Hubannoon nam-tolchee (AI) hojii namoota miliyoona 300 bakka bu'ee hojjachuu danda'a - gabaasa

Hubannoon nam-tolchee(AI) hojii namootaa miiliyoona 300'n qixxee tahu bakka bu'ee hojjechuu danda'a jedhe gabaasni baankii Gooldmaan Saachis.

Ameerikaafi Awurooppaatti hojii namootaan hojjetamu harka nuusa ta'u bakka bu'uun hojjechuu danda'a, tahus hojiin haaraafi oomishtummaanis dabaluu mala jedha.

Haala kanaanis gatiin tajaajilaa fi meeshaalee waggaatti oomishamanii harka 7'n akka dabalu gochuu mala.

Gabaasni kuni, ''hubannoon nam-tolchee waan dalagu kan namni dalagurraa adda baasuu haala hin danda'amneen hojjechuunsaa guddina guddaa dha,'' jedha.

Egeree hojii namootaa

Mootummaan UK invastimantii hubannoo nam-tolchee jajjabeessuuf fedhii guddaa qaba, kunmmoo akka biyyaatti oomishtummaa dabaluu kan jedhuun yoo tahu uummata biyyattiis bu'aasaa hubachiisaa ture.

''Hubannoo nam-tolchee UK keessatti hojii keenya akka deeggaru malee akka jeequ hin barbaannu-akka hojii keenya fooyyeessu malee nurraa fudhatu hin feenu,'' jechuun Ministarri Teeknolojii Misheel Doonlaan gaazexaa The Sun' tti himan.

Gabaasichi dhiibbaan AI seektara tokkorraa kaanirratti adda adda tahuu mala-%46 hojii bulchiinsaa, %44 hojii seera wajjin wal-qabatu, tahus hojiin %6 ijaarsaa akkasumas kan suphaa %4 tahu qofatu hubannoo nam-tolcheen hojjetamu danda'a.

Hubannoon nam-tolchee ibsa barreefamaan kennameefirraa suuraa ykn fakkii baasu hojii keenya bakka bu'uu danda'a jechuun artistoonni komii qabaachuu BBC'n gabaasee ture.

'Galii namootaatu hir'isa'

''Kan ani mirkanaan beeku, gosti hubannoo nam-tolchee 'generative AI' jedhamu hojii meeqa akka bakka bu'uu danda'u hin beeknu,'' jedhan Kaarl Beendiik Yunivarsiitii Oksfard irraa.

''Fakkeenyaaf ChatGPT'n namoota dandeettii keewwata barreessu laafaa tahe qaban, barreeffama fooyya'aa tahe akka barreessan isaan gargaara,'' jedhan.

''Kanaaf gaazexeessitoonni gama kanaan dorgommiin itti cimuu mala, mindaan isaaniis akkasuma hir'achuu mala, hojii kanarratti fedhiin guddaa yoo jiraate malee,'' jedhan.

''Fakkeenyaaf GPS fi tajaajilli kanneen akka Uber erga dhufanii, daandiiwwan Landan keessa jiran mara shufeerrii beeku gatiin hojiisaa akkaan hir'isa, galiinsaas akkasuma harka 10'nin hir'ata,'' jedha qorannoon kuni.

''Kanaaf lakkoofsa konkolaachistootaatu hir'ata otoo hin taane galii isaaniitu hir'ata,'' jedha.

''Generative AI hojii artii irratti dhiibbaa qabaachuu ni mala.''

'Shakkiin ilaaluu..'

Qorannoo gabaasni kuni eereen hojjettoonni harka 60 tahan gosa hojii bara 1940 hin turre irratti bobba'u.

Qorannoowwan kaan immoo jijjiiramni teeknolojii bara 1980 irraa qabee dhufe namootaaf hojii uumerraa kan hojiirraa buqqaasetu caala jedhu.

Generative AI akka guddina teeknolojii-odeeffannoo(ICT) yoo taheef gabaasni hojii dhabdummaa dabala jedha.

Dhiibbaan AI maali akka tahuu danda'u guutummaan guutuutti tilmaamuun rakkisaa dha jedhu hundeessaan wal-tajjii falmii yaadaa Tiroostan Beel.

Kanaa tilmaama akkasitti kennamu 'shakkiin ilaalamuu qaba, ' jedhu.

''Teeknolojiin kuni akkamiin akka jijjiiramaa adeemuufi, dhaabbileen akkamiin caasaa isaanii waliin wal-siimsiisu isa jedhu hin beeknu,'' jedhan.

'' Kuni garuu AI jiruu keenya hin jeequ jechuu miti- garuu oomishtummaa sadarakaa jireenyaa foooyyeessuufi oomishtummaa akkasumas tajaajila salphaan argamu irratti xiyyeeffachuu qabna, dhaabonni teeknolojii kana hin madaqsine immoo boodatti hafuu malu.''