'Dhirsi hammaatee yoo miidhaa niitiirraan ga’e, isaatuu manaa baha malee isheen achuma jiraatti'

Dubartii Borena

Madda suuraa, Getty Images

Gaa'eelli dhaabbata (institution) bu'uura hawaasa tokkoo kan namoonni lama karaa seeraa, aadaa fi (ykn) karaa amantaatiin ittiin dhaabbatamudha.

Gaa'illi sababiiwwan adda addaatiif ijaaramu mala. Fakkeenyaafis, sababii jaalala cimdiiwwan waliif qaban, qofummaa keessaa bahuuf, fedhii maatii uummachuuf, rakkoo faayinaansiitiin, sadarkaa hawaasaa ykn waan 'amantaan gaafatu' guutuuf gaa'illi dhaabbatamu mala.

Haata'u malee yeroo tokko tokkoo ammoo waliigalteen abbaa warraa fi haadha warraa jidduutti dhibee yeroon gaa'illi diigamu jira. Kanaanis wali qabate yeroo hedduu dubartoonni mana abbaa warraa saanii dhiisanii bahu. Haata'u malee aadaa Oromoo Borananaa kana ni dhorkiti jedhame.

Ofii waa'ee gaa'ila diiguu aadaan Oromoo Boranaa maal jetti?

Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo aadaa keessatti dhirsaa fi niitiin waldhabnaan wal-hanqatu malee dubartiin adda baatee tan nama biraa hin taatuu jedha. Kanaafis sababii yoo himan, ''sababiin isaa dubartiin tokkicha heerumte takka kan dhiirsaa qofa osoo hin taane tan gosaati'' jedhamti.

Haata’u malee dhiheenya keessa namoonni aadaarraan tarkaaffachuun dhimmaa isaanii osoo jaarsoliin hin mari’atin, gama seeraatiin gaa’ela isaanii isa sirreeffamuu danda’u diiguu hima.

“Amma nullee biratti dhiirsaa fi niitiin waldhabuun gaa'ila hiikuuf mana murtii wal-geessanii manni murtiis gargari kutee addaan baasee baay’etti jira.”

Haata'u malee sirna Gadaa keessatti dhiirsaa fi niitiin mana murtii wal-geessuun aadaa malee ta’u gumiin gaayyoo (walgayii ol’aanaa abbootii gadaa fi ummataa) murtaa'uu kan himan Kuraa Jaarsoo, ''waan gosti hin dhaga’in mana murtii geessuun dhorkaadha'' jedha.

“Aadaa Booranaa keessatti namni mana murtii nama geessee, nama nyaaphatti (diinatti) nama geesseen tokko waan ta’ef, akka nyaaphaatti ilaalama. Kanaaf akka malee dhorkama,” jedhan.

“Aadaa teenya keessatti dubartoonni kabaja guddaa qabu. Kanaaf dhimmashees akka gaariitti ilaalama. Yoo dhirsi ishee hammatee, miidhaa irraan ga’e, isaatu manaa bahaa malee isheen achuma jiraatti. Horiisaa qoodaniifii abbaa feetu walliin jiraachu dandeetti” jedhan jaarsii argaa dhageetii Aab Borbor Bulee.

Dubartii hundatu mirga kana qabaa?

Dubartiin erga heerumtee ilmaa fi intala deessee jennaan, gosatti dabalamte warra taatee ('la gochee’) jedhamti aadaa Oromoo Boorana keessatti.

Kanaaf jecha yoo waldhibdeen uumamtu, gosti teettee dhimmasaanii ilaaltee, waan saalphaa ta'ee araaraan xumurti. Dhimmi isaanii ulfaataa yoo ta’e ammoo, horii (qabeenyi) qoodameefii ollumashee keessa jiraatti malee gosa biraatti jijjiramuu ykn namni biraa fuudhuun hin taatu, jedhan.

“Isaan wal hanqatanii horii qooddattan malee dubartiin sun ammalleen maqaa fi gosaan illeen kan dhiirsaan beekamti. Yeroo tokko tokkoos horii isaanii yoo adda hiratanilleen, walitti dhufeenya dhiirsaafi niitummaa hin kutan, kun sadarka qaba. Yeroon itti kutamu yoo dhimmisaanii jabaa ta’e qofaadha,” Jedhan Abbaan Gadaa.

Jaarsii argaa dhageettii Aab Borbor Bulee, dhirsii yoo niitiin waldhabe adda bahee, dubartii biraa fuudhuu danda’a, garuu isheen heerumuu hin dandeetu jedha. Bakkuma jiraachaa turteetti hafte, ijjoollee ofii guddifti.

Hata’u malee, nama jaalatte argannaan ijjoollee biraalleen godhachuu ni dandeetti. Garuu, maqaan ijiilleen sun ittiin waamaman kan nama dhalche sanaa osoo hin taane kan dhirsa duraa sana fuudhatu jedhu.

“Waliin jiraachuu dhiisanis ijjoolleen isheen dubartiin erga gaa'ila hiikteen booda nama biraatiif deessuu maqaa dhirsa isa duraa waan fudhattuuf abbaan ijoollee booda nama biraa irraa dhalataniis dhirsa isa duraati. Sababiinsaas isheenuu ammalleen isaan beekkamti waan taateef,” jedhan Aab Borbor Bulee.

Garuu ammoo dubartiin osoo daa'ima hin dahiin gaa’eellishee diigame, nama biraatti heerumuu ni dandeessi. Dubartiin akkasiis gursummaa jedhamuun beekamti jedhu. Hawaasa keessatti illeen akka gariin akka hin ilaalamne himu.

Yeroo baayyee dubartoonni gaa'ilasaanii diigan ijoollee guddifachuuf baayyee yoo rakkatan dhagaham.

Aadaa Oromoo Booranaa keessatti garuu dubartiin ijoollee ishee waliin ollumma duriitti waan haftuuf, deeggarsa gosaas waan qabduuf addatti jireenyaan hin rakkattu jedhan.

Kuraa Jarsoo Abbaa Gadaa Boranaa

Madda suuraa, Getty Images

Aadaa tun amma maal irra jirti?

Dhiheenya kana naannoo Oromiyaa sadarkaa godina, aanaa fi gandaatti manni murtii aadaa hundeeffamuun yaadachuun, innis aadaa tana cimsee akka jajjabeessuu abdii qabachuu dubbatan Abbaan Gadaa.

Manni murtii aadaa dhimmoota maatii ilaallatuu hunda - keessattuu dhimmoota gaa'elaafi maatiif xiyyeeffannoo kennee hojjeta.

Kanaafu dhiirsii fi niitiin dhimma saanii mana murtiitti geeffachuu kan hambisuudha. Seera keessatti gaa’eela diiguun waan hedduu of keessaa qaba. Qoodiinsi qabeenyaa, qallabaa safaruufi beenyaan gaafatamuun nama walitti hammeessuun alattis kan yeroo fi maallaqa fudhatuudha jedhu.

Aadaan garuu osoo maallaqaa hin baasineefi yeroo hin fudhatiin kan maatii walitti araarsuudha jedhan. Akkasumas aadaan haqaan qabeenya qoodee, haatii warra kabajaa fi jaalalaan hawaasa keessa akka jiraattu taasisa jedhu.

“Duraan namni nama dhibuu fedhu hundi dubbii jaarsaa dhaga’u diduun seera wayya jechuun mana murtii deeman. Amma wanti akkasii hin jirtu. Aanaa keenya kan Areeroo dabalate bakka hundatti manni murtii aadaa hundaa'aa jira.

Haadholii Boranaa

Madda suuraa, Getty Images

“Kunis hawaasaa keessatti jijjirama baay’ee kan fidudha. Ragaa sobaa balleessee, dhugaafi aadaadhaan waldhaba kan fixudha. Dhimma mana murtii aadaatiin xumurame, manni murtii seeraa hin ilaalu, keessa hin galuus. Namni dhugaa jaarsaa fudhachu didees akkasitti hafa,” jedha Kuraa Jaarsoo.

Dhimmi wal dhabdee gaa'ilaa haala addatiin seeraan ala akka ilaalamu taasifamuun bu’aa guddaa qabachuu kan himu Abbaan Gadaa Boorana Kuraa Jaarsoo, murteewwan gumii gaayyoo (walgayii ol’aanaa abbootii gadaa fi ummataa) irratti dabarfamanis amma mana murtii aadaa kanaan jabeeffama jechuun akka amanan himu.