Jawaar waa'ee Lammaa, gamtoomuu paartilee Oromoofi TPLF maal jedha?

Rogeessiifi xiinxalaan siyaasaa yeroo Qeerroofi Qarreen Oromoo daandiitti bahuun harka qullaa raayyaa ittisa biyyaa dura dhaabbachuun mormii wal irraa hin cinnee gaggeessaa turanitti, sochii qabsoo socho'oosuun maqaansaa kan dhahamu, Obbo Jawaar Mohaammad.
Dhiheenya kana ammoo Paartii Kongiransii Federaalistii Oromoo (KFO)tti dabalamuun isaa partichi mirkanneesseera.
Erga Jawaar KFO'tti makamuun isaa barameen asiis, qaamoolee hedduun waa'ee Jawaar mata-duree dubbii taasisaniiru.
Haala siyaasaa biyyatti waliigalaafi makamuun Obbo Jawaar KFO waliin Siyaasa Oromoo keessatti maal akka akeekuu ilaalchisee, BBC Afaan Oromoo Obbo Jawaar Waliin gaaffiifi deebii taasisee akka itti aanu kanatti siniif qindeessineera.
BBC: Paartiilee Oromoo sadan (KFO, PBO fi ABO) waliin hojjachuuf waliigalteerra gahunsaanii ifa ta'eera. Dhimmi irratti waliigalame maali?
Obbo Jawaar: Kana qaamooleen dhimma kanarratti hojjataa jiran kan yeroo gabaabaa keessatti ibsan ta'a. Garuu ani ammatti kanan jechuu danda'u, waan ummata Oromoo, Oromiyaafi Itoophiyaaf gaarii ta'eerratti hojjataa akka jiran amantaa gaariin qaba. Hubannoosaas qaba.
Garuu gadi fageenya isaa ilaalchise warrumti dhimma kanarratti hojjataa jiran yeroo gabaabaa keessatti ibsa waan kennaniif kana caalaa jechu hin fedhu.
BBC: Tole, waliigalteen paartilee Oromoo kanneenii kun duchaadhumatti paartilee kanneeniif, saba Oromoofi paartii biyya bulchaa jiruuf maal jechuudha?
Obbo Jawaar: Egaan amma ce'umsa keessa kan jirru. Sirna abbaa irree kuffiisuuf falmii cimaatuu godhamaa jira. Egaa falmii kana keessatti, hoggantoonni dhaabbilee siyaasaa kunneen gahee guddaadhaa kan xabataa turan.
Wayita ce'umsa waggaa tokkoofi wallakaa darbee kana keessas paartiilee mormitootaa kanneen dabalatee paartiin biyya bulchuus shoora xabataa turan.
Amma immoo qaama ce'umsa kanaa tahuun filannooni duraa gaggeeffamuuf deema.
Filannoon kun bifa nagaa qabuun, bifa iftoomina qabuun, bifa wal dorgommiin keessatti mul'atuun (competitive) ta'een gaggeeffamuun milkaa'ina filannoo kanaaf baayyee barbaachisaadha.
Kanaaf ammoo paartileen qoqophaa'uun barbaachisaadha.
Haa ta'u malee, hanqinoonni kan akka paartileen mormiitootaafi paartiin biyya bulchu walitti dhiyaatanii waliin mariii taasisuu hin turre.
Wal hubannaa dhabuun ammoo rakkoo tokko tokko uumuu danda'a. Sana hambiisuuf ammoo yaaliin hanga tokko taasifamaa jira.
Fakkeenyaaf, sadarkaa Oromiyaatti hoggantoonni paartii biyya bulchuufi paartiilee mormitootaa Gaaddisa Oggansa Oromoo jedhamu dhaabuun ji'a jahaa ol mari'ataa turan. Ammas yeroo yeroon wal arganiiti kan mari'ataa jiran.
Kana jechuun ammo filannoon kun akka mirkaa'inaan gaggeeffamuuf, nageenyi akka hinboroofneef bu'aa olaanaa qabaata.
Kana malees paartliilee akkaattaa walitti dhiyaataniin tumsa walii uumuun, milkaa'ina filannootiif haala barbaachisaa biraati.
Kunis nageenya mirkanneessuu bira darbee dorgomaa cimaa ta'anii bahanii filannoo keessatti ummanni filatu filmaata dhugaa qabaatee akka filatuuf waan gargaaruuf, paartilee Oromoo qofaa osoo hin taanee biyya kana keessatti paartileen jiran walitti dhiyaatanii hojjachuun barbaachisaadha.
Faayidaa guddaas qaba jedheen amana. Hoggannoonni kunneenis kana hojjachuusaanitiif galata guddaa qabu.
BBC: MM Dr Abiy paartileen siyaasaa yoo ilaalchaan walitti siqu ta'e, osoo walitti siqanii waliin hojjatanii gaarii ta'a yaada jedhu dubbataa akka turan ni yaadatama. Amma immoo dhaabbileen siyaasaa Oromoo kunneen waan waliin hojjachuu kana cimsaa jiru. Kun Paartii Badhaadhiinaatiif maal jechuu ta'a?
Obbo Jawaar: Egaa kana bakka irra dhaabbattee ilaaltuutu murteessa. MM paartiin inni hogganaa jiru, imaanaa olaanaa ummanni itti kennee akka irra jiru, ummanni kun sirna abbaa hirree diigee imaanaa yeroo itti kennu, motummaan ummataan filatamu hanga dhaabnuutti nu hoggana.
Motummaan ummataa akka dhaabatuuf haala mijjeessi kan jedhuudha imaanaan itti kenname.
Kaaf paartileen walitti dhufanii fi qophaa'anii filannootti seenuun milkaa'ina filannoo ce'umsaa kanaatiif barbaachisaadha.
Kanaaf filannoon kun bifa mirkanaa'een, bifa nagaa qabuun, bifa wal dorgommiin keessa jiruun gaggeeffamuun keessatti galata guddaa kan argatu paartii biyya bulchuufi keessattuu hogganaa kan ta'ee MMti.
Kanaafu, paartileen cimanii deemuun isuma MM tiif waan gaariidha.
Gama biraatiin ammoo paartileen cimanii yoo dhufan dorgommii keessa waan galaniif paartiin isaanii dorgommii cimaan waan mudatuuf tarii mo'amuu danda'u.
Kana akka sodaatti ilaaluun ni mul'ata. Anaaf garuu kun gaarii natti hin fakkaatu. Sababiinsaas MM kun baayyee kan faarfaman, baayyee kan jajaman dirree siyaasaa biyya kanaa bal'isurrattiidha.
Badhaasa noobiliis kan argatan sababa kanaafiidha.
Amma filannoo kanaan haala dorgommiin paartilee cimaan kan gaggeefamu taatee, mo'anis, mo'amaniis filannichi kan nagaa ta'unsaa galata guddaa kan argatan isaanuma waan ta'aniif, paartileen Oromoo kunneen walitti dhufuun kan isaan miidhu osoo hin taanee kan maqaasaanii ol kaasuufi galata ummataa dabaluufiidha.
BBC: PBOn alatti ABO fi KFO dhaabbilee biroo waliin qindomiina ijaaran qabu.Kun attamiin hojjata. Dhaabni tokko qaama qindoomina lamaa ta'u danda'aa?
Obbo Jawaar: Egaan seerri waan lafa kaa'ee qaba. Heerri biyyattii sadarkaa motummaa sadarkaa sadiitti kan ibsu. Motummaan tokkooffaan motummaa federaalaatii, kan lammaffaa motummaa naannooti, kan sadaffaa motummaa sadarkaa aanaafi gandaatti ijaaramu (local) jedhamudha.
Sadarkaa adda addaattii paartileen dorgomaniiti mo'atanii kan motummaa ijaaran. Motummaa ijaaruuf ammoo sagalee olaanaa yoo argattee paartilee biraa waliin wal ta'anii hojjachuun dirqama ta'a.
Kanaafuu filannoo sadarkaa federaalaa, naannoo fi gandaatti tumsa (coalition) umuun barbaachisaadha.
Tumsi paartilee siyaasaa kuni mataansaa bakka lamatti jechuuns filannoon duraa (pre-election coalition) fi filannoon booda (post election coalition or governing coalition) uamamu danda'a.
Haalli kunis ittiin bulmaata mataasaanii irratti kan hundaa'u ta'a. Seerri filannoo kana waan ugguru hin qabu
BBC: Egaa KFO'tti makamuun kee ifa ta'eera. Mee KFO keessatti gaheen qabduu hirmaannaan kee miseensummaa bira darbee gahee oggansaa ni qabaataa?
Obbo Jawaar: Ani paartii kana waliin yeroo dheeraaf hojjataan ture. Amma immoo erga hoggansa paartilee sadanii waliin erga mari'anneen booda bifa attamiin yoon deemeen ce'umsa kanaafi ummata Oromoo gargaara? Kan jedhurratti erga mari'anneen boodan KFO akka qabsaa'aa tokkootti seene.
Paartichi ammoo bakka miseensi kun na fayyada jedhee yaaduutti paartichatu na ramada. Anis bakka paartichi na ramaduutti beekumsaa, dhaggeettiifi gahumsan qabuun paarticha tajaajilu ittiin fufa.
Garuu ammoo kanan tajaajilu garuu KFO qofa akka hin taanee hubatamu qaba. Keessattuu humna paartiilee mormitootaa kana cimsuufi akkasumas paartileen mormitootaafi kan biyya bulchu haala wal kabajaafi wal dhaggeettii qabuun akka waliin hojjataniifi kanan hojjadhu.
Akka KFOtti ammoo paartichi bakka na ramadee hundatti filannoon duraafi boodas hojjachuuf qophiidha.
BBC: Kana jechuun gaafa miseensa KFO taatuu waa'ee miseensummaa malee waa'ee sadarkaa hoggansaa kaasuun hin marii'annee jechuudhaa?
Obbo Jawaar: Homaa waa'ee kanaa haasofnee hin beeknu. Kan dubbannee paartichatti miseensa ta'e makamee paartichaafi gurmuu paartiilee mormitoota Oromoo cimsuudhaaf, gurmuu sirna federaalaatti amanan cimsuudhaaf paartii tokko keessatti hammattamuun kiyya barbaachiisaadha jedhee waanan amaneef miseensa ta'uuf malee waa'ee hoggansaarratti hin mari'anne.
Gara fuulduraas waan baayyee yaachisaa natti hin fakkaatu. Ani miseensa gadaa ykn jiddugala ykn olaanaa ta'ee dhiisee, kan barbaachisu dirqama paartiin narraa barbaadu kennuudha malee aangoon as keessa hin jiru.
Qbasoo keessatti dirqama malee faayidaa guddaan eegamu hangas hin jiru. Kanaaf bakka paartiin na ramadeettan hojjadha malee wanti hanga ammaatti yaadamee hin jiru.
BBC: Dhimmoonni ati filannoo irratti hirmaachuuf na danqu jettee yaaddu jiraa?
Obbo Jawaar: Hin jiru. Fakkeenyaaf, lammummaa biyya biraa qabaataan ture. Isa deebiiseera. Filannoo sadarkaa hundarratti seenee hirmaachuuf seerri na ugguru kamiiyyuu hinjiru.
BBC: Tibba ati biyya Ameerikaa turte namoonni si balaaleeffachaa turan. Akkasumas Itoophiyaa keessattis namoonni ilaalcha siyaasaa ati qabdu morman jiru.
Kun ammoo fudhatama ati sadarkaa biyyaaleessaatti qabdu irratti dhiibbaa qabaata jedhanii kan yaadan jiru. Waa'ee kanaa itti yaaddee jirtaa?
Obbo Jawaar: Egaan ani qabsoo ummata Oromoo keessattiin guddadhe. Qabsoo Oromoon gaggeessaa ture. Kanan amanus, wanti ummata Oromoof gaarii ummata Itoophiyaaf gaariidha jedheetan.
Kanarraa kaanee sochii qeerroo keessatti hojii hojjataa tureen ce'umsi kun akka dhufu gooneera. Sirni abbaa irree dura ture akka kufu gooneera.
Jijjiramni kun ammoo wayita dhufuu, Oromoo qofaaf dhufe osoo hin taanee biyya guutuuf kan dhufe. Gara fuula duraattis wanti saba Oromootiif hin taanee saba biraatiif hin ta'u, wanti saba biraatiif ta'u Oromoof ni ta'a.
Ilaalcha kiyya kana mormuunis mirga. Warri ilaalcha kiyya kana hubatanis kan mormanis jiru. Kun kabajamu qaba.
Gara fulduraattis yoo ta'e, yaadni ummanni ilaalcha hogganaa tokko parsantaa dhibba haa fudhatu jedhu dhugaarraa kan fagaatee fi ilaalcha farra dimokraasiiti.
Kanaaf, biyya kana keessatti paartiin ani keessatti hirmaadhu ykn ani filannoof ni dhiyaanna. Ilaalcha federaalizimii cimaafi dhugaa saboonni ittiin wal bulchanii biyya ittiin bulchan biyya kanaaf barbaachisaadha jennee itti amaneeti kan dhiyaannu.
Warri kanatti amanu sagalee nuuf kennaa, warri kanatti hin amannee ammoo sagalee nu dhoowwata. Sagaleen nuuf kennamu wayyaba ta'ee kan argamu wayita taatee, motummaa ni ijaarra.
Motummaa ijaarru sana keessatti warri nu deegaree, warri nu mormees wal qixa tajaajilama. Wal qixa seeraaf abboomamee kan bulu ta'a jechaadha. Kanaaf sun baayyee waan na yaachisu miti.
BBC: Obbo Lammaa Magarsaa ilaalcha ida'amuufi Paartii Badhaadhiinaa irraa komii qaban erga ibsanii booda, waliin hojjachuuf araarrii bu'eera jedhamuus wanti isaan midiyaarratti jedhan homtu hin jru. Ykns warra dhaaba badhaadhiinaa ogganan birattis mul'ataa hinjiran. Haa ta'u malee siifi dhaabilee Mormituu Oromoo waliin maqaansaanii ni ka'a. Ofii ati waa'ee kana wanti beektu jiraa?
Obbo Jawaar: Lammaa Magarsaa goota Oromooti. Nama Oromoofi ummata Itoophiyaatiif olmaa olaanaa ooleedha. Qabsoo kana dura taasifamaa tureen motummaan silaa diigamee balaa qaqabuu malu hambisuurratti tarkaanfiifi murannoon Lammaa Magarsaa raawwate kan gadatamu miti. Nama galata guddaa qabudha.
Anis akka jaala qabsoo fi abbaa galataa tokkoottiin ilaala. Haala amma adeemaa jiru keessatti ejjannoo paartiinsaa fudhate akka hindeeggare ifatti ibseera.
Gara fuulduraattis ejjennoonni inni fudhate kabajameefii ummata Oromoofi ummata Itoophiyaatiif tajaajila kennuu kan itti fufuu ta'a.
Gara fuulduraatti maal hojjata? Akkamiin itti deema kan jedhu irra jireessaan kan murteessu isa.
Nutis gama keenyaan isa walinis taatee obboleeyyan keenya gara biraa jiran wajjiin akkaataa wal hubannaatiin waliin hojjachuuf qophiidha. Kan sana bira darbee ammo kan murteessu isuma ta'a jechuudha.
BBC: Keessumatu midiyaalee hawaasaarratti oduun gara paartilee siyaasaa mormitu ni deema jedhee dedeemaa ture. Ati wanti akkasii nu umama jettee yaaddaa?
Obbo Jawaar: Tilmaama keessa seenu hinbarbaadu. Garuu paartiin Lammaa Magarsaa itti seenu kamiiyyu ykn paartiin Oromoo kamiyyuu isa waliin hojjachuuf qophiidhaa, fedhiis ni qabu.
Amma duras yeroo biyya fagoo keessa jiraannee, isaan sirna hacuuccaa Wayyaanee keessa turanitti waliin hojjataati kan turre. Gara fuulduraatti kanumaan kan itti fufnuudha.
Gara fulduraattis Lammaan oggansa isarraa eegamu beekumsa qabuun ummata kana tajaajiluu itti fufa jedheetan kan abdadhu. Paartii kamiifi bifa kamiin kan jedhuuf isuumaaf dhiifnee gara fuulduraatti kan ilaallu ta'a.
Paarii kamuu keessa seenee kan hojjatu yoo taa'ee biyyaafi ummata kanaaf nama bu'aa olaanaa busuu ta'usaa itti dhiheenyaanis waliin hojjadheen waanan beekuuf kana mirkanneessu nan danda'a.
BBC: Federaalizimiin dhaabni keessniifi kan paartiin Badhaadhinaa itti amanan garaa garummaa qabaa? Paartii Badhaadhiinaa dabalatee paartii hedduun federaalizimii akka leellisan himu. Ofii federaalizimiirratti garaa garummaan ilaalchaa OFK fi paartiin Badhaadhiinaa qaban maaliidha?
Obbo Jawaar: Sagantaa isaan dhiyeessan irratti hundaa'uun yoo ilaallu, ifaafi ifatti himu haa dhaban malee, kan isaan amanan motummaa jiddugalaa cimaafi motummaa naannoo laafaatti kan baayyee amanan.
Siyaasa sabarratti hundaa'eefi maqaa sabaatiin socho'u ammoo akka harraati kan ilaalan. Itoophiyummaa durii sana leellisuun kan mul'atan.
Sana qofaas osoo hintaane, heera bulmaata paartii isaanii keessatti akka kaa'ameetti oggannoon paartiilee naannooleerraa dhufan jiddugalaan kan mudamaniifi kan kaa'ama akka ta'eetti kan ilaalu.
Kun ammo mirga sabni tokko naannoo ofiirratti eenyummaasaatiin boonee ittiin ofi gurmmeesse ogganoota isaa ofii bakka buusee, ofii kaasu sana kan dhiibu ta'a.
Gama keenyaan ejjannoon paartiin keenyas ta'e paartileen biraa qabatanii ittiin socho'an kan waggaa shantamaaf, jahaatamaaf jijjiramee miti.
Nuti biyya kana keessatti rakkoon jiru cunqursaa sabaati jenneeti kan kaanu. Biyyi kun wayita ijaaramtuus saba cunqursuun, kan guddattees olaantummaa saba tokko awwaluun kan saba biraa ol qabuun. Kanaafuu biyyi kun akka dagaagu, dimokraasiin lafa akka qabaatu kan barbaadamu yoo taate, sabaafi sablamoonni qee'ee ofiirratti ofiin of bulchuu qabaatu.
Kana jechuun ammo kallattiidhaan ogganoota kan paartii ta'ee kan biyya bulchan filachuu, qe'ee ofiirratti abbummaa gutuu qabaachuu, sana booda sadarkaa Itoophiyaatti ammo akka baayyinaafi gummaacha isaanitiin, dinagdeefi aangoorraa hirmaatanii buluudha jenneeti kan falminu.
Kun kaayyoo qabsoon keenya waggoota 50 oliif ittiin adeemaa tureedha. Kunis kaayyoo ABO, kaayyoo KFOti kaayyoo PBOti. Akkasumas kun kaayyoo Elemo Qilxuuti, kaayyoo Baaroo tumsaati.
Kaayyoo hanga harratti ittiin deemaa turee waan ta'eef, hanga harraatti Itoophiyaan kan jijjiramte, qabsaa'oota kun akka guutamuuf qabsaa'aa turniin.
Gara fulduraas biyya kana kan baasu yoo ummanni, sabaafi sablamoonni ofi gurmeessanii qee'ee ofiitti bulchanii, ofi ijaaranii jaarmiyaa sanatti fayyadamanii, jiddugaleessatti aangoofi qabeenya isaaniin malu argatanii adeemaniidha.
Paartiin amma biyya bulchaa jiru garuuakka paartii zamana Dargiitti ofi duuba deebii'ee Itoophiyaa kan mirgi ofiin ofi bulchu sabootaa itti laaffatte, kan Itoophiyummaan gara tokkotti jallattee ijaaramte itti leelifamtu, kan motooti saba keenya gidirsaa turan itti leeliifaman, garuu ammoo kan qabsaa'oonni keenya itti itti irraanfatamaniifi itti tuffataman, deebii'ees akka haaraatti kan mana hidhaa keessatti itti darbataman waan ta'eef, kana ammo fuldurra dhaabbanna.
Ummata keenyatti kenninee ummatichi murtiisaa sagalee isaatiin akka itti kennuuf qophaa'aa jirra jechuudha.
BBC: TPLF akkasumas ejjannoo federaalizimii deegaruun qaba jechaa jira. Ofii carraan TPLF gara fuula duraa maal ta'a jettee yaadda? Tarii osoo paartii federaaliziimii leellisan kan akka ati keessa jirtuu waliin hojjachuuf osoo gaaffii dhiyeeffate kan simatamu sitti fakkaataa?
Obbo Jawaar: TPLF maqaa federaalizimiitiin waggoota 27 biyya kan dhiitaa kan turaniidha. Biyya kanatti federaalizimiin dhugaa akka hinijaaramne danqaa ta'un bakka saa ollantummaa gareesaanii ijaaruun ummata cunqursaati kan turan.
Har'a qabsoo ummanni Oromoo adda duraan taasiseen aangorraa bu'uun qee'saanitti galaniiru. Ejjannoon isaan qabatan kunis bifa lamaan ilaalamu qabaata. Tokkoffaa, waa'ee federaalizimii amma jedhanii aangorraa waan bu'aniif malee dhugaa miti kan jedhu jira.
Gara kaaniin ammoo naannoo isaaniirratti heera motummaa fayyadamanii dandtaa naannoo isaaniif falmu ni danda'u kan jedhuudha.
Garuu rakkoon TPLF fi MM Abiy jidduu jiru rakkoo ADWUI keessaati. TPLF Adda Dimokiraasummaa Ummattota Itoophiyaa keessatti gooftaa turan.
Warri OPDO ammo isaaniif hajajamaa turan. Amma qabsoo ummataatii OPDO fi warri kuun waan olbahaniif waldhabdee keessoo isaanitti umameedha. Kanaaf ammoo baayyee itti rakkachu hinbarbaadnu.
Kanaaf TPLF filannoo dhufuutti filatamee yoo mo'ate naannoosaa bulchu danda'a ta'a. Garuu isa bira darbee gara paartilee Oromoo nuti keessa jruutti dhufatanii hidhata godhatanii waliin hojjatu kan jedhuu hinyaadamu.
Maaliif yoo jedhamee caasaa ADWUI keessaa gaman fiduu hindandeenyu. Hinbarbaadnuus. Lammaffaan ammo, TPLF ta'e warri PP warra biyya bulchu waan ta'aniif, caasaan isaan keessaa caasaa kaleessa waliin biyya nyaachaa, har'a ammoo wal waakkateeti.
Kanaafu isa kana fidnee qabsoo dhugaafi qulqulluu keenyaitti makuun ittiin xureessu hinbarbaadnu. Ummata Tigraayiif kabaja qabna.
Hoggansa Tigraayi waliin ni haasoofna, ni mari'anna. Haa taatu ammo TPLF gara gurmuu keenyatti fidne qabsoo keenyas xureessuu hinbarbaadnu.
Ataakaaroo, wal gaarreeffannoo isaaniifi jaallan isaanii kaleessaa jidduu seenee qabamuufi xurii isaan ofiirraa qaban ofiitti haquu hinbarbaannu. Kanaafu gara keenyatti akka dhufan hinbarbaadnu jechaadha.
BBC: Haala amma jiruun filannoo barana kan gaggeefamu sitti fakkaataa? Dhaabni keessan hoo filannoo osoo gaggeefamee fedhaa?
Obbo Jawaar: Egaa duraa haala garaa garaatiin waa'ee fialannoo kanaa ilaachisuun hiikni filannoo kanaa, toltuufi hamtuunsaa madaalamee yeroon itti gaggeeffamu kanaa haa mari'atamu jennaan paartiin biyya bulchu fedhii hinagarsiifne. Godhamu qaba jedhanii murteessaniiru.
Walgahii guyyaa lama dura godhameenis filannoon kun bara kana akka gaggeefamu barbaadna jedhaniiru.
Akka qorataa ce'uumsa biyyoota adda addaa qorate tokkootti, akka nama ce'uma kana karaa qabsiisanii tokkootti, qophii gahaan jiraa yoo naan jette hinjiru.Haa taatu ammo erga filannoon kun nu fayyada haaluma karoorfameen deemu qabaata jedhanii kan deeman taatee, caliifnee hinilaaluu.
Saffisaan itti qophaa'aas jirra. Filannoon guyyaa boruus kan taatu yoo taate sagaleen ummata keenyaa akka hinhiramneefi hinhatamne, ummanni keenya hireefi carraa dhiiga ilmaan isaatiin argate kana akka jalaa hinfashalleef qophii safiisaatii gochaa kan jirru.
Dhaabbileen keenyaa aanaarratti, godinaaleerratti waajiraalee banaa jiru. Akkasumas oggansi ammoo guyyaa gutuu waliin mari'achaa tarsimoo waloo waliin baasaa deemaati kan jiru.
Kanaafu filannoon borus kan gaggeefamu yoo taatee keessatti himaannee ittiin injifannee ummanni keenya motummaa isaaf malu akka qabaatuuf qophii saffisaa taasisaa jirra.
Filannoon kan dabarfamu yoo ta'ee ammoo murtee tarkaanfii motummaa qofaan osoo hintaane, marii oggansi siyaasaa hundi taasisuun akka raawwatuuf gaaffii dhiyeessineera.
Kan gaggeefamu yoo ta'e ammoo ummanni keenya hiree kanatti akka fayyadamuuf, hireen kun jala akka hindabarreef alkanii guyyaa qophii taasisaa jirra.
BBC: Namoonni baayyeen osoo eenyummaafi amantaan walirratti ka'uun jiruu filannoon yoo itti dabalame biyyattiin yaaddoo hamaa keessa galti. Yeroon filannoo duraa fi filannoon boodas okkoraan kan gutame akka ta'u soda qaban yoo ibsan dhagahamu. Haala amma argaa jirru irraa ka'uun ati yaaddoo sana qabdaa?
Obbo Jawaar: Eeyyeen yaaddoon jira. Kunis ce'umsi biyyattii haalaan ogganamu dhabuurraa kan maddeedha. Hoggansi siyaasaa, hoggansi biyyattii, hayyuun biyyattii walitti dhufee waliin mari'achuu dhabuun rakkoo tokko.
Siyaasni ce'uumsaa akkuma feeteetti kan qaamni aangoorra jiru qofti biyya itti gaggeessu miti.
Qaamoonni adda addaa walitti dhufanii kan waliin biyya ceesiisaniidha. Oggansi amma biyya bulchu ammo kana gochuurratti fedhiis hinagarsiifne. Laafnuma (failer of leadership) gama hoggansa amma jiruutu kanatu akka gara filannootti seenuuf nu dirqisiise.
Walitti bu'iinsi haala adda addaatiin umamu kanaaf maddisaa laafiina motummaa ce'umsa kana oggannurratti agarsiirra waan ta'eef, filannoon kun haala kana akka hin hammeesineef ammas falli jiru hoggansi siyaasa bifa adda addaa keessa jiru walitti dhufee waliin mari'achuudhaan wal hubannoodhaan yoo deemee, walitti bu'iinsa filannoo duraafi boodaa hambisuun ni danda'ama.
Adeemsa filannoo gara tokkootti jaliisuuf kan yaalan yoo taatee, walitti bu'iinsa hammeessaa kan adeemu ta'a.
Kun akka hin dhufneef ammoo wal amantaan karoorri waloo akka bahuuf irratti hojjachu qabu. Kanuumaaf egaa hoggansi Oromoo dhaabnee kan deemaa jirru.
Hanga tokko Oromiyaa keessattis fooyya'iinni mulachu kan danda'eef sababiidhuma kanaatiin. Gara fulduraattis hoggansa motummaa waliin walitti dhufnee filannoon kun jeequmsa akka hin hammeessineefi akka jeequmsa hin qabaanneef carraaqqii ni taasifne.
Motummaanis gama isaatiin gaheesaa haa bahatu. Nutis kan nurraa eegamu taasisuuf qophaa'oodha!
BBC: Guddaa galatoomi.
Obbo Jawaar: Isiniis galatoomaa!

















