Irreecha 2021: 'Marga qofa qabannee malkaa buuna, siyaasa guyyaa kaaniif bulfanna' - Abbaa Gadaa Tuulamaa

Sirna Irreechaa Hora Finfinnee 2020

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadii baranaa ilaalchisuun Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Qindeessaan Kabaja ayyaana Irreechaa, Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa turtii BBC waliin taasisaniin, Irreechi baranaa of eeggannoo addaa barbaada jedhan.

"Irreecha baranaa kana kan kabajnu rakkoolee jajjaboo lama gidduu taaneeti. Inni tokko koronaavaayirasiidha. Kan biraan rakkoo nageenyaa biyyattii keessa jiru,'' jedhan.

''Kanaaf uummanni Oromoo fi jaalattoonni isaa ayyaana Irreechaa kana yeroo kabajuuf dhufan waan kana sirriti hubachuu qabu," jechuun dhaaman.

Yeroo ammaa kanas kabaja ayyaana Ireechaa Hora Finfinnee Sanbataa fi Hora Harsadii Dilbataatiif keessummoonni ayyaanicharratti hirmaatan heddumminaan gara magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinnee seenaa jiru jedhan.

Gama ofeeggannoo koronaavaayirasii kan ilaaleen ministeera eegumsa fayyaa, biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaa fi magaalaa Finfinnee waliin qindoominni uumamee ofeeggannoo fi hubannoon akka kennamu taha jedhan.

Gama nageenya ayyaanichaa kabachiisutiinis caasaan nageenyaa ayyaanichi karaa nagaa qabeessa ta'een akka kabajamuuf qophii gaariin taasifamee akka jirulleen himan.

"Nageenya kan eeggatu hawaasuma. Fayyaa ofiis kan eegu akkasuma. Ta'ummoo mootummaan ittigaafatamummaa waan qabuuf, nageenya irreeffattootaa tiksuuf qophii godheera. Kanaan alatti Foolleenis nageenya Irreeffattootaa eeguuf qophii godheera," jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

Yeroo irreeffannaaf gara malkaatti dhufu irreeffattoonni waan safuu fi aadaa Irreeffannaa dur tureen alatti waan biraa qabatee gara malkaa dhufuu akka hin qabnes dhaaman.

"Oromoon duudhaa fi safuu Irreechi qabu nibeeka. Qeerroon qarree, jaarsi, jaartiin abbaan Gadaa, haati Siinqee maal maal akka qabatanii bahan nibeeku. Malkaa kan deemnu marga jiidhaa qofa qabanneeti," jedhan.

Sirna Irreechaa guyyoota lamaaf turu kana karaa siyaasarraa bilisa ta'een duudhaa Irreechaa qofaan kabajuu qabnas jedhan Abbaan Gadaa.

"Irreechi siyaasa ta'uu hin qabu. Nuti alaabaa Abbaa Gadaatuu qabatanii akka dhufan hin dirqisiisnu. Garuu alaabaa kana qabadhaa, sana hin qabatinaa jechuun baayyee nu cinqa. Siyaasalleen makata. Akka akkana hin taane waan duudhaa keenyaa marga qofa yoo qabanne wayya," jedhan."Irreechi kan marga keenyaan irreeffannee nagaan manatti deebinu malee kan itti alaabaa kanaafi sana hafarsinu miti. Kuni sirna keenya nujalaa laaffisa.

Oromoon abbaa sirnaati. Sirnasaa bareechuu qaba. Waggaa tokko keessa guyyaa 365'tu jira. Guyyaa lamaan kana nagaan kabajnee guyyaa hafe siyaasaf fayyadamuu dandeenya," jedhan.Irreechi baranaa kuni carraa ittiin Oromoon abbaa safuu, abbaa duudhaa, abbaa biyyaa ta'uusaa itti agarsiisu akka ta'uuf Oromoon hundi nageenyummaa Irreecha baranaa irratti gaheesaa bahu qaba jechuunis dhaaman Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.