MM Abiy: 'Badhaadhina' angafticha Booranarraa fudhanne

Abbaa Gadaa Gujii Jiloo Mandhoo fi MM Abiy Ahimad (PhD)

Madda suuraa, Office of the Prime Minister-Ethiopia

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad 'Nageenyi Badhaadhaa' jedhan uffata guutuu Abbaa Gadaan waltajjii Yaa'aballootti qophaa'erratti marii hawaasa Booranaa waliin taasisuuf yeroo fuulduratti bahan.

Marii ministirri muummee Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad hawaasa Booranaafi Gujii waliin taasise kanarratti Abbootiin Gadaa, maanguddooniifi bakka bu'oonni ummataa kan argaman yoo ta'u OBN ture kan gabaase.

Booranatti jechi 'Badhaadha' jedhu yeroo nagaa walgaafatan, yeroo waan milkii dubbatan kan irra deddeebiin fayyadaman.

Jechi kun hawaasicha biratti yeroo hedduu dubbatama, ni jaallatamallee.

Dr. Abiy Ahimadiif ammoo jechi kun maqaa paartii isaan dhiyeenya kana tolfataniidha- Paartii Badhaadhinaa.

Namoonni paartii kana qeeqan garuu moggaasa isaa kana 'Badhaadhina' jedhu dhiisuun Amaariffaan 'Biltsiginaa' ykn Ingiliffaan 'Prosperity Party' (PP) jechuu yeroo filatan ni mul'ata.

'Yooyyaa, ammallee yooyyaa' jechuun ministira muummichaa gara waltajjiitti yeroo simatanitti Bulchaan Godina Booranaa Aab Guyyoo Galgaloos:

"Kabajamoon ministirri muummee biyya angafarraa Itoophiyaafi guutummaa Afrikaatiif badhaadhina waan hawwaniif maqaa 'Badhaadhina' jedhu ummata angafa [Boorana] irraa waan fudhataniif maqaa ummata Booranaan naaf galateeffadhaa," jedhan.

Erga ministira muummee ta'anii qofa osoo hin taane duraanillee bakka gara garaatti waa'ee Booranaa, aadaa isaa guddaafi ummata beekaa ta'uu isaa kaasaan ture jedhan Dr. Abiy.

"Boranni Ummata aadaa, eenyummaa fi seenaa keenya dabarsaa eegaa dhufedha. Angafummaa isaa maqaadhaan qofa osoo hin taane hojjaan kan agarsiise ummata Booranaati. Ummata jaallatamaa, kabajamaa, kan seenaa, safuu fi araarsuu beekuudha.

''Boranni ummata seenaafi aadaa dhalootatti dabarsuu beekuu fi namallee kan kabaju, akkasumas kan 'Ida'amuufi Badhaadhina' nuuf kenne ulfina guddaafi jaalala guddaa isiniif qabna," jechuun jajan Dr. Abiy.

line

Odeeffannoo biroo kana waliin walitti dhiyaataniif:

line

Booranni waggoota 500 oliif osoo walirraa hin citiin Abbootii Gadaa seeraan kaa'aafi ummata Gadaan bulaa ture Itoophiyaatti osoo hin taane addunyaa irrattiyyu argachuu hin dandeessan jedhan.

"Hin jiru wanti akkasii. Waan adda ta'e isinirraa baranneerra," jechuun wayituma galma marii itti hawaasa mariisisaa jiran dhufaa jiranittillee waggaa 21 booda nama Abbaa Gadaa ta'uun wal barree galle jedhan.

"Oromoon Booranarraa barachuu qaba; lapheerraa barachuu qaba. Waggaa 21 booda nama Abbaa Gadaa ta'u qopheessuu dhiisaatii, waggaa dhufu nama biyya bulchu qopheessuu hin dandeenyu nuti," jechuun kolfa miira ajaa'ibsiifachuu of keessaaa qabuun yeroo ibsan.

Wayituma kana ammoo hawaasni galma guutee jirullee hamilee jabduu kennaniif.

"Kanaaf, Booranni dhugumatti anagafa, Boorana irraa barachuu qabna," jedhan.

Booranaa ilaalchisee waan hedduu dubbachuun akka danda'amu ibsuun waa'ee ummata kanaa waan lama dubbachuun barbaada jedhan Dr. Abiy.

MM Abiy Ahimad yeroo hawaasa Booranaa waliin mariyatan

Madda suuraa, Prime Minister Office

'Nagaafi badhaadhinni yeroo hunda jecha Booranaa keessa jiru....

"Waa'ee kessan waan lama kan na gammachiisu, waa'ee keessan akkan yaadu kan na godhu, yeroo hunda jecha keessaniifi kadhannaa keessan keessatti 'Nagaafi badhaadhinni' ni jiru.

Nutis kana isinirraa barannee ijoollee Abbaa Gadaa keenya ta'uu mirkaneessuuf 'nagaa..., nagaa' waan jenneef seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif addunyaan 'Abbaa Nagayaa' nuun jechuu danda'eera.

Kun isinirraa barachuu, angafummaa keessan fudhachuu keenyarraa dhufe waan ta'eef, abbaan nagayaa deebiyee kan badhaafame ilma keessan yaa ta'u malee jecha keessani, yaada keessani, hojii keessanidha waan ta'eef baga gammaddan," jedhan.

"Angafa irraa maqaa fudhannee..."

Waa'ee 'badhaadhinaa' yeroo ibsanis, Booranni waa'ee saawwaniifi qabeenyaa qofaa miti kan dubbatu. "Boorana biratti hiikkaan isaa bal'aadha, guddaadha. Nageenyumaanuu, 'Nageenyi Badhaadhaa' jedha Booranni jedha."

"'Badhaadhina' jennee paartii keenya yeroo maqaa itti laannu, biyya keenyatti ilmi haaraa yeroo dhalatu abbaatu maqaa baasa ykn angafatu maqaa baasa.

Angafa irraa maqaa fudhannee paartii kanaaf kennuun keenya, Oromoo guutuu kan gammachiisu ta'uu qaba malee kan gaddisiisu ta'uu hin qabu."

Waltajjii marii hawaasa Booranaa kanarratti Ministiri Muummee Dr. Abiy Oromoo rakkoo mudachaa jira jedhan kaasuun ibsan.

Akka isaan jedhanitti, Boorana angafummaa isaa baree, irraa baratee tokkummaa isaa eeguu dadhabuudha.

"Oromoon godinaan qoqqoodamnaan Oromummaan hin jiru. Booranni Keeniyaa ce'eellee Oromoo sassaabbata, tokkummaa Oromoo eeggata.

Inni ammaa Oromoo godinaan qoqqooduuf deemaa jiru. Kun kan nu harka gale nu harkaa baasa malee nu hin fayyadu, fagoos nu hin geessu. Tokkummaan keenya eeggamuu qaba," jedhan.

Pirezedaantiin Itti-aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas faayidaa Oromoo ilaalchisee karooraafi daandii ifa qabaachuu himuun Oromoo qooduun rakkoo ta'uu dubbatan.

"Kallattiifi karaa ifa ta'e kana qabannee ummata keenya ceesisuudhaaf ni hojjenna. Oromoon tokkummaa isaa cimsee, kaan ofitti dabalee deemuu qaba.

Yoo danda'e Gaanfa Afrikaa ofitti dabalee ce'uuti irra jiraata malee warri godinaan, aanaadhaan nu qoodanii, Oromoo kutaadhaan addaan cicciranii; waan kutaa addaan cicciran sana ammoo walitti suphina jedhanii suphaa sobaatiin warri nu burjaajessuu barbaadan Oromoo diiguuf. Oromoon lamuu hin diigamtu," jedhan.

Yeroon isaa filannootti deemamaa jira; paartileen siyaasaas duula 'na filadhaa' jalqabaa jiru.

Haala yeroo kana waliin walqabsiisuun haasaa aanga'oonni ol-aanoo kunneen Booranaafi Gujiitti taasian namoonni dhimmuma duula filannoo waliin walqabsiisan jiraatanis, hawaasa gaaffii misoomaafi nageenyaa bara dheeraa qabutti dhiyaatanii dhaggeeffachuun isaan waan dansa kan jedhanis jiru.

Kanaan dura aadaa siyaasa Itoophiyaa keessatti kan baratame 'sinsinnii/ginnisii' filannoo jala dhakaa bu'uraa kaa'uudha.

Gaaffiin misoomaa waadaa galamuurra darbee dhakaan bu'uuraa kaawame yeroon filannoo dabarraan ni dagatamu jedhu namoonni.

Kanaaf, hawaasa dhaga'uufi bakka maluuf kennuun waan yeroo filannootti dhiyaatan qofa ta'uu akka hin qabne kan jedhu yaada namoota hedduudha.

Gaazexeessaa Hamzaa Booranaa fuula Feesuukii isaarratti waa'ee daawwannaa aanga'onni kunneen Booranaafi Gujiitti taasisan waan gaaridha jechuun barreesseera.

"Angafummaan Booranaa baranuma hooggansa mootummaatiin akka malee ol kaatee faarfamte. Aadaafi safuun Booranas hedduu dubbatamte.

Deemsi warri mootummaa gara Booranaa taasise waan gaariidha. Mootummaan ummata keessa deemee ummata mariisisuufi rakkoo ummataa qaamaan dhageeffachuun dansaadha.

Aadaafi ulfina Oromoon Booranaa qabu akkasitti dubbachuunis waanuma malu. Ummanni Booranaa ummata aadaa gabbataafi safuu tuullaa qabu waan ta'eef, waan hunda adabaan dubbata.

Rakkoo isaas osoma beeku obsaan dabarsa."

Garuu wanti hubatamuu qabu ummanni kun ummata waggaa dheeraf dagatamee tureedha jedha Obbo Hamzaan yeroo barreessu.

'Walfaarsuun yoo filannoo qofaaf taate rakkoo dabaluuf malee bu'aa hin buusu..'

Akka gaazexeessaan kun jedhutti pirojektiiwwan bishaanii waggoota kudhan dura eegalaman hanga ammaa hin xumuramne. Pirojektiiwwan kun ministiroota muummee sadiifi pirezdaantiiwwan naannoo Oromiyaa shan dabarsanii jiru.

"Mariin kun yoo rakkoo ummata hiike qofa hiika qaba. Walfaarsuun yoo filannoo qofaaf taate rakkoo dabaluuf malee bu'aa hin buusu. Booranni waarshaawwan gara garaa hin qabu. Daandiwwan gara garaa hin qabu.

Kanaafuu ummata aadaaf safuu guddaa qabu kana mootummaan xiyyeeffannaa addaatin deeggarsa addaa gochuu qaba," jedha Hamzaan.

Bulchitoonni Godinaalee Boornaafi Gujii maal jedhan?

Bulchaan Godina Booranaa Aab Guyyoo Galgaloo jaarsoliin Oromoo Booranaa nageenyaaf dhimmamuurraan kan ka'e kanaan dura hanga masaraa mootummaatti deemuun dhibdee qondaaltota olaanoo gidduu ture furuuf yaalaniiru jedhan.

''Wayita abbootiin gadaa fi jaarsoliin biyyaa qondaaltota gidduutti araara buusuuf gara Finfinnee imalanii turan Ministirri Muummee Abiy Ahmad gammachuun simatan. Obbo Lammaa Magarsaallee dhaamsi sun ga'eera.

Wayita sana MM akka qaamaan dhufanii Boorana waliin mari'atan waadaa seenanii turan. Akkaatuma waadaa sanaan dhufan jechuudha.''

Carraa kana fayyadamuun gaaffileen hedduu Ministira Muummeef dhiyaataniiru kan jedhan qondaalli kun ''gaaffileen misoomaawwan bu'uuraa, bishaanii fi buufata xiyyaaraa Yaa'abal'oo isaan ijoo turan.'' jedhan.

Gaaffileen buufata xiyyaaraa fi giddu gala aadaatiin walqabatanii ka'an yeroo gabaabaa keessatti furmaata akka argatan MM waadaa seenaniiru kan jedhan Aab Guyyoon dhimmi bishaan dhugaatiin Godina Booranaa ammoo xiyyeeffannaa addaan kan hojjetamu ta'uun eerameera jedhan.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad maallaqi kitaaba Ida'amuu irraa argame walakkaan ijaarsa galma aadaa Booranaaf akka oolu waadaa nuuf galaniiru jedhan Aab Guyyoon.

Gaaffiin akka ijootti ka'e kan dhibiin waa'e gabaa beelladaa fi dhimma Mooyaleeti kan jedhan Aab Guyyoon,''kanarratti mootummaan xiyyeeffatee kan hojjetu ta'uu MM ibsaniiru,'' jedhan.

Waa'ee nageenyaarrattis uummata waliin ta'uun mootummaan waan danda'u hundaan akka hojjetu waadaa seenaniiru jedhan.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad wanti gara Godina isaanii isaan fide waa'ee uummatasaaniiti kan jedhan bulchaan godinichaa Aab Abarraa Buunnoo hawaasnis gaaffilee dhimma nageenyaafi misoomaarratti gaafateera jedhan.

''Daandiin Shaakkisoo irraa Bulee Horaa geessu, gandoota kan walquunnamsiisu, bishaan dhugaatii, buufata xiyyaaraa, fi misoomaawwan bu'uuraa biroon akka guutaman gaafatameera.''

Godinaaleen Booranaa fi Gujii godinaalee bulchiinsa komaandi postii jala jiran ta'uusaaniirraan ka'e yeroo baay'ee yaaddoo nageenyaa akka qaban uummanni godinaalee kanneenii komii ni dhiyeessu.

Aab Abarraan garuu kun akka gaaffiittis hin kaane, inumaa erga komaandi postii jalatti buluu eegalanii nageenyi bu'e jedhan.

Bulchiinsa komaandi postii jalatti paartileen akka fedhanitti socho'anii sagantaasaanii beeksifachuu fi uummannillee kan fedhe filachuuf sochii taasisuun hin rakkisuu?

Isinumti mataan keessan akka paartii keessaniitti komaandi postiin utuu jiruu filannootti deemuun isin hin rakkisuu kan jedhamanii gaafatamaniiif garuu ''Yoo barbaachise komaandi postiin kaafamuu danda'a. Nageenyi buunaan bulchiinsi komaandi postii hin barbaachisu'' jedhan.

Aab Abarraan kanaan dura paarlaamaarratti labsii yeroo hatattamaa mormaa turan,amma garuu komaandi postii jalatti bulchiinsa godinaa ta'uun dhiibbaa isnirratti hin uumnee jennee wayita gaafannu, "Haalli yeroo sanaafi kan ammaa waladda jedhan. Yeros uummata mirgasaaf falmatu dhaamsuuf labsame, amma garuu mirga uummataa kabachiisuuf labsame," jedhan.

Komaandi Postiin amma labsamee jiru kan uummata Oromoo ukkaamsu osoo hin taane kan uumata Oromoo tiksuu fi jijjiirama kanaaf wabii ta'eedha jedhan.