Hubannoon nam-tolchee (AI) hubannaa namaa caaluu ni danda’aa?

''Hubannaa sirna afaanii irratti qabuufi ida'ama odeeffannoo danuufi bal'aa tahe irratti hundaa'uun gaaffiin gaafatamuuf akkan deebii kennuttan saganteeffame,'' jedha ChatGPT'n

Waan kana ittiin fayyadamtaniittu taha ykn waa’eesaa hin dhaghiin hin ooltan. Mosaajiin ykn Sooftiweeriin hubannoo nam-tolchee ChatGPT jedhamu, waan addunyaan tibbana irraa odeessu dha.

Yeedaloo muuziqaa qopheessuu danda’a, yaad-rimee ulfaataa kan akka Kuwaantam Makaaniksii akkaan isinii ibsa, yoo feetan immoo ''dandeettii koo akkamiin fooyyessuu danda’a?'' jettanii yoo gaafatanis isinitti hima.

Guugiliin illee akkasuma waan ChatGPT dorgomu kan'Bard' jedhamu gadhiiseera.

Waan ajaa’ibaati mitii?

Kompiitaroonni saffisaan sanyii namaa isaaniin kalaqe kan caalaa jiran fakkaatu.

Garuu kuni dhugumaa? Kompiiwutaroonni dandeettiidhaan unuun caalu danda’uu?

Orii Osmaay, Yunivarsiitii Landan, Biriikbeekitti niwuroosaayintistii dha, akkatti algoorizimiin hojjetu ibsu.

Algoorizimiin hubannoo nam-tolchee akkatti ofiin waa baratu sagantaa kompiitara barsiisu dha.

‘’Algooriziimii baayyee wal-xaxaa tahe qabna. Algoorizimiin kuni immoo maal godhaa, intarneetii irraa odeeffannoo baayyee walitti guura. Haala kanaan gaaffii haala adda addaa keessatti isaaf dhiyaatu deebisuu danda’a.

Haa tahu malee of madaqsuutiin badaa cimaa miti. Kana jechuun wayii tokko, haala fi naannoo adda tahe keessatti barachuudhaan waan keessa jiru, kan biraa waliin madaaluu hin danda’u.

Waan amma jenne kana raawwachuun ijoolleen immoo baayyee qaxalee dha.’’ jedhu Orii Osmaayi.

Haala haaraa keessatti of madaqsuu keenyatu hubannoo nam-tolcheerraa tarkaanfii tokko akka fagaannu nu taasisa.

Guyyaa dhalannerraa kaasee sammuun keenyi naannoo fi haala jijjiiramutti haala gaarii taheen of madaqsa.

‘’Kompitaroonni akka sammuu namaatti haalaafi naannootti madaquuf baayyee fagoo jiru. Kuni maaliif tahe kan jedhu booda waan adda baasnu tahuu mala.

Algooriziimiin kuni yeroo baayyee qaama hin qabu. Qaama yoo qabaates roobootii dha. Qaamni roobootii immoo hin geeddaramu, muuxannoon roobootii tokkoo kan daa’immaniin wal-bira qabnee gaafa ilaallu hin jijjiiramu.’’ jedhan saayintistichi.

Dhugaan jiru, niwuroosaayintistoonni hamma yoonaa sammuun keenyi akkamiin akka waan haaraatti of madaqsu hin beekani.

Hamma akkatti sammuun keenyi kuni haalota garaagraa keessatti of madaqsu hubannutti dandeettiin kompitaraa kan dhala namaatti siquuyyuu hin danda’u.

Waanti gaariin immoo ChatGPT’n kuni sammuunsaa nam-tolchee kuni daangeeeffama mataasaa akka qabu ni amana.