Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gambeellaa Aanaa Aboobootti 'gurmuun leencaa lubbuu namootaa galaafataa jira'
Naannoo Gambeellaa Aanaa Aboobootti gurumuun leencaa irra-deddeebbiin namootarra miidhaa geessisaa jiraachuu qondaaltonni BBC'tti himan.
Sambatuma darbe Hagayya 23,2012 dargaggoo ganna 30 qonna saliixii keessa qacaramee hojjeturraa bahee osoo daandiirra deemuu nyaatamu bulchaan aanichaa Obbo Umoo Tuuto BBC'tti himaniiru.
Ji'oota 12'n darban keessa qofa oomaan leencaa amala bade jedhamu namoota shan yoo galaafatu nama tokkorrammoo miidhaa jabaa geessisu Obbo Umoo dubbataniiru.
Rakkoo kana hambisuufi Abbaa Taayitaa Misoomaafi eegumsa bineensa bosonaa federaalaatti beeksisaniis ammallee rakkoon akka hin furamiin jiru himu.
''Akka naannootti leenca ajjeesuu hin dandeenyu. Gabaasa gochuu qofa dandeenya'' jedhan.
Abbaa taayitaa eegumsaafi kunuunsa bineensotaatti daarektara kan ta'an Obbo Kaahisaay G/Tinsaa'e gama isaaniin garee 'leenca amala bade tarkaanfii fudhatu erginee tokko qofa keessaa ajjeesani' jedhan.
Obbo Kaahisaay kanneen badii geessisan 'garee leencaa amala bade malee hoomaa miti' jedhu.
Maaltu ta'e?
Aanaa Abooboo Obbo Umoon bulchan keessatti waggaa darbe amma dhumaa jiru keessa gareen leencaa amala bade jedhamu yeroon itti miidhaa namarra geessise baatii Adoolessaafi Hagayya ta'u himu.
Sababa kuni ta'u garuu ammallee baruu hin dandeenye. Dhihoo leencaan kan nyaatame dargaggoo ganna 30'ti.
Sambata darbe Hagayya bultii 23, 2012 qonna saliixii keessa qacaramee kan hojjetu dargaggoon kuni qonna keessaa bahee daandiirra osoo deemuu nyaatamuu qondaaltonni BBC'tti himaniiru.
Baatii Adoolessa keessa namni leencaan nyaatamemmoo miisoma qonnaarratti hojjetaa guyyaan hojjetee kanfalamuuf akka ta'e bulchaan Aanaa Abooboo himaniiru.
Dubartiin biroo immoo daandiirra osoo adeemaa jiranii leencaan nyaatamuutu himame.
''Dubartiin leencaan nyaatamte ganda biraatti namoota waliin adeemaa turte. Qofaa duubatti yeroo hafteetti nyaatamte'' jedhan Obbo Umoon.
Namni biraa leencaan udduurra ciniinamee tokkommoo yeroo ammaa wal'aanamaa akka jiru himaniiru.
Akka qondaala kanaatti kanneen hanga yoonaa leencaan miidhaan irra gahe bosona keessa osoo hin taane daandiirra adeemaa osoo jiraniiti.
Furmaanni maali?
Naannoon dhimma leencaa federaalatti gabaasuu malee ajjeesuu akka hin dandeenye kan himan Bulchaan Aanaa Abooboo, jiraattonni erga dukkanaa'e daandiirra akka hin deemne akkasumas manaa akka hin baane ergaa dabarsu himu.
''Erga dukkanaa'e namoonni socho'u akka hin qabne hubachiisaa jirra. Wanti gochaa jirru kanuma qofaadha,'' jedhan.
Abbaa taayitaa eegumsaafi kunuunsa bineensa bosonaatti daarektara kan ta'an Obbo Kaahisay G/Tinsaa'e dhimma leenconni Gambeellatti namarratti miidhaa geessisaa jiraachuu quba qabu.
''Gara paarkii Biyyaalessaa Gambeellatti garee erginee turre. Gareen kuni qorannoo taasisee leenconni rakkoo uumaniifi keessaa hanqisamuu qaban akka jiran yaadni dhihaate,'' jedhan.
Obbo Kaahisaay leencota ''rakkoo uuman'' jedhaman gareen ajjeesu bakkichatti ergamee torban sadiif adamoo gaggeessuus leenci ajjeefame tokko qofaa ta'u himan.
Kanneen gara Gambeellaa deeman keessaa lammiin biyya Afrikaa Kibbaa meeshaa gaariifi muuxannoo wayyoo qabu ergamuu himan.
Fuuladurattis, tarkaanfiin qorannoorra bu'uura godhate akka fudhatamu himu qondaalli kuni.
Tarkaanfiin akkanaa garuu tarkaanfii dhumaa rakkoon gaafa cime fudhatamu akka ta'e himan.
''Leenci rakkoo uumu kan jedhamu gaafa amalli isaa jijjiiramedha''
Obbo Kaahisaay leenci amalli isaa jijjiirame jedhamu gaafa amalli isaanii jijjiiramu akka ta'e himu.
''Bineensonni bosonaa osoo jiranii amala isaa jijjiiruun irra-deddeebiin beeylada kan nyaatuufi namarrattis miidhaa kan geessisu yoo ta'e'' kanneen badii geessisanitti maqaan isaa akka moogga'u himan.
Kanneen amalli leencaa akka jijjiiramu taasisan keessaa miidhaa hawaasni bineensotarra gahu akka ta'e himu Obbo Kaahisaay.
Akka fakkenyaattis, bakka leenci jiraatu qubachuufi kaan amala badaa akka horatu taasisa jechuun BBC'tti himaniiru.