiru,’’ jedhan.

Akkaataa qorannoo taasifameen waraabessi Finfinneetti ‘’mana cabsee nama nyaachuudhaaf’’ osoo hin taane ‘’haalaafi yeroo mijataa yoo argate’’ nama nyaata.

Namoota saddeet keessaa nama halkan qofaa socho’u, kan bakka ciisu ol seenee fudhate, akkasumas daa’imman galgala sa’aatii 12 -1 qofaa socho’aa turan keessa jiru.

Kanneen ajjeeseen ala namoonni miidhamanii irraa hafaniis jiru.

Hagayya darbe daa’imni ganna 10 Kutaa Bulchiinsa Ekkaa, aanaa sagal bakka Wandimmaamaach Qaxanaa Jifaaraa Barrii jedhamutti guyyaa keessa sa’aatii sagalitti waraabessaan ciniinamee lubbuun hafeera.

Abbaan isaa Obbo Girmaa Tsaggaayee bakka hojiif deemanitti “Mucaa kee Waraabessi nyaate jedhanii ollaan bilbilanii natti himan,’’ jechuun BBC’tti himanii turan..

Baatiidhuma Hagayya keessa dargaggoon Birhaanuu Dhaabaa jedhamu halkan sa’aatii 4:00’tti Buraayyuutti waraabessi ciniinee miilli isaa lama cituuf dirqameera.

Finfinnee keessa namoota kadhatanii jiraataniifi daandii gubbaa bulanirraa quba muruu, akkasumas haadharraa mucaa butee nyaatee akka beeku himama.

Waraabessi halkan magaalatti dacha'uun waan nyaatamu barbaadu kuni, saroota abbaa hin qabne to'achuu keessatti qooda qaba kan jedhaniis jiru.

Waraabessi maaliif nama nyaata?

Waraabessi kosii gataman qulqulleessuuf bu’aa qabaatus, darbee darbee nama nyaachuun isaa jiraattoti yaaddesseera. Keessumaa baay’inaan gaarreen Finfinnee marsanii jiran jala jiraata.

Obbo Baankiin sababoota waraabessi nama nyaatuuf akkanaan ibsu:

‘’Maaliif yoo jenne bakki jireenyaa waraabessaa namaan qaqqabamee waraabessi inumaa namaan makameera.

‘’Bosonni hin jiru, bosonni waan garmalee manca’aa jiruuf, waan nyaatamu dirreerratti wanta gatuuf [namni] waraabessi gara namaa akka dhufu godha,’’ jechuun BBC’tti himan.

Kunimmoo Finfinnee qofa osoo hin taane bakkee biyyattii adda addaatti mudataa jira jedhan.

Amalli bineensaa ni jijjiiramaa?

‘’Amalli bineensota bosonaa ni jijjiirama. Haala jireenyaa isaanirraa ka’uudhaan amala isaanii jijjiirratu,’’ jedhu Obbo Baankiin.

‘’Rakkoon bakka jireenya isaanii bakka bulan, oolan, akkasumas nyaatallee akka salphaatti argatan suni yoo jalaa xiqqaate ykn dhabame gara ummanni jirutti bobba’uun isaanii dirqama ta’a.

''Kanatu amma qabatamaan mul’ataa jira.’’