Namichi dubartii manasaa bulte gudeedee hidhaa bu'e

Madda suuraa, PM Media
Namichi dubartii dhugdee erga machoofteen booda manasaa keessa rafaa turte gudeedee, hidhaan waggaa afurii fi walakkaa itti murtaa'e.
Namni jiraataa magaalaa Gilaasgoo ta'e Joon Toomsan jedhamu, umuriin isaa nama waggaa 52 ta'a. Dubartii gudeedee tana ammoo waggaa 30n angafa, jechuunis intala waggaa 22ti.
Taateen kun kan mudate Adoolessa 2020tti shamarreen miidhaan irra gahe kun dhugdee machooftee waan turteef manasaa Yoorkeriitti argamuu keessa osoo rafaa jirtuuti jedhameera.
Toomsan shamarree kana gudeeduu haaluun "akka malee dhugdee machoofteeti" jechuun poolisiitti hime.
Daanyonni mana-murtii olaanaa Gilaasgoo keessa yakkamaa gochuun itti muran.
Daanyota keessaa tokko kan taate Leedii Istaasey Toomsanitti akkas jette: "Shamarreen kun haala kamiinuu haala ittiin of eeggannoo ofiif taasiftu keessa hin jirtu. Ati ammoo kana ta'uu ni beekta, akkas taatee osoo jirtuu garuu ishee waliin ammoo saal-qunnamtii raawwatte."
"Dhiibbaa akkamii akka miidhamtuurraan gahe kan isheen barreessite dubbiseera. Dhiibbaa hamaa isheerraan geessiseera."
Dubartiin kun erga dhugaatii dhugdeen booda akka faarri itti hin tolle hubattee gara siree Toomsan deemtee rafte.
Inni ammoo wayita isheen miira hamamtuu ta'uufi dhiisuu ishee ibsachuu hin dandeenyetti achitti carraa kana fayyadame.
'Baayyeen aare'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga dubartiin kun manichaa baatee poolisiin waan mudate kana dhaga'e. Gaafa wanti kun dubartii kana irratti raawwatame bulee ammoo uffanni keessaa ykn paantiin dubartii kanaa mana namichaa keessatti argame.
Namni kun gudeedduutiin himatamuu isaa akka "baayyee aare" haadha seeraa isaa kan taate Saaraa Liivingistoonitti hime.
Inni akka jedhutti, shamarreen gudeedamte kun dubbiin waan isa barbaaddeef saal-qunnamtiin isa himatte.
Haata'u malee, daanyonni Toomsan hiriyyaa isaa tokkotti miidhamtuu kana waliin akka saal-qunnamtii raawwate of tuulmaan ykn bifa [fakkarsuun] akka waan jabduu hojjeteetti karaa WhatsApp itti erguu isaa mirkaneeffataniiru.
Abbaa alangaa kan ta'e Aleksaandar Suuzarlaand akka jedhetti, ragaan kan agarsiisu, "saal-qunnamtiin raawwatame waan fedhii ykn hayyama irratti hundaa'uun ta'e miti."
"Siree dubartiin irra jirtutti ol baatee osoo isheen machooftee jirtuu waliin saal-qunnamtii raawwatte. Ishee gudeedde," jedhe itti dabaluun abbaan alangaa kun.
Toomsan waggaa afuriifi walakkaa akka hidhamu qofa osoo hin taane, yeroo hunda tarree warra saal-qunnamtiin walqabatee yakka raawwatanii keessa akka ture godhameera.












