Aadaa: Geega'oo- Sirna misirroota mana bahan ittiin mana baasan

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Oromoota Sikkoofi Mandoo biratti aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti sirnootni Gabbaraafi Geega'oo jedhaman sirnoota kennaan ittiin kennamuudha.
Gabbarri karaa ittiin dargaggeessi maatii intala irraa fuudhuutiif maallaqa yookan qabeenya kennuudha.
Aadaan gabbaraa kun Oromoota Sikkoo Mandoo biratti waggoota hedduurraa hanga ammaatti kan itti fufee jiru ta'us, moggaasniifi akkaataan itti adeemsifamu garuu barsiifataan kan dhufedha jedhu maanguddoon magaala Shaashamannee Obbo Tibbeessoo Obsaa.
"Gabbaara jechi jedhu bu'uurrisaa kan hawaasaa Oromoo irraa madde miti. Yeroo durii sirna bulchiinsa 'Baranbaraasiifi Ciqaa Shuumii sana bulchitoota dammaafi waan adda addaa kennuudhaan gabbaruutu ture. Barmaatiilee keessa gara kanatti dhufee fuudhaafi heeruma keessa seene," jedhan.
Akka aadaafi duudhaa Oromootti kennaan cidhaaf walii kennamu durirraa kaasee kan jiru ta'ulleen maqaa 'Gabbara' jedhu kanaan hin ibsamu jedhan.
Geega'oon maali?
Akka aadaa fuudhaafi heeruma Oromoota Sikkoo Mandootti Geega'oon kennaa maatiin intalaa misirroota mana bahaniif guyyaa cidhaa sana kennuudha.
Abbaan Gadaa Gumii Gadaa Godina Arsii Haaji Hasoo Guddatoo Geega'oon kennaa guyyaa heerumaa maatiin intala isaanitiif kennudhaa jedhu.
"Maatiin intalaa guyyaa heerumaa san erga qabataniin booda kennaa qopheessanii intala isaanii kanaaf kennu.
Geega'oon kun loon, meeshaa manaa, uffata ishee, uffata mucaa fuudhuu, kan haadhaafi abbaa mucaa uffisanii kennu," jedhan.
Geega'oodhaaf Oromoota Arsii biratti durii kaasee kennamaa kan ture hanga loon 25 kan gahu akka tures himu.
Yeroo ammaa garuu haala jireenyaa wajjin hammi beellada kennamuu akka xiqqaateefi irra caalaan uffataafi meeshaalee manaa irratti akka fuulleffachaa jirus himu Abbaan Gadaa kun.
Maatiin Gabbaara fudhate Geega'oo kennuun dirqama…
Akka Abbaan Gadaa jedhanitti, maatiin intala isaanii heerumsiisuuf gaafa Gabbara fudhatu gaafa cidhaa Geega'oo akka kennu ni beeka jedhan.
"Yoo Gabbara gaarii fudhate dirqama horii Geega'oo kenna. Yoo walbira qabnee ilaallu garuu Gabbaratu irra nama miidha. Gabbara yoo qabaatte gabbarta. Yoo dhabde niitii dhabda jechuudha. Gabbara nyaatee kan horii irraa hambisus jira,"jedhan.
Maanguddoon magaala Shashamannee Obbo Tibbeessoo Obsaa garuu yaada Abbaa Gadaa kanarratti walii hin galan.
Geega'oon yeroo kennamu miira dorgommii ofkeessaa waan qabuufii maqaa ofii olkaasuuf jecha baasii Gabbara sanii ol ta'utu kennama jedhu.
"Baasii Gabbaraafi Geega'oo yoo walbira qabde warra Geega'oo kennutu miidhama. Maalifi yoo jette yoo Gabbara guddaa kenne warri sun Geega'oo jabaa irraa eega. Akka aadaa naannoo keenyaatti ammoo namni Gabbaraan heerumsiise Geega'oo caalchisee deebisuu qaba kan jedhutu jira. Kanaaf, maatii intalaatu baasii caalu baasa," jedhan.
Yeroo ammaa gatiin Gabbaraa guddateera jedhanii kan namootni dubbatan baasiin warra gabbaruu sun baasii warri intalaa bifa Geega'ootiin kennu walakkaa yoo ta'edhas jedhu Obbo Tibbeessoon.
Geega'oon jiraachuun barsiifata mucaan yoo intala fuudhu gabbaree waan fuudhuuf akka waan baasii baasee biteetti akka hin yaanne godhas jedhu.
"Callisee maallaqa fudhatee yoo micayyoo warra saniif kennee callise sun aadaa miti. Xiinsammuu intalaatiifis gaarii hin ta'u. Kanaafuu, Geega'ootu kennama. Maallaqni gabbaraan dhufe caallifamee ijoollee bultii ijaarratan sanaaf bifa meeshaa, uffataafi qabeenya biraatiin deebi'a," jedhan.
Misirroonni gaafa mana misirrittii gahan weedduu weeddisanii Geega'oo jabaa akka abdatan ittiin ibsuun ergaan dabarfatan akka jirulleen himu Obbo Tibbeessoon.
"Nama gurraa nama gurraa har'a guyyaani
Akka oduun jette jennaa nama gurraa
Warri kan foolatu kenna nama gurraa nama gurraa," jedhanii waan akkanaa sinirraa eegna jedhanii warra intalaa gurra guddisanii ergaa dabarfatu.
Akka aadaa Sikkoo Mandootti Geega'oon guyyuma cidhaa sana kennama.
Odeeffannoo walfakkaatan biroof:
- 'Mee Gabbarri haa hafu' - Sirba haaraa Faayoo Mootii ijoo dubbii ta'e
- Gatiin gabbaraa dabaluun gaa'ilarratti dhiibbaa akkamii qabaata?
- 'Gabbaranii' fuudhuun kabaja dubartii agarsiisaa?
- Indiyaatti gatiin gabbaraa waggootaaf hin daballes, hin hir’isnes - qorananoo
- Intalli mootii Jaappaan iyyeessatti heerumte hiree sanyii mootummaa dhabde

















