Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maashiniin akka sammuu namaa waa barachuu danda’aa?
Bara ammayyaa jirru keessa maashiniin leenji'ee gochaa garagaraa yeroo raawwatu argaa jirra.
Mashiniin tokko akkaataa wayii itti dalagu saayintistoota kompiitaraatu barsiisa. Ofiinis of barsiisa.
Hanguma guddachaa deemeen hojii namni isa ajaju saffisaafi qulqullina ajaa’iba taheen raawwata.
Maashiniin baratee qaroomee ilmoo namaa isa kalaqe erga ‘ajab’ jechisiisuu jalqabee bubbuleera.
Takka takka waa’ee keenya isa nuti beeknu caalaa kompiitarri ykn bilbilli yeroo beeku nu rifachiisa.
Appii taaksii ittiin waamuuf nu tajaajilu akka fakkeenyaatti haa ilaallu.
Namni tokko yoom, eessaa ka’ee, eessa akka deemu akkasumas naannolee kam yeroo baayyee akka deemu beeka.
Appii kana yeroo bantan, ‘’Markaatoo deemuu barbaadduu?’’ Taaksiin naannoo keessan jiru kana. Iddoo amma jirtanii gara Markaatoo deemuuf sa’atii hamma kanaa isinitti fudhata.
Konkolaataan Markaatoo isini geessu qarshii hanga kanaa isin gaafata. Karaa Goorgsii yoo deemtan karaan tiraafikaa cuccufameera. Karaa qaxxaamuraa kaan fayyadamuu dandeessu,’’ odeeffannoon jedhu isinii dhiyaata.
Maashiniin damee geejibaan qofa miti kan waa nuuf murteessu.
Fayyaa, bashananna, faayinaansiifi kaanillee akkasuma.
Maashiiniin ni barata(machine learning) yeroo jennu maal jechuu keenya.
Addunyaa kana akkamiin geeddare? Ogeessa Artificial Intelligence(Hubannoo nam-tolchee) kan tahe Dr Daanyaachaw Birruu gaafanneerra.
Dhaabbata Teeknolojii Kuwaantifiitti damee qorannoo idil-addunyaa hoggana.
Maashinii barsiisuu(machine learning) maali dha?
Hubannoon nam-tolchee of keessatti dameewwan qabate keessaa tokko (machine learning) dha.
‘’Machine learning gaafa jennu, algoorizimii(qajeelfama kompitarri rakkoo itti furu) tahe fayyadamuun, odeeffannoo kennameefi sirnaan fayyadamee maashiniin tokko hojii akka hojjetu gochuu dha,’’ jedhu Dr Daanyaachaw.
Algoorizimii barnootaa waliin wal-qabatu keessaa tokko isa (deep learning) jedhamu dha
Ogeessi kuni fakkeenya kennan keessaa tokko suuraa, viidiyoo fi haasaa xiinxaluu fa’i dha.
Jalqaba maashiniin tokko odeeffannoo(data) baayyeen itti gala. Achiin booda fakkii argee akka of leenjisu taasifamaa jechuu dha.
Adeemsi ‘Image Recognition’ jedhamu maashiniin tokko suuraa ykn fakkii miiliyoonaan lakkaa’aman keessaa, ‘kuni mana dha, sun saree dha, kuni kompiitara dha,’’ jechuun adda baasa.
Appiiwwan kanaaf leenjii kennan immoo jiru.
Maashinichi mana argee ‘saree’ yoo jedhe dogoggoruun isaa itti himamee mana akka tahe itti himama. Haala kanaan gara fuulduraatti dogoggorasaa soroorsa jechuu dha.
‘’Maashina tokko kan lenjisnu algoorizimii [Gradient Descent Algorithm] jedhamuuni.
Maashiniinis ofiin of leenjisa. Odeeffannoon al miiliyoona itti gala. Kana booda ni shallaga, ni leenji’a gaafa leenji’ee xumuru waan baayyee adda baasee baruu danda’a.’’
Suuraa, viidiyoo fi haasaa adda baasee kan beeku kara ‘deep learning’ kanaan yoo tahu qajeelfamooti barumsaaf tajaajilan akka guddachaa dhufan ogeessi kuni dubbatu.
Galteen odeeffannoo maashina kanaaf kenname kan miiliyoonaan lakkaa’amu yoo tahu yeroo ammaa kana biiliyoonaan lakkaa’amuu danda'eera.
Maashiniin tokko odeeffannoon isa soorru hanguma dabaleefi wal-xaxaa tahetti dandeettiin hubannoosaas ni dabala jechuu dha.
‘’Odeeffannoon baayyee itti galee maashiniin yeroo leenji’u maashiina qaroome qabaanna jechuu dha. Samuuda kanaan waan baayyee hubachuu danda’a jechuu dha. Kunis ‘’Barumsa gad-fagoo’’ jedhama, jechuun himu Dr Daanyaachaw.
Fakkeenyaaf Facebook’n odeeffannoo namoota dhuunfaa erga barateen booda, xiinxalee, yeelalee hubachuunsaa kana keessatti hammatamuu danda’a.
Maashiniin tokko leenji’ee waan hubachuu danda’uun akkamiin addunyaa geeddare?
Dameen kuni bara 1990 asi dha kan baayyee beekamaa dhufe.
Odeeffannoo kana dura kuufaterraa ka’ee, maashiniin ni barata, waan gara fuulduraas ni tilmaamama.
Odeeffannoo(data) fi qajeelfama kompitarri rakkoo itti furu (algorithm) fayyadamuun akkuma namaatti barata. Yeroo keessa immoo dandeettii barachuusaa ni guddisa.
Keesumaa waggota kurnaa darban keessatti dandeettiin odeeffannoo kuusuufi xiinxaluu dabaluunsaa dameen kuni akka guddatuuf shoora qabaa jedhu ogeessonni.
Bu’aan ‘machine learning‘ inni tokko dubbii ilmoo namaa barachuu danda’uusati. Kunis ’Speech Recognition‘ jedhama.
Bilbila keenyaan ‘’mee mana foonii naannoo kootti dhihoo tahe natti himi? Yoo jennu Siiriin dadhabe, nuffe otoo hin jedhiin nutti himti.
Daldala marsariitiin taasifamu dabalatee tajaajilli marsariitiin kennamu maamila isaanii wajjin akka haasa’uuf kan bakka buusan maashina kana jechuu dha.
Gaaffiiwwan maamilooti irra deddeebiin kaasan deebisa. Miya isa kam yoo bitan fooyya’aa taha kan jedhu ni gorsa.
Waa’ee dhimma tokkoo ibsa ykn hiika yoo barbaaaddan marsariitii Google fi kaaniin yoo gaafattan, gaaffii keessan wajjin deebiiwwan firooma qaban wal-duraa duubaan kan dhufan callisee akka feeteen miti. Duuba isaanii maashiniin jira.
Kanaaan ala damee faayinaansiin waliin-dhahuu uumamu danda’u adda baasuufi qabachuu dha.
Faakkeenyaaf baankoti walitti daddabarsi maallaqaa shakkisissaa tahe akkamiin akka raawwatu maashinii leenjisuun qorannoo dabalataaf eeruu akka kennu taasisuunii.
Gara damee fayyaa yoo deemne immoo dhukkubsattoonni bayyanachaa jiru moo itti abaasaa jira waan jedhu hordofuun akka gabaasu taasifamaa jira.
Haala ykn iddoo yakki itti raawwatamuu danda’u dursee eeruun gama nageenyaanis hojii hojjeta.
Qonnillee ‘machine learning’ dhaan hordofamuu jalqabeera.
Qonnaan bultoonni humna xiqqaan oomisha guddaa haala ittiin argatan ni eeraaf.
Sanyiin kam, eessatti yoo facaafame oomishtummaa dabaluu danda’a kan jedhu baruuf gargaara.
Miidiyaaleen hawaasaa kanneen akka Tiwiitarii barreefamoota kan isaan wal-duraa duubaan kaa’an ‘machine learning’ kan wiirtuu taasifate dha.
Waan nu yaaddessu qabaa laata?
Maashiniin beekumsa ilmoo namaa gatee darbuun kuni fayyaalessa dha? Dhaabbachuu kan qabu eessatti?
Addunyaa teeknolojii gara fuulduraa maal fakkaachuu qaba? Gaaffiiwwan jedhan ammallee waan ogeessoonni irraa haasa’aniifi wal-falmani dha.
Kan gorsu, kan eeru, kan baasee buusu maashina yoo tahe carraan ilma namaa maali? Kan jedhus gaaffii isa kaani dha.
Marsariitiin nuti mil’annu hundi odeeffannoo keenya sallaq godhee galmeessuun isaa dhimma bira darbinu miti.
Waan jaalannuufi waan jibbinu galmaa’ee daldaaltota odeeffannoof gurgurama.
Daldaaltonni odeeffannoo oomishtootaaf gurguruun beeksisa fedhii keenya bu’uura taasifateef nu saaxilu.
Waa’ee fayyaa keenyaa, naannoo keenyaa fi maatii keenyaa beekamtii ykn eeyyama keenya malee guurratu.
Dhimma biraa tokkos haa kaasnu. Fakkeenyaaf maashiniin yakka ittisuuf yoo oolu, hawaasni yakka raawwachuu danda’a jedhee tilmaamu loogiin kan guutame ta’uusaati.
Dameen kuni namoota bifa gurraachaa qaban kan bu’uura hin godhanneefi kan saalaan loogu dha jedhamee komatamuunsaa sababaani.
Maashiniin ragaa muuxannoo(CV) hojjettootaa hubatee duraa duubaan akka baasu leenji’e saalaafi bifaaan loogiii uumuunsaa al tokkof lama miti.
Qaamni raawwii hojiiwwan teeknolojii kan hordofu, hojii isaaniif kan qajeelfama baasuufi yeroo sarbamu gaafatamaa kan godhu jiraachuu qaba jedhanii kan falman jiru.
Dhaabbileen teeknolojii addunyaa gurguddaa bu’aa argachuu irratti qofaa xiyyeefatan akka gaafataman gochuus ogeessonni furmaataa jedhan jiru.
Ogeessonni dhaabilee teeknolojii gurguddoo kunneen keessa hojjetan sanyiin, bifaafi saalaa danoomuu qabu yaadni jedhus ni kennama.