'Irreecha Tulluu: Yaa Waaq Bona kana nu baas, rooba nagaa nuuf roobi'

Namoota irreechaaf deeman

Madda suuraa, Getty Images

Irreechi duudhaalee Sirna Gadaa keessaa tokko ta'ee uummanni Oromoo Waaqa kadhachuufi galatasaa galchuuf jecha tulluu fi malkaatti ba'uun kan irreeffatuudha.

Arfaasaa tulluutti ba'uun roobaafi nagaa, birraa ammoo malkaa bu'uun galata galcha, Oromoon.

Yeroon ammaa waqtii Arfaasaa waan ta'eef Irreechi Tulluu kabajamuu eegaleera. Dilbata darbes Godina Lixa Shawaatti kabajameera.

Irreechi Arfaasaa akka Irreecha Birraa namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman magaalaa Finfinnee fi Bishooftutti ba'uun kan kabajamu osoo hin taane, Oromoonni bakka jiranitti tulluu naannoosaaniitti ba'uun kan waaqasaanii rooba kadhataniidha jedhan Abbaan Gadaa duraanii Obbo Laggasaa Nagawoo.

Obbo Laggasaa Nagawoo Irreechi akaakuu afur yoo ta'u, hunduu walitti fufee waliin marsa jedhan.

''Kan jalqabaa Ireecha manaati. Irreecha osoo hin deemiin sirna manatti raawwatamuudha. Itti aansee Irreecha malkaa, kan Birraa ji'a Fulbaanaa keessa malkaatti irreeffatamuudha.

Inni sadaffaan Irreecha dirree jedhama, kunimmoo Irreecha birraatti aansuun kabajama. Kan itti aanu (Afraffaan) Irreecha Arfaasaa kabajamu, Irreecha Tulluuti. Kunimmoo kan uummanni Oromoo tulluutti ba'uun waaqasaa rooba kadhatuudha,'' jedhan.

Akka Obbo Laggasaa Nagawoo jedhanitti, wayita Irreecha Arfaasaa uummanni Oromoo tulluutti ba'uun korma qalee, ''Yaa waaq Bona kana nu baasi rooba nagaa nuuf roobi, Arfaasaa rooba nagaa, Ganna oomisha nagaa fi ga'aa nuuf kenni jedhee kadhata,'' jedhan.

Hayyuun seenaa Obbo Dirribii Damisee Irreessi Tulluu waqtii Arfaasaan fuula as deebifatu kan irreeffatamu ta'ee qabiyyeensaa waaqa kadhachuudha jedhan.

''Bona guutuu sa'aa namni, waaqaa lafti aduudhaan gubachaa ba'ee waqtiin Arfaasaa wayita as deebi'u roobni nagaan yeroodhaan akka roobuuf Oromoon Tulluutti ba'ee waaqasaa kadhata. Tulluun uuma raajii of keessaa qabuudha,'' jedhan.

''Waaqni tulluu kana lafaa ol godhee uume rooba akka isaaf kennuuf kadhata Oromoon. Tulluutti yoo olba'an Waaqatti waan dhiyaataniif waaqni dafee nama dhagaha jedhee dhugeeffata Oromoon," jechuun maalummaa Irreessa Tulluu ibsu Obbo Dirribiin.

''Waaqni tulluu kana uumte ganna kana kan nagayaa nuuf godhi, rooba nagayaa nuuf roobi, balaa lolaa nurraa qabi, kan biqile daraaree firii akka godhatu si kadhanna jechuun irreeffatu''

''Tulluun karaa dhufaatii roobaati. Bokkaan tulluurraan duumessaa'ee dhufa. Kanaaf Oromoon Tulluutti ba'ee yaa waaq lafti babbaqaqxee, dheebottee si eegaa jirti, allaattiin oloo keessaa, qurxummiin bishaan keessaallee afaan bantee si eegaa jirtii rooba nagaa nuuf roobi jedhanii kadhatu, ni irreeffatu,'' jedhan.

Obbo Laggasaan gamasaaniin wayita caamsaan biyya fixee, dacheen rooba gu'e kana silaa kadhannaan heddummaachuu male, garuu uummanni akka kanaan duraattuu waaqa kadhataa hin jiru jedhan.

''Kadhannaa waaqaa hir'isuu keenyatu kana nutti fide. Waaqni oggaa kadhatan namaaf dhagaha, argaa turre. Amma uummanni aadaa ofiituu gate. Nama qofa miti, loon, muki, lafti, bineensi uumamni hunduu waaqaa eeggata,'' jechuun irreechi tulluu laafaa jiraachuu himan.