Namoota hubannoo nam-tolchee (AI) fayyadamuu didan

Saabiin Zeteelar hubannoo nam-tolchee(AI) fayyadamuun dhimma ishee amansiisu miti.

''Bara kana waan namni ofiisaan hin barreessine dubbisuutti maalifan rakkadha'' waan jedhu miidiyaa hawaasaa irratti dubbistee yaadicha waliin akka waliigaltu himti.

Saabiin Landaniiti dhaabbata koominikeeshinii irratti hojjetu dhuunfatti, of jalattis. Hojjettoota kudhan qabdi.

''Barreeffama ofii keenya hin barreessine baasuu, gaazexaa hubannoon nam-tolchee barreesse dubbisuu, wallee otoo hin hafiin, nama ijoollee afur qabu hojiirraa arii'ee roobootiin bakka buusuun faayidaa dabalataa muraasa argachuun maal na fayyada?'' jetti.

''Jaalalaafi cichoomni of fooyyeessuuf hojjennu meerre? jetti.

Saabiin ChatGPT'n bara 2022tti kalaqamuun booda namoota weerara AI didaa jiran keessati.

ChatGPT booda kanneen hojii wal-fakkaataa dalagan biroos uumamanillee inni kuni ji'atti mil'attoota biiliyoona shan argachaa jira.

Hubannoon nam-tolchee kanneen akka ChatGPT of leenjisuufi hojii isaanii itti fufuuf aannisaa olaanaa barbaadu.

Akka gabaasoti jedhanitti Google'n waa soquurraa ChatGPT'n humna elektiriikii dachaa 10 barbaada.

Kuni immoo namoota gariin gammachiisaa hin jiru.

Filooreens Acheeriin leenjistuu ispoortii Yoogaa yoo taatu sababa dhiibbaa AI kunuunsa naannoo irratti qabuuf fayyadamuu hin feetu.

''Yeroon jalqaba waa'ee AI bare waan lubbuu hin qabne waan taheef hojii koo hidhata namootaa jajjabeessu waaliin wal ni faallessa,'' jetti Filooreensi.

''Haa tahu malee wiirtuulee daataa hubannoo nam-tolchee kana sochoosuuf humni faayidaarra oolu dhiibbaan inni naannoo irratti qabu olaanaa dha, kana namni hin beeku,'' jetti

Saabinaan garuu faayidaa hawaasaa qabaachuu hin haaltu dhibbaa guddaa inni hawaasa irratti fiduu danda'uuf garuu sodaa qabdi.

''Namoota qaroo hin qabneef AI barreefama waan isaaniif hiiku fa'iif ni fayyada jedheen yaada garuu yeroo dheeraa keessa waan nu fayydau dha jedhee hin yaadu,'' jetti.

Namoonni AI fayyadaman qarshii argataniin ishee caaluu akka danda'an amanti garuu milkaa'inni qarshiin qofa akka hin tilmaamane himti.

Siyeeraa Hanseen Ameerikaa Siyaatlitti tajaajila uummataa irratti hojjetti, isheenis AI fayyadamuu diddeetti.

Hubannoo nam-tolche kana fayyadamuun dandeetti waan furuu keenya irra dhiibbaa uumaa jira jetti.

''Sammuun keenya meeshaa guyyaa keenya akka karoorfannu nu gargaaru dha. Kana kan gochuu qabu AI tahuu hin qabu,''jetti.

''Akka namaatti hojiin keenya dandeettii waan xiinxaluu keenya fayyadamuu dha. Waanuma xixiqqoo AI akka sii furuuf gaafataa jirta taanaan, hojii waa yaaduu sii hojjechaa jira jechuu dha,'' jetti.

Haa tahu malee nama hundatu hubannoo nam-tolche kana fayyadamuu dhiisuuf filannoo qaba miti.

Jaakiin Adaamis hojii gurgurtaa dijitaalaarra nama hojjettu yoo tahu jalqabarra AI hin fayyadamu jettee diddee ture. Sababiinshees ''dhibooftuu na godha'' jetteeti.

Haa tahu malee waggaa tokkoon dura waayilootishee AI fayyadamuun barreefama gulaaluufi yaada burqisiisuu jalqaban.

Ji'a jahaan dura baajata akka hir'istu yeroo itti himamu AI kana fayyadamuu jalqabde.

Otoo diddee itti fufteetti tahee hojiisheerratti rakkoon akka dhufu amanti.

''Iyyata hojii yeroon galchu muuxannoo AI nama qabu gaafachuun argeen, boodatti akka hin hafneef itti fayyadamuun jalqabe,'' jetti.

Amma AI fayyadamuu akka waan dhibaawummaatti hin ilaaltu.

''Hojii koo fooyyeessuufi si'eessuun na gargaara,'' jechuun barreefamaaf suuraa gulaaluuf akka itti fayyadamtu himti.

Niiw Yoork, Yunivarsiitii Peesitti Piroofeesariin Fiiloosoofii Naamusaa, Jeemis Biruusaaw yeroon itti AI hin fayyadamnu jennu darbeera jedhu.

''Dhimmi tokko maaliif akka tahe baruu yoo barbaanne, namoota barbaanna. Sanaaf dhimma hin qabnu taanaan garuu AI fayyadamna,'' jedhu.

''Dhimma yakkaaf dhala namaa murtoo kennu barbaanna, wal'aansa baqaqsanii yaaluu gochuuf hakiimota namaa murtoo kennan barbaanna. Ragaani haala qilleensaafi qoricha nama hadoochu kennuu dhiyootti bakka buufamuuf, ''jedhu.

Jaakiin AI'n iddoo hojiitti fayyadamuu jalqabdus dhibbaa geessisuu danda'urratti garuu ammas miira gaarii hin qabdu.

''Yeroo Google gootu deebiin kan AI irraa dhufa, imeelii yeroo barreessuuf jettu gudunfaa sii fida, ani akkaan to'annoo tokkoyyuu hin qabnetti natti dhagahama. Otoon dhaamsuu danda'een jedha,'' jetti.