Kiristaanonni addunyaa Ayyaana Gannaa yeroo kabajan suuraan

Kiristaanonni addunyaarra jiran Ayyaana Dhalachuu Yesuus ykn Gannaa tajaajilawwan waldaa hirmaachuun kabajaa jiru.

Akka Lakkoofsa Itoophiyaatti Ayyaanni Dhaloota Iyyasuus Kiristoos wagga waggaan Mudde 29 kabajama.

Addunyaarratti Kiristaanonni harki caalu Ayyaana Gannaa kana Mudde 25 kan kabajan yoo ta'u, Kiristaanota miliyoona 200 ta'aniif ammoo Guyyaan Dhaloota Yesuus Kiristoos Amajji 7 kabajama.

Kun ammoo sababiin isaa kalaandarii Juuliyaan waan hordofaniifidha. Warri kalaandarii Girigooriyaan hordofan garuu Mudde 25 kabajatu.