Marfeefi lilmee: Hidhannoo dubartoonni dhiirota isaan qoccolu ittiin ofirraa qolatan

Marfee

Madda suuraa, Getty Images

Karaarratti, addabaabaayii bakka namni itti baayyatutti ykn konkolaataa uummataa keessatti dabalatee harma isaanii qaqqabuu ykn teessuma isaanii keessa rurrukutuu yookaan ammoo itti rigachuufi gochawwan biroo dabalatee - Indiyaa keessatti dubartiin kamiyyuu tuttuqqaa ykn qoccolloo saalaa keessa dabarti.

Dhiironni bakkaafi haala argatan keessatti dubartoota qoccoluun biyyattii keessatti waan haalaan baratamedha.

Keessumaa ammoo bkka namoonni walitti baayyatan ykn walitti tuccanii deeman- akka konkolaataa uummata deddeebisu keessatti dhiironni dubartootatti rigachuu, harma isaanii qabuufi teessuma keessa dhahuun ni heddummaata.

Seeraafi olaantummaa seeraa kabachiisuun gama mirga dubartootaatiin hojjetamus hanga barbaadame bu'aa buusee dubartoota waan guyyuu isaan mudataa oolu kanarraa baraaruu hin dandeenye.

Rakkoon fala dhala akkuma jedhan, dubartoonni biyyattii ammoo rakkoo dhiironni irraan gahaa oolan kana ofirraa ittisuudhaaf fala salphaa tokko falatan.

Dhiirota akka kana isaan tuttuqan ykn qoccolan kana bakka isaan mudate maratti ofirraa deebisuuf waan harkaa qaban akka dibaabee, qeensa qortuu, lilmeefi waanta qara qaban xixiqqaa ittiin of faayessuufis ta'e borsaa/korojoo keessatti qabataniin ofirraa qolachuu baratan.

Keessumaa ammoo marfeen (marfe-qulfiin) uffata qabsiisuuf gargaartu meeshaa xiqqoo garuu oolmaa guddaa dubartoota Indiyaatiif ooltedha.

Magaalaaa baha Kolkaataatti wayita barattoota kollejjii turanitti konkolaataa uummataan yeroo deddeebiyan, waan isaan mudateefi akkaataa ittiin ofirraa ittisaa turan ibsiti dubartiin magaalattii tokko.

''Yeroo baasii keessatti walitti heddummaannee deemnutti dhiironni harka loosanii qaama keenya qaqqabu yookaan ammoo nutti siqanii nutti rigachuuf yaalu. Yeroo akkas godhanitti aniifi hiriyoonni kiyya waan of harkaa qabnu akka dibaabeefaa fayyadamnee ofirraa deebifna,'' jette.

''Baayyeen keenya qeessa keenya guddifannee sirriitti qarannee harka nu tuquuf nutti dhufu ittiin jabeessinee moccorra.''

Gariin keenya ammoo kophee koomee qara qabu godhachuun dhiirota konkolaataa namoonni itti baayyatanii wal tuccanii deeman akka carraatti fayydamuun duubaan dhufanii qaama saalaa isaaniitiin dugda duubaan nutti rigatan ittiin waraannee ofirraa deebisna ture.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanneen biroo hedduun ammoo marfee (marfe-qulfii) salphaatti argamuu dandeessu akka nageenya ittiin eeggachuutti fayyadamu.

Mareen kun erga bara 1849 hojjetamtee dubartoonni uccuu ykn uffata ittiin qabsiifachuuf ykn ammoo bakka rakkoon tasaa uumame tokkotti dhimma ittiin baha aturaniiru.

Akkuma kana ammoo marfeen kun addunyaa irratti meeshaa dubartoonni nama isaan qoccolu ittiin waraananii ofirraa deebisan taateetti.

Ji'oota muraasa dura dubartoonni Indiyaa marfeen xiqqattiin kun meeshaa waraanaa isaan yeroo baayyee borsaa isaanii keessaa hin dhabne ykn uffata isaaniirratti qabsiifatanii deemuun bakka namni walitti tuccee deemu keessatti dhiirota isaan qoccolu ittiin ofirraa ittisan akka ta'e Twitter irratti bahuun dhugaa bahan.

Dubartiin Indiyaa Deepika Shergill jedhamtu tokko marfee [marfe-qulffii] kanaan ofirraa ittisuuf yeroo jettutti akka dhiira waraantee dhiigsite irratti barreessuu BBCtti himte.

Wanti kun waggoota kurnan baayyee dura ture kan ishee mudate, garuu waan isheerra gaheefi tarkaanfii fudhatte har'a irra taatee yaadatti.

DEEPIKA SHERGILL

Madda suuraa, DEEPIKA SHERGILL

Yeroo sana umuriin ishee waggaa 20 ture.

Namni ishee qoccole sun ammoo nama umuriin isaa waggaa 40oota keessa ta'eefi kittaa uffata aadaa warra Indiyaa yeroo bayyee hojjetoonni mootummaa uffatan daalacha akka uffatee ture yaadatti.

Kopheen isaa ammoo banaa kan quba miila isaa mul'isu akka ture himti. Namni kun borsaa leezarii tokko qabatee ture jetti.

"Yeroo hunda dhufee natti dhiyaatee dhaabbata, natti dhiyaachuurra darbee narra duufee qixa kofa isaa garaafi miila gidduu jiruun dugdakootti rigataa deema. Yeroo tokko tokko ammoo keessumaa yeroo konkolaachisaan fireenii qabutti ammoo narratti kufa."

Yeroo sanatti "waanan saalfadhuufi ykn yella'uuf qalbii namaa hawachuu waanan hin barbaadneef ji'oota baayyeef dhokfadheen hedduu rakkadhe."

Galgala tokko garuu yeroo inni "sanyii dhiiraa isaa duubaan ana irratti coccobse," jettu tarkaanfii akka fudhattu murteessuu ishee ibsiti.

"Yeroo sanatti dhugaadhumatti baayyeen of jibbe. Akkuman mana gaheenan saatii dheeraatiif shaaworii fudhadhe. Maaltu akka na mudatellee haadha kiyyatti hin himne," jetti.

"Guyyaa sana halkan guutuu hin rafne. Hojii kiyyallee dhaabuudhaaf yaadaan ture. Isaan booda garuu waa'ee haaloo bahuun yaaduu jalqabe. Karaan ittiin qaama isaarraan miidhaa geessisee inni lamaffaaa wanta fokkuu akkasii anarratti hin raawwanne ittiin jiilchuu danda'u gochuun barbaade.

Guyyaa itti aanutti Aadde Deepika Shergill kophee koomee qaraa godhattee marfe-qulfii ishees qabattee baasii (konkolaataa ummataa) yeroo mara ittiin deddeebitu korte.

Amalliifi tulluun hin godaanu akkuma jedhan namichis isuma bare gochuu jalqabe.

"Akkuma inni dhufee ana cinaa dhaabbateenan teessuman qabadhee taa'erraa ka'een kopheekootiin quba miilla isaarran ejjedheen meceleske. Marfee kiyyaan ammoo harka isaa keessa akkuman waraaneenan konkolaataa keessaa bu'e."

Erga kun ta'ee konkolaataa sana itti fuftee waggaa biraaf fayyadamtus namicha garuu erga gaafa sanaatii konkolaataa sana irratti deebitee hin argine.

Seenaan Deepika Shergill kun kan hedduu nama naasisudha garuu, kan ta'ee hin beekne miti.

Namoota baasii seenaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Dubartiin umuriin ishee waggaa 30 keessa ta'u tokkos halkan tokko konkolaataa irratti kan namichi tokko irratti raawwate seenessiti.

Namichi kun harka loosee qaama ishee tuttuquun miira fedhii saal-qunnamtii isaa guuttachuuf irra deddeebiin yaala ture.

Kun kan ta'e osoo magaalota gama kibbaa jiran Kochin fi Bangaaloor gidduu deema ajiranii ture.

"Jalqaba waan akka tasaa raawwatedha se'een isa rifachiiseen ture," jetti dubartiin kun.

Haata'u malee, yeroo inni itti fufee raawwatun akka inni beekaa gochaa jirun bare jetti.

Marfee isheen shaashii ishee qabsiifattee turte ammoo guyyaa sana meeshaa ishee oolche ta'eeraaf.

"Yeroo inni harka isaa natti ergu isa waraannaan deebifate; garuu irra deddeebiyee yaaluu isaa itti fufe. Anis waraanee ofirraa deebisuu koo ittuman fufe. Garuu kaballaa itti cufee ofirraa isa deebisuun narra ture jedheen ofitti gaabbe," jechuun waan dabarsite dubbatti.

Yeroo ijoollee turtetti wanti akkasii yoo dubartoota mudatee akka namni isaaniif mirmatuuf iyyatan kan gargaaru waan jiru natti hin fakkaatu ture. Yookaan ammoo waan qaaniifi saalfachiisaa itti fakkaatee dhageessifachuurraa duubatti jedhu dubartoonni.

Kun ammoo dhiironni amala fokkuu akkasii qaban gocha fokkuu akkasii kana itti fufanii akka raawwataniifi baballatu caalaa cimsa.

Akka qorannoon magaalota Indiyaa 140 keessatti hojjetame agarsiisutti dubartoonni %56 ta'an konkolaataa uummataa keessatti qoccolloo ykn tutuqqaan saalaa isaan irratti ni raawwatama. Isaan keessaa garuu gara poolisii kan deeman &2 qofaadha.

Dubartoonni harki caalan waan isaanirra gahe irratti ofuma isaanii tarkaanfii fudhatu ykn dubbii hin hammeessinu jedhanii bakka jijjiirrachuun ykn irraa baqachuun waan isaanirra gahe callisanii dhiisuu filatu.

Dubartoonni %52 ta'an ammoo sababa "nageenyi itti hin dhaga'amneef jecha" carraa barnootaafi hojii dhiisuufillee dirqamu. .