Irreecha 2020: 'Irreechi Ayyaana itti galateeffataniifi dhiifamaati'- MM Abiy Ahimed

MM Abiy Ahimad yeroo hawaasa Booranaa waliin mariyatan

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ministirri Muummee Itoophiyaa ergaa Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii uummataaf yoo dabarsan Irreechi ayyaana itti galateeffataniifi kan dhiifamaati jedhan.

Dr Abiy ergaa isaanii dheeraa fuula Feesbuukii isaanii irratti barreessaniin akkas jedhanii eegalan.

‘’Irreechi Ayyaana abdiifi galateeffannaati. Akkaataa aadaa Oromootti Irreechi kan kabajamu Waaqa rooba, nagaa, oomishaafi itti fufiinsa dhalootaa namaa kennu galateeffachuudhaafi,’’ jedhan.

Dr Abiy waaqaaf galata dhiyeessuu ilaalchisee ‘’irreecharratti isa darbeef galanni ni dhihaata. Gara fuula duraaf abdiin itti horatama. Isaan kun lamaan akka nama dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti duudhaalee barbaachisoodha,’’ jedhan.

Ministirri Muummee barreffama baga geessanii kana keessatti waa’ee abdii qabaachuufi Irreechaa akkasiin ibsaniiru.

‘’Irreechi Ayyaana Abdiiti. Ilmoon namaa dandeettii waa yaadachuu qaba. Kanaafis kaleessa ni yaadata. Kaleessa keessa jiraachuun garuu hin danda’amu.

Kaleessarraa baratanii gara fuulduraatti deemuun dirqama. Abdiin bakka hin jirretti bor hin jiru,’’ jedhaniiru.

Itti dabaluun Dr Abiy ‘’Irreechi Ayyaana dhiifamaati. Kan wal-loleefi walitti dallane dhiifama waliif hin godhiin Ayyaana Irreechaa guddicha gara kabajuutti hin deemu.

Irreechi madaawwan darban dhiifamaan wal’aanamanii kan itti fayyan, haalooniifi quuqqaan dhabamee araaraan kan itti bakka buufamu Ayyaana guddaadha,’’ jedhan.

Ayyaanichi kan tokkummaa sabaafi sablammoota itti mul’atu tahuusaas dhaamaniiru.

Akkasumas uummatni Itoophiyaa Birraatti bahaa waan jirruuf oomisha isaa waan miidhu irraa eeguun tokkummaan wal gargaaruun oomisha isaa sassabuu akka qabus dhaamaniiru MM Abiy Ahimed.

Ayyaanni Irreechaa bor Fulbaana 23 ALI'tti Hora Finfinnee magaalaa Finfinneetti, Dilbata ammoo Hora Har-Sadiitti kabajama.