Irreecha 2021: Kabaja Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee suuraaleen

Madda suuraa, Bosa Erena
Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara 2014/2021 wayita biyyattiin gara kaabaan waraanarra jirtuttii fi gama biraatiin ammoo weerarri koronaavaayirasii lubbuu namootaa galaafachaa jirutti, haala ho'aa taheen kabajameera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsa sirna kabaja ayyaanichaatiin booda kennaniin, ayyaana irreeffannaa kanarratti uummanni ''miiliyoona sadii ol argameera'' jedhaniiru.
Suuraalee viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaa deddeeman akka mul'isanitti dargaggoonni iddoo tokkotti walitti qabamuun, mormii dhageessisaa akka turan mul'isa.
Dhaadannoowwan dhagahamaa turan keessaa, kanneen akka namoonni siyaasaa hidhaa keessan jiran akka gadhiifamanii fi ajjeechaa Hacaalutiif haqa gaafataniif fa'i akkasumas mormii motummaa biyya bulchuu keessatti argamu.
Akkuma baroota kaanitti, hawaasni saboota biraas ayyaana kanarratti uffata aadaa isaniitiin argamuun kabajichaaf miidhagina dabalataa tahaniiru.
Suuraalee miidiyaa hawaasaarraa arganne keessaa muraasa akkasiin filannee, qixeessineerra.


Madda suuraa, Ethiopia Insider
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaachuuf namni ''miiliyoona sadii ol argameera'' jedhan.

Madda suuraa, FBC
Dargaggoonni fi shamarran uffata aadaa dizaayinoota haarayaa fi garagaraa qaban uffachuun irreeffanaaf dhufaniiru.

Madda suuraa, Obsi Didha


Madda suuraa, Addis Ababa City Press Secretary Office
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee Irreechi Hora Finfinnee nagaan akka xumuramuuf warreen gumaacha godhan galateeffatan.
Aadde Adaanach ayyaanni Irreechaa Hora Finfinnee aadaa, duudhaafi kabajasaa eeggatee nagaan xumurame jechuun ibsa kennaniin, hirmaattota ayyaanaa, humnoota nageenyaa fi jiraattota magaalattii galateeffataniiru.
Irreessi Hora Finfinnee torbee tokkoo qabee sagantaalee garagaraan kabajamaa turuusaa kan himan kantibaan kun, har'as uummatni miiliyoona sadii tokkummaan kabajeera jedhan.
Kabaji Irreecha Hora Finfinnee baranaa Waaqa galateeffachuurra darbee ''Itoophiyummaa agarsiisuun tokkummaa fi obbolummaa uummattootaa kan cimse dha,'' jedhan

Madda suuraa, Social Media
Akkuma baroota kaanitti, hawaasni saboota biraas ayyaana kanarratti uffata aadaa isaniitiin argamuun kabajicahaaf miidhaginsa dabalataa tahaniiru.

Madda suuraa, FBC


Madda suuraa, Alamy
Embaasiin mootummaa Raashiyaa magaalaa Finfinneetti argamu ergaa baga geessanii kanneen ayyaana Irreechaa kabajaniif dabarseera.
Embaasiwwan biyyootaa ayyaanota Itoophiyaatti kabajaman ilaalchisee ergaa baga geessanii dabarsuun kan barame oggaa tahu, maxxansi kun tarii ayyaana Irreechaa ilaalchisee ergaa baga geessanii dabre isa duraa tahuu mala.

Madda suuraa, Russian Embassy in Ethiopia
Suuraaleen hundi mirgi abbummaa isaanii kan eegamedha.















