Hubannoon nam-tolchee dhala namaa balleessa jechuun ogeeyyiin akeekkachiisan

Hubannoon nam-tolchee (AI) dhala namaa balleessuuf adeemaa jechuun ogeeyyiin damee kanaa akeekkachiisan.

Nageenyaa fi to'annoo hubannoo nama-tolchee irratti gidduugalli hojjetu, Centre for AI Safety, ibsa marsariitii isaa gubbaatti baaseen hooggantoota OpenAI fi Google Deepmind, dhaabbilee AI irratti bal'inaan hojjechaa jiran dabalatee ogeeyyiin hedduun guddinni AI haala amma jiruun itti fufnaan hegeree dhala namaaf yaaddoo ta'uu ibsan.

Ibsi gidduugalichi baase, ''badii dhala namaa sababa AI'n qaqqabuu malu hanqisuun akkuma rakkoolee hawaasummaa akka weerara dhibee fi meeshaalee niikuleeraa, xiyyeeffannoo addunyaa ta'uu qaba,'' jedha.

Warri kaan ammoo balaan AI akkaa ol harbeeffamee jechuun muggutu.

Hogganaa olaanaa dhaabbata ChatGPT omishu, OpenAI kan ta'an Saam Altmaan, hoogganaan Google Deepmind, Demis Hassabis fi hoogganaan Anthropic, Dario Amodei sadanuu ibsa gidduugala kanaa deeggaraniiru.

Rakkoo AI akeekkachiisa kan baasan Dr Geofrey Hinton's waamicha amma gidduugalli nageenya AI baase kana deeggaraniiru.

Dr Hinton, Piroofeesar Bengio fi piroofeessarri NYU Yann LeCunn hojii amma dura hin beekamne damee AI keessatti hojjetaniin ''abbootii biddeenaa AI'' jedhamuun beekamu.

Gahee damee saayinsii koompitaraa keessatti bahaniinis ogeeyyiin sadan kun bara 2018 badhaasa Turing Award jedhamu argataniiru.

Isaan kana keessaa profeesar LeCunn akeekkachiifni guddina AI irratti bahe kun hangaa ol harbeeffamee jechuun muggutu.

Ogeeyyiin kaanis akkuma piroofesara kanaa AI dhala namaa balleessa jechuun ibsa bahe kanaan wanta dhugoomuu hin dandeenye jechuun fudhatama dhabsiisaa jiru. Itti dabaluunis loogiin sirnoota adda addaa keessa jiru balaa geessisaa jiru irraa xiyyeeffannoo jijjiirrudha jedhu.

Princeton University keessatti saayintistii koompitaraa kan ta'an Arvind Narayanan ''AI'n amma jiru dhala namaaf yaaddessaa haala jedhamutti dhiyaatee hin jiru'' jedhu.

Yaadni AI jireenya dhala namaaf balaadha jedhu dubbii ijoo erga ta'aa dhufee ji'ootni muraasni lakkaawamaniiru.

Kessumaa ammoo hoogganaan Tesla Eeloon Maask Bitootessa bara 2023, guddina teeknoolojii dhaloota AI dhufuu dhaabsisuun barbaachisa jechuun xalayaa banaa erga barreessee booda.

Eloon xalayaa isaa keessatti ''sammuu dhala namaa hin taane, kan lakkoofsaan nu caalaa adeemu, kan hubannaan nu caalu, kan booda bakka nu bu'uu uumuun'' haa dhaabbatu jedhe.

Ibsi gidduugala nageenya AI'n bahe kun dhimmichi akka ijoo marii ta'u akka barbaadu ibseera.