Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hubannoon nam-tolchee Chaayinaa DeepSeek akkamiin Silkan Vaalii US ajaa'ibsiise
Teeknolojii Ameerikaa kan ta'e ChatGpt ifa ta'uun teeknolojiin hubannoo nam-tolchee (AI) sadarkaa biraatti cehuu yeroo himamee ture, gaaffin biraas ka'ee ture: gama hundaan Ameerikaa kan morkattu Chaayinaa inaaffaa keessa hin galchinee? kan jedhuudha.
Hubannoon nam-tolchee ChatGpt jedhamu Chaayinaa keessatti fayidaarra hin oolu. Yeroo teeknolojiin kun beeksifamee turetti Beejing kalaqa ChatGpt kanaaf deebii kennuuf balbala cufattee itti yaadunshee hin oolle.
Hubannoo nam-tolchee ChatGpt addunyaaf beeksisuu hordofee Ameerikaan namuu waan bira gahu itti hin fakkaanne. Chaayinaan akka ittiin hin dorgomneef jecha, bulchiinsi Baayidan chiipsiwwaniifi teeknolojiiwwan ammayyaa kaan gara Chaayinatti akka hin ergamne dhorkee ture.
Kuni ta'ee yeroo gabaabaa booda Chaayinaan hubannoon nam-tolchee baay'ee ammayyaa'adha jedhame DeepSeek ifa goote. Kuni ammoo giddu gala qorannoofi kalaqa teeknolojii US kan ta'e Siilkan Vaalii fi addunyaa biroo afaan qabachiise.
Dhaabbanni Chaaniyinaa kun modeelin hubannoo nam-tolchee haaran ifa ta'e kun ChatGpt Ameerikaa caala gatiin salphaan kan itti bahee ta'ee garuummoo teeknolojii ammayyaafi cimaa ta'eedha.
Kaampaanin lammiin Chaayinaa hundeessefi waa'ensaa baa'ee beekamaa hin taane akkamiin hubannoo nam-tolchee addunyaa ajaa'ibsiise hojjachuu danda'e?
Dura dhaabbannaa
US dhaabbatashee chiippii hojjachuun addunyaarratti beekamaa ta'e teeknolojii ammayyaa'aa ta'e Chaayinatti akka hin gurgurre dhorkitu, sun Chaayinaaf oduu gaarii hin turre.
Chiipsiwwan sun modeeliwwan hubannoo nam-tolchee baay'ee cimoo ta'aniifi hojii namni hojjatu salphaatti hojjachuufi gaaffilee herreegaa wal-xaxoo ta'an fa'aa furuuf gargaaran ittiin ijaaruf kan gargaaraniidha.
Hundeessaa DeepSeek kan ta'e Liyaang Weenfeng miidiyaa Chaayinaatti akka dubbatatti, US chiipsiwwan ishee Chaayinaatti akka hin gurguramne dhorkuun xiiqii keessa akka isaan galche hima.
Osoo US teeknolojiiwwan chiipsii ishee Chaayinaatti akka hin gurguramne dhorkaa hin kaa'in dursee DeepSeek chiipsiwwan US 10,000 hanga 50,000 ta'an harka galfachuu MIT Technology ibseera.
US chiipsiwwan hubannoo nam-tolcheef oolan Chaayinaatti akka hin gurguramne dhorkuun kaampaaniwwan akka DeepSeek ofiisaanii furmaata akka soqan dirqama itti ta'e.
Yuunivarsiitii Teeknolojii Sidiniitti pirofeesara kan ta'e Maarinaa Zhaang akka jettutti kaamapaniwwan akka DeepSeek murtoo US kana hordofee ofiisanitii kalaqarratti bobba'an.
UStti aanun addunyaarraa guddina diinagdeen lammaffaa kan taate Chaayinaan teeknolojiiwwan gurguddaa kanneen akka konkolataa elektirikaa, paanaaliwwan soolariifi hubannoo nam-tolchee (AI) omishuutti fuula erga deefattee bubbulteetti.
Chaayinaa biyya teeknolojiin badhaate gochuun abjuu Pirezidaant shii Jiin Piing yeroo dheerati. US bu'aaleen teeknolojii Chaayinaatti akka hin gurguramne gochuunshee ammoo Chaayinaa caalmatti xiiqii keessa galche.
Modeelin hubannoo nam-tolchee haaran DeepSeek kan gadi dhiifame gaafa Doonalf Tiraamp kakuu galan ture.
Center for Strategic and International Studies tti ogeessa hubannoo nam-tolchee kan ta'e Giriigorii C Allan akka jedhutti, Chaayinaan hubannoo nam-tolchee haaraa guyyaa itto Tiraamp aangoo qabatutti gadi lakkisuunshee itti yaaddetti.
Teeknolojii Chaayinaatti erguu dhiisun furmaata akka hin taane Ameerikaan gama hubannoo nam-tolcheetin addunyaa dursaa akka hin jirre ergaa dabarfachuu barbaaddee guyyaa Tiraamp aangoo qabatu modeelii haaraa addunyaaf ifa akka goote hima Giriigoriin.
Waggoota dhiyoo as mootummaan Chaayinaa ogummaa hubannoo nam-tolchee gabbisuu, carraa barnootaa kennuufi yuunivarsiitiwwan gidduutti waliin hojjachuun akka jiraatu jajjabeessaa jirti.
Laaboraatooriin Injinaringii Biyyaalessaa Diip Larning irratti hojjatuufi sagantaawwan biroo mootummaan doggomu lammiilen biyyattii kumatamaan lakkaa'aman hubannoo nam-tolchee (AI)dhaan dandeettii cimaafi waa kalaquu akka horatan gargaaraniiru.
Dandeettii
Garee DeepSeek akka fakkeenyatti yoo fudhanne, namoota ogummaa teeknolojiin qaroo ta'aniifi yuunivarsiitiwwan biyyattiin qabdurraa walitti dhufan 140 hin caallen kan hojjatuudha.
Dhaabbileen biyyoota Lixaa kan isaan dhaban bu'aa yeroo gabaabaa argachuurra dhaloota haaraa fayyadamuun intarpiruunarota fi qorattoota guddina teeknolojii yeroo dheeraa irratti hojjatan irratti xiyyeeffachuu dhiisuu akka ta'e kaasti Maarinaa Zhaang.
Yuuninvarsiitiwwan Chaayinaa gurguddoon "hubannoowwan nam-tolchee safisaan gudataa jiru" uumaa jiru.
Hundeessaa DeepSeek kan ta'e Liyaang Weenfeg nama ganna 40 yoo ta'u, yuunivarsiitii beekamaa Zheejiyaang Yuunivarsiitii keessatti hubannoo nam-tolchee barate.
Miidiyaaleen Chaayinaa nama kana nama ilaalcha teeknolojii cimaa qabuufi DeepSeek akka pilaatfoormii namni hunduu itti fayyadamuu danda'utti qopheessuu isaa ibsu.
Kaan ammoo US teeknolojiidhan olaantummaashee tursiisuf ammayyuu carraa bal'aa akka qabdu kaasu.
"US leeccalloo dandeettii kompitaraa [teeknolojii] bal'aa qabdi," jechuun DeepSeek chiipsiwwan ammayyaa fayyadamuun akkamiin modeeliisaa itti fufee akka fooyyeessu ifa akka hin taane dubbata Giriigorii C Allan.
Gootota hubannoo nam-tolchee (AI) haaraa
Hundeessaa DeepSeek kan ta'e Liyaang miidiyaalee Chaayinaarratti baay'edhuma jajamaa jira. "Gootota AI sadan keessaa tokko" jedhamuunis leellifamaa jira.
Warri kaan lamaan Yuunivarsiitii Tsinguwaatti qorataa kan ta'e Zhilin Yang fi Yuunivarsiitii US MIT keessatti barsiisaa kan ta'e Kiimiyaang Hee dha.
Yeroo Tiraamp Chaayinaarra taarifa kaa'a jedhamee yaadamuufi miidiyaan hawaasaa Chaayinaa TikTok abbootii qabeenyaa UStti gurguramuu danda'ama jedhamee yeroo sodaatamaa jirutti, DeepSeek addunyaatti beeksifamuun diinagdee Chaayinaaf haara galfiidha jedhama.