'Mee Gabbarri haa hafu' - Sirba haaraa Faayoo Mootii ijoo dubbii ta'e

Weellistuu Faayoo Mootii

Dhiyeenya kana sirbi haaraan 'Mee Gabbarri haa hafu' jedhu kan Faayoo Mootii weelliste miidiyaa hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta'ee ture, sababiin isaa ammoo dhimma ijoo Qeerroofi Qarree fuudhaafi heeruma gahanii kaase waan ta'eef.

Gabbarri duudhaa fuudhaafi heerumaa Oromoota Sikkoo Mandoo biratti haalaan beekamaadha.

Dargaggeessi dubra naqachuuf yaade jalqaba kan itti of qophheessu kennaa gabbaraa maatii intalaatiif kennudha.

Dargaggeessi fuudhuu barbaadu tokko maatii intalaaf gabbara fidu malee sirnichi guutudha hin jedhamu.

Amma amma garuu namoonni aadaa duraa irra bahanii humna ol mallaqaafi baasii hin taaneef saxilamaa jiru.

Oromoo Arsii/Baalee biratti Gabbarri dhiyaatu maatiirrayyu darbee firoota intalaafillee gahuu qaba jedhama. Akkoofi akaakayyuu, eessummaniifi soddoonni marti hinkoo isaanii argachuun aadaadha.

Aadaan kun kabaja dubaraafi maatii isheef qaban agarsiisa jedhanii kan deggeran jiru. Gama biraan ammoo ilma harka qalleessa fuudhaaf karoora qabuuf yaaddoodha jedhanii kan mormanis hin dhiban.

Gabbarri kun durii kaasee aadaa fuudhaafi heerumaa keessatti kan jiru ta'ulleen yeroo dhihoo asitti hammi kaffaltii isaa haalaan dabaluudhaan fuudhaafi heeruma irrattilleen hanga dhiibbaa geessisuutti gaheera jetti wellistuu Faayoo Mootii.

Sirba haaraa tibbana gadhiiste keessattis:

'Mee gabbarri haa hafu,

Mee walgarri haa hafu.

Ilmi namaa haa rafu,' jechuun sirbite.

"Sirbi kun sirba aadaa ijoolleen shamarranii taphatan. Sirba kana qorataa aadaa Boonsamoo Mi'eessootu naaf kenne. Isaan nama waan aadaa kana qoratanii sirritti beekan. Amma gatiin gabbaraa akka malee ol ka'ee jira," jetti Faayoon.

Sirbichi yaada guutumatti Gabbarri yaa hafu jedhu qabaachuu baatus kaffaltiin Gabbaraa akka malee ol ka'e kun gadi haa deebi'u ergaa jedhu dabarsuuf ta'uus himti weellistuun kun.

"Yoo laaltu amma ilmi hiyyeessaa intala abbaa qabeenyaa yoo jaalate fuudhuu hin danda'u. Waan gabbaru waan hin qabneef.

Waanuma amma uummanni keenya argaa jirudha. Sirba kiyya kana laalanii hayyoonniifi maanguddooni rakkoo kanaaf fala yaaduu danda'u jedheetini mataduree kanaratti sirbuuf murteesse," jetti.

Anis Gabbaraanin heerume kan jettu wellistuu Faayoon, gatiin Gabbaraa kun garuu amma maallaqa guddaa, doqdoqqeefi konkolaataa hanga gaafachuutti akka gahame naannoosheetti taajjabuu himti.

Itti bahii sirba kanaatiiniis hawaasni waan kanarratti mari'atee tumaa seeraa Gabbaraan walqabatu akka tumamuun abdadhas jetti.

Weellistuu Faayoo Mootii

Sirba ishee kanarrattis "Sanii manna tana wayya" jechuun Gabbarri erga hafeefi dura gidduu garaagarummaan akka jiru mul'isuuf yaalte.

"Sababa Gabbara hin dandeenyeef osoo waljaalattuu waldhiista, Intalli Gabbara malee mucaa filattee maatiirraa cittee hafuunis ni jira. Keessumaa Arsii Lixaa keessatti aadaan Gabbaraa kun sadarkaa yaaddessaarra jiraa," jechuun himti.

Gabbarri haalaan ol ka'aan Oromoota Sikkoo Mandoo biratti mul'atu kun kutaalee Oromiyaa biroo keessa waan hin jirreef dhiirotni Gabbara sodaadhaaf shamarran gara kanaa fuudhuuf akka sodaatan gochaa jiraachuulleen himti.

Kun ammoo kutaalee Oromiyaa kaanirraa addatti heeruma Shamarran Arsiifi Baalee irratti dhiibbaa uumaa akka jirus BBC'tti himteetti.

Gabbarri duraan hariiroofi kabaja warra soddaa sanaaf qaban agarsiisuuf jecha kennaa kennuudhaan eegalamus, yeroo ammaa kanatti gatiin Gabbaraa kun humnaa ol akka ta'e miseensoonni hawaasa ni dubbatu.

Jiraataa magaala Asallaa kanaan dura BBCn dubbise dargaggoo Abdii Huseen, Gabbarri warra intalaatiif kaffalamu kun miidhaa isaatu caalaa dhufeera jedha.

"Yeroo ammaa gabbarri humnaa ol ta'aa waan jiruuf namni nama jaalate fuudhuuf ni rakkata. Kennaan Gabbaraa kunis dorgommii ta'aa waan dhufeef baasii humnaa olii ta'aa jira. Hamma liqeeffatanii liqiidhaan fuudhaniitti nama geessisa," jedhe Abdiin.

Abbaan Gadaa Godina Arsii Haaji Hasoo Guddatoo kanaan dura BBCn dubbise Gabbarri barsiifata aad-maleedha malee waan aadaa miti jedhu.

"Namni barsiifata godhateetuma birrii fi uffata wal bichisiisanii, intala heeruma dhoowwanii aad-malee kanaan walmiidhaa jiru," jedhu.

Akka Gadaa Arsii kun jedhanitti, gatiin gabbaraa olka'uu akka hin qabneefi hafuullee akka qabutti tumaa tumanis garuu hojiirra akka hin oolle jedhan.

Hojjiirra nuuf hin oolle malee murteessinee lafa jira kan jedhan Abbaan Gadaa Arsii, "Cidha yoo godhan abbaafi haadhatti haa uwwisu, intalattis uffata gahaa haa uwwisu. Kanumaan yaa heerumsiisan malee akka Gabbara hin nyaanne, gabbarri aad-maleedha. Hafuu qaba," jechuun dubbatan.

Warri wal fuudhaan Gabara garmalee ol kaasanii rakkisuun ammoo akka Qeerroofi Qarreen gara yakkaawwan akka butiifi ijoolleen durbaas seeraan osoo hin tolfatiin 'fedha kiyya' jettee akka jala kaattee wajjin galtu godha jedhu.

Sababa gabbara kaffaluu sodaaf buttaan babal'achaa jirus gocha yakkaa ta'uunsaa hubatamee dhaabbachuu qaba jedhan.

Ittigaafatamtuu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Arsii kan tahan Aadde Zamzam Kadir, gabbarri ol ka'ee ijoolleen gara buttaa akka yaadan gochuun dhugaadha jedhanilleen, gabbarri hariiroo hawaasummaa cimsuuf garuu faayidaa inuma qabaata jedhu.

Gadaan Arsii Gabbarri akka hafuuf tumaa tumuu quba qabaachuu himanis, hamma uummanni jaalalaan kennaa walii kennetti dirqiidhaan yaa hafu jechuus hin qabnu jedhu.

Furmaanni waaraan garuu uumanni waliigalee kan qabuu fi kan hin qabneefis akka ta'utti waan mana dhiiraatii gabbaraaf bahu kana akka jiruu isaanii itti utubataniif mariidhaan murteeffachuu wayya jedhan.

Oeessaalee biroo kana waliin deemaniif:

.