Waa'ee Luba-qondaala siyaasaa-Abbaa Gadaa-Yuuba Aagaa Xenxenoo kana beektuu?

Yuuba Aagaa Xenxenoo

Madda suuraa, Arara TV

Gadaa Oromoo Gujii keessatti akka mallattootti kan ilaalaman Abbaan Gadaa duraanii, Yuubi ammaa Doktarri Kabajaa Aagaa Xenxenoo tibbana dhibamanii turanii amma goomaniiru.

Maanguddoon umrii waggaa 77 kun dhibamanii Hospitaala Kooriyaa magaalaa Finfinneetti argamutti erga yaalamanii booda, fooyya'anii qe'eesaanii magaalaa Bulee Horaatti galanii jiru.

''Hakiimonni onneetu si dadhabe naan jedhanii turan. Nama jalaa qabuun dadhabe, kanaaf hakiimonnillee namatti hin dubbatin naan jedhanii turan. Bishaannillee somba kiyyarratti na eelee ture. Waan sana duuchaa waan na keessaa baasaniif amma hundarraayyuu fayyeera,'' jechuun BBCtti dubbatan.

Wayita dhibamuun Yuuba Aagaa Xenxenoo dhagahamu namuu bakka jiruu rifatee boodas iyyaafataa tureera.

Isaanis miira uummata bira turee fi gargaarsa uummataa wayita ibsan akkas jedhan.

''Wanni uummanni Oromoo naaf hin godhiin hin jirtu. Haga mana yaalaa na geessanii osoon hin rakkatiin na wal’aansisan. Hagan Hospitaala Kooriyaa bultii saddeet ture, hagan achii ba’ellee na faana turan."

"Biyyoota alaarraallee na iyyaafataa, na tumsaa turan. Uummata Oromoo bira darbee uummanni Itoophiyaa guutuun na iyyaafataa turan.''

Uummanni kiyya waan na jaalatuuf waan guddaa naaf godheera, garuu Aabbaa Gadaati jedhanii wanti addatti namaaf godhan hin jirtu jedhan.

Yuuba Aagaa Xenxenoo eenyu?

Abbaa Yuubaa Aagaa Xenxenoo

Madda suuraa, Jiksa Takle

Ibsa waa'ee suuraa, Yuuba Aagaa Xenxenoo ALI 1990-2000tti Abbaa Gadaa Gujii turan

A.L.I bara 1937 Ardaa Bulee Horaa Ganda Woleenaa Bokossaa jedhanii yaaman keessatti dhalatanii achumatti guddatan.

‘’Ijoollummaatti akkuma ilma qotee bulaa kamuu jabbilee fi loon tiksaa, waan abbaan kiyya na ajaje hojjechaa, qotiisa geenyaan qotaa guddadhe,’’ jechuun yeroo ijoollummaasaanii yaadatu.

‘’Abbaan kiyya nama gadaa keessatti guddate, anilleen wayita yaa’i keenya kuusomu, raabomu, dooromu waanuma abbaan kiyya raawwataa ture osoon hordofuu Abbaa Gadaa ta’e.’’

Waggaa saddeetiif erga Abbaa Gadaa ta'anii booda baallii dabarsanii, warra Baallii fudhatan gorsuutti taruu dubbatan.

‘’Hangan dhufee Abbaa Yuubaa ta‘u Gadaa kana gorsaa, qajeelchaan jira, waan narraa eegamu ammallee haga umriin kiyya jirtu hojjechuu itti fufa,’’ jedhan.

Luba amantii, qondaala siyaasaa-Abbaa Gadaa

Yuuba Aagaa Xenxenoo ijoollummaasaaniitti mana barnootaa seenanii barachuuf carraa hin arganne.

Wayita umriin isaanii barnootaaf ga’u akka carraa mishinaroonni warra Noorwayi gara naannoosaanii dhufuu fi isaan biratti barnoota amantii barachuu dubbatan.

‘’Karaa amantiirra gore, waldaa keessatti tajaajile, hoogganaallee ta’e. Malee abbaan kiyya dabtara naaf bitee mana barumsaa na galchee na barsiisuuf carraa hin arganne.’’

Abbaan Yuubaa Aagaa Xenxenoo akka nama kaanii gulantaa gadaa keessa darbanii miti kan abbaa gadaa ta’an.

‘’Amantii makkaana yasuusiin hordofaa ture, wangeela baradheen waldaa keessa hojjechaa ture. Hanga bulchuuttillee ga’eera. Isa booda bara dargii bulchaa gandaan ta’e. Bara ADWUI aangoo qabate ammoo dabballee ta’een hojjedhe. Utuun Kanaan jiruu haalaa fi amala kiyya akkasumallee akkaataa tajaajila an uummataaf kennu ilaalanii abbaa Gadaa godhanii na filatan,’’ jechuun haala itti abbaa gadaa ta’an ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

ALI Jalqaba bara 1990 baallii fudhachuun Abbaa Gadaa ta’uu kan himan Yuuba Aagaa Xenxenoo, bara 2000tti Abbaa Gadaa Gogeessa Dhallanaatti baalli kennan, kan Dhallanaa ammoo bara 2008 Harmuufatti kenne jechuun haala naannoo aangoosaanii ture ibsan.

‘’Gadaan kiyya Halchiisa kan baallii narraa fuudhe ammoo Dhallana, kan amma harkaa qabu Harmuufa, isarraa kan fuudhu ammoo Roobalee, irraan Muudanatu itti aana,’’ jechuun duraa duuba gogeessa Gadaa Gujii ibsan.

‘’Erga guutuu marsee booda Halchiisatti deebiti, ilmee kiyyatti deebiti jechuudha. Gadaan keenya akkanumaan qajeelti. Abbaan murtiilee, abbaan gadaallee hunduu dursee qophaa’ee jira, wanti lafaa gadaa qajeelchuuf rakkatan hin jiru,’’ gufuun tokkollee Gadaa Gujii mudatee hin beeku jedhan.

Yuubaa Dr Kabajaa Aab Aagaa Xenxenoo bara 1990 irraa hanga 2000 akka aangoorra turan himaniiru, lakkoofsi gidduu kana jiru wayita herregamu wagga saddeet ni caala.

Isaan garuu waggaa saddeet caalaa gonkumaa aangoorra hin turre, seerallee miti jedhan.

‘’Marsaa lama bulchuun aadaa faallessallee, kanaaf marsaa lama osoo hin taane takkuman bulche,’’ jedhan.

Haala maatii, barnoota Sirna Gadaa

Yuubaa Aagaa Xenxenoo fi haadha warraa isaanii

Madda suuraa, Arara TV

Yuuba Doktarri Kabajaa Aagaa Xenxenoo maatii bal'aa horachuu himan, garuu uummanni na marsee jiru hunduu ilmee kiyya jedhu.

''Haadha manaa shan qaba, sadirraa ijoollee horeera. Ijoolleen kiyyallee akkuma umriin ga’een barnoota seenu. Kan milkaa’uuf jira, kan deebi’anii gaa’ila godhatanii jiraatanillee jiru. Dhiirrillee dhalaanillee akkasi. Walkeessa jechuudha,'' jechuun akkaataa ijoolleesaanii itti guddisaa jiran himan.

Sirna Gadaa barsiisuu qofa osoo hin taane ittiin jiraanna kan jedhan Yuuba Aagaa Xenxenoo, ilmeen kiyyallee kanumaan baraa guddatti jedhan.

''Ammoo sirni gadaallee asuma keessa jirti, baatee galtu anuma bira jirti waan ta’eef nan barsiisa. Dhaloota lafaa dhufaa hanga nama guddaatti waanan barsiisu dhagayaa guddatu waan ta’eef sirna gadaa ni beeku.''

Ijoollee isaanii addatti qoodanii sirna gadaa akka hin barsiifne kan himan maanguddoon kun, ''Ilmaan gogeessi kiyya uummate cufan barsiisa. Ilmeen kiyyallee waanuman uummata hunda barsiisu dhagayaa qalbeeffataa guddatti,'' jedhan.

''Gogeessa kana ilmaan Halchiisaa hundayyuu bakka takkatti barsiisa, bor kan na dhaaltu abbaa murti/abbaa gadaa kan ta’u ilmee kiyya qofa miti, gogeessa kiyya (Halchiisa) hunda keessaa ta’uu mala waan ta’eef ilmee kiyya addatti filee hin barsiisu.''

Kana qofaas osoo hin taane, Yuuniversitiin Bulee Horaa kan Sirna Gadaa akka gosa barnootaatti barsiisu akka isaan beekumsa duudhaa Sirna Gadaa kana barsiisaniif ni affeera.

''Doktaroonnillee nu affeerti. Anaa qofa osoo hin taane, gogeessi kaanillee ni gumaachan. Wayitan dhibamee ture waan tokko gaabbeen ture, Osoon qabiyyee gadaa sirnaan itti hin himin dhibamee kan jedhu yaadda’een ture. Amma Waaqnillee na deebiseera. Isaanillee inuma na waamu,'' jedhan.

''Jiruu fi jireenyi kiyya kanuma, waa’ee gadaati. Hin daldalu, daldalli kiyya kanuma. Hojii biraa hin qabu. Kanaafuu osoo na affeeranii waliin hojjennee fedhiin qaba. Ammallee hawwiin kiyya kana.''

Yuuniversitiin kun bara 2016 keessa hojii isaan Sirna Gadaa jabeessuuf hojjetaniif beekamtii kenneera.

''Yuuniversitiin Bulee Horaallee Doktireetii kabajaa naaf kenneera. An baradhee osoo hin taane kabajaaf naaf kennan.''

''Abbaa Gadaaf kabaji akkanaa akka malu, ijoolleen illee akka ilaaltee irraa barattuuf jedhanii kana godhan. Abbaan Gadaa waan hedduu nu barsiisee jira, maddi yuuniversitii kanaallee isa jedhanii kabaja kana naaf kennan. Kun Gadaattillee, anattillee, Oromoottillee kabaja guddaa hore.''

Yuubi kun maaliin jiraatu?

Namni abbaa Gadaa ta'u dirqama uummataa fudhatee waggaa saddeetiif erga dirqamasaa ba'ee booda waan qabuun jireenyasaa gaggeeffata jedhan Yuuba Aagaa Xenxenoo.

''Namni abbaa Gadaa ta’e kamuu horsiifatee qotatee waan argateen jiraata. Bara aangoo isaatti waan biyyaa qajeelchee, dhibdee biyyarraa kaasee, biyya karaa qabsiisee Gadaan isaa obbaanaan/ baalli kenninaan waan qabuun jiraata. Abbaa biyyaa/abbaa kolbaa ta’us waanuma ofii qabuun bula. Anillee akkasumattin jira.''

Gadaa kan gaggeessu abbaa gadaa ta’us, abbaa Gadaa kan bulchu garuu uummata kan jedhan Yuuba Aagaa Xenxenoo, uummanni jaalalaa fi kabaja isaaniif qaburraa ka’ee akka isaan gargaaraa jirus himan.

"Immoo uummati kiyya jaalalaa fi kabaja naaf qaburraa ka’ee na gargaaraa jira. Yoon dhibame na gargaarani, ammallee mana dansaa keessa jira. Manni kiyya kolbaa tiyya. Guddaa fi xiqqaan, miseensi kiyyaa fi kaan hunduu na gargaarani.‘‘

 "Gosa an keessaa dhaladhe yookiin Oromoo kiyya qofayyuu osoo hin taane sabaa fi sablammoonni ollaa kiyya qubatan martinuu na kunuunsu, na gargaaru, na jaal’atu, na kabaju. Mana natti ijaarani, akka dansaa jiraadha uummata kiyya keessa,‘‘ jechuun haala jiruu fi jireenya isaanii ibsan.

 Abbaan Gadaa uummata amaanaa itti kennate saamuun yakka qofa osoo hin taane cubbuudha kan jedhan maanguddoon kun, yoo akkas godhe waaqniyyuu lafarratti gatii kaffalaaf jedhan.

 "Nama dhamaasnaan du’ee otoo hin taane utuu lubbuun jiruu irratti mul’atti. Abbaan Gadaa kanarraa dabee, ilasaa, gurrasaa, miilasaa, harkasaa, arrabasaa, sammuusaa eeguu dhabee jennaan wanti inni argatellee hin horoomu, du’a bada jechuudha.‘‘