Hakiima lammii Sudaan tokko dabalatee ogeessonni fayyaa 80 hidhamuu qindeessitoonni himan

Madda suuraa, Ethiopia Health Professionals
Lagannaa hojii Hakiimota Itoophiyaa guyyaa arfaffaa qabateen hojjettoonni fayyaa 80 tahan hanga ammaa hidhamuu qindeessitoonni BBCti himan.
Hojjettoota fayyaa Magaalaa Finfinnee keessaa dabalatee kutaalee biyyattii adda addaa keessatti hidhaan hakiimotaa jiraachuu himan.
Kanneen hidhaman 80 gahuu kan himan qindeessitoonni BBC'n qaama walabaa irraa lakkoofsi kun dhugaa tahuu hin mirkaneessine.
Akka qindeessitoonni kunneen jedhanitti, kanneen hidhaman keessa dubartoota sagalii fi hakiimni lammii Sudaan tahe tokko jira.
Hakiimonni Itoophiyaa daballii miindaa fi haala hojii mijataa mootummaan akka kennuuf gaafachuun gar-tokkeen laganaa hojii irra jiru.
Kutaa dahumsaa, wal'aansa hatattamaa fi kutaa kunuunsa addaa barbaadan irraa kan hafe kaan lagannaa irra jiru.
Namoonni hospitaala guddaa magaala Gondar keessaa ijaan argan akak BBCtti himanitti ammoo, humnoonni nageenyaa hakiimota hospitaalichaa rukutaa turan. Mootummaan dhimma kana irratti ibsa hin kennine.
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa sochii lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa tibbana bakka garaa garaatti taasisaa jiran ilaalchisee ibsa baaseen, ogeeyyii muraasa hojii idileerra hin jirre jedheratti tarkaanfiin akka fudhatamu beeksise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Duulli lagannaa hojii kun ''maatii ofii, fira, aanteefi hawaasa mara kan miidhuu ta'un alatti, gama naamusa ogummaa fi namoomaatiinis fudhatama kan hin qabneedha'' jechuun balaaleeffateera.
Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa (EHPM) ammoo ibsa Ministeerichaa kanaan ''deebii sochiicha gatii dhabsiisu'' jechuudhaan balaaleeffatee gaaffiisaanii deebiisuuf tarkaanfiin atattamaa akka fudhatamuuf gaafateera.
Ministeerichi ibsa Caamsa 15, 2025 baaseen, ''ogeeyyiin lagannaa hojiirra jiran garri caalu odeeffannoo sobaan kan burjaaja'an, muraasni ammoo badiisa kaayyoo kan godhataniidha" jechuun ibseera.
Daballii mindaafi faayidaalee akkasumas haala hojii mijataa dabalachuun gaaffilee ijoo 12 tarreessuun sochiin ogeeyyiin fayyaa ji'a tokkoof taasifamaa ture gara lagannaa hojiitti erga seenee guyyaa arfaffaa qabateera.
Mootummaan faayidaa ogeeyyii fayyaa haala waaraan mirkaneessuuf labsii baasee xiyyeeffannoo itti kennee hojjechaa jiraachuu ibseera.
Duula adeemaa jiru kana keessatti gara bal'enyaan rakkoo jiru furuuf isa yaalaa jiru boodatti jechuun ''kanneen hojii idileesaaniirratti hin argamne, kanneen dhaabbata fayyaa keessa taa'aniis ta'e dhabbata fayyaatiin alatti hokkoraa fi jeequmsa uuman irratti tarkaanfiin seeraa barbaachisaa ta'e akka fudhatamu dursinee akeekkachiifna.''
Ogeeyyoonni lagannaan hojiisaanii kanaan tajaajila waldhaansa hatattamaa, dahumsaafi kutaa xiyyeeffannoo addaa [ICU] akka hin dabalannees ibsaa turan.
Lagannaa gartokkeen taassifamuu eegale hordofees tarkaanfiin hidhaafi doorsisaa ogeeyyii fayyaarra gahaa jiraachuu BBC'n gabaasaa kan ture yoo ta'u, hanga yoonaatti ogeeyyiin fayyaa 15 ol hidhaa jiraachuu odeeffateera.
Magaalaa Finfinnee hospitaalota Paawuloos, Xuqur Ambassaa, Amaa'eel, Naannoo Amaaraa Walloo Kibbaa hospitaala waliigalaa Akistaa, Bahaardaar hospitaala Addisaalamii, Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalgii, Booruu Meedaa, Yunivarsiitii Gondar, Naannoo Sidaamaa Yunivarsiitii Hawaasaa, hospitaala waliigalaa Lakkuu, Oromiyaa Yunivarsiitii Salaalee irraa hakimonnii fi ogeeyyiin fayyaa 15 ol ta'an hidhamu BBC'n qindeessitoota sochichaarraa odeeffateera.
Ministeera Fayyaa, tajaajila fayyaa qulqullina qabuufi haqa qabeessa waliingahuuf imaammataafi tarsiimoo bocuun hojjechaa jiraachuu kaasuun, tajaajila fayyaa sababa fedhee fi haala kamiinuu tajaajiloota hawaasummaa addaan cituu hin qabne keessaa tokkodha jedhe ibsi isaatiin.
Dhaabbilee fayyaa guutuu biyyattiitti argaman hunda keessatti akkuma kanaan duraa tajaajilli fayyaa osoo adda hin citiin hawaasaaf kennamaa jiraachuus dabalaan kaasa.
Ministeerri Fayyaa "Ogeessi fayyaa dhiibbaa odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasummaan tamsa'uun otoo hin daanga'iin waadaa ogummaa seene eeguun hawaasa tajaajilaa waan jiruuf galatatu malaaf" jedheera.
"Kolleejjiiwwan barnoota fayyaa muraasa keessatti ogeeyyiin hojii idilee isaaniirratti hin argamne jiraachuu" odeeffannoon qabaachuus dabaluun ibseera.
"Ogeeyyii kanneen keessaas hedduunsaanii odeeffannoo sobaan kan burjaaja'an, muraasni badisa kaayyoosaanii kan godhatanidha" jechuun ibseera.
Itti dabaluunis "gochichi kan maatii, fira, lammiifi hawaasa bal'aa miidhuurra darbee naamuusa hojiinis ta'e gama namoomaan fudhatama hin qabu" jechuun sochii ogeeyyii fayyaa busheesseera.
Ogummaan fayyaa damee hojii lagannaan hojii dhaabuu seeraan dhorkame keessaa tokko ta'uu kan hime ibsichi, ogeeyyiin fayyaa gaaffii yoo qabaatanillee hojii isaaniirratti argamuun hojii idileesaanii hojjechaa dhimmi isaanii qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuun akka irraa eegamus kaasa.
Mootummaan haala fayyadamummaa ogeeyyii fayyaa ittifufiinsa qabuun mirkaneessuun furmaata qorannoorratti hundaa'e kennuuf Labsii Bulchiinsaafi To'annoo Tajaajila Fayyaa 1362/2017 raggaasisuun danbiifi qajeelfamoota baasuun xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru kaaseera ibsichi.
Ogeeyyiin fayyaa qalbii gaarii qaban kana hubachuun hojiisaanii haalaan akka hojjetan ministeerichi waamicha kan dhiyeesse yoo ta'u, miniteerichi gama biraan hawaasni odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasaan tamsa'aniin osoo hin jeeqamiin tajaajila fayyaa barbaadu dhaabbilee fayyaarraa argachuu akka danda'u yaadachiise.
Boordiin Sochii ogeeyyii fayyaa Itoophiyaa (EHPM) maal jedhe?
Boordiin Sochii Ogeeyyii Fayyaa Itoophiyaa Ministeera Fayyaa hordofee ibsa baaseen, ibsichi gaaffiisaanii gatii dhabsiisuu akka ta'e kaasuun deebiin sirrii kennuuf tarkaanfiin atattamaa akka fudhatamu gaafateera.
Boordichi ibsi ministeerichi baasee ''ta'e jedhamee kan gaaffii jiraachuufi jiraachuu dhabuu ogeeyyiin fayyaa kaasaa jiraniif furmaata kennuu diduu agarsiiisuudha'' jechuun balaalafateera.
Ibsichi dabaluudhaan giyyoota 30 darbaniif marii hiika qabeessa ta'e barbadaa turuusaanii kaasuudhaan, Ministeerichi garuu ''gaaffii isaanii fudhachuu diduu filachuufi ogeeyyii sirna kunuunsa fayyaa biyyattii uttuban kabaja kan dhabsiiseedha'' jedheera.
''Qajeelfamni isaanii ogeeyyiin gad of qabuun "osoo hojjettanii gaaffii haa gaafatan' jechuun sammuu fi ogummaa keenya arrabsuudha'' jedha ibsi boordichi baase.
Ministeerichi hospitaalonni "guutumaan guutuutti hojjechaa jiru" jechuun dhugaa jiru dogoggoraa jira jechuun, hospitaalota gurguddoo guutuu biyyattii irraa beeksisni ummataa kennamuun sababa komii isaanii furmaata hin arganneen jeequmsa tajaajilaa uumame mirkaneessa jedhe.
Ministeerichi yoo gaaffii isaaniitiif atattamaan deebii hin kenniine ta'e Wiixata irraa kaasee gara lagannaa hojii tajaajiloota guutuutti akka darban akeekeera.
''... rakkoo isin mudatu hundaaf itti gaafatamummaa hin fudhannu'' - Yunivarsiitii Hawaasaa
Sochii lagannaa hojii gartokkeen ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran hordofee bakkeewwan hojiin itti gutummaan lagatame keessaa Hospitaala Yunivarsiitii Hawaasaa fi Yunivarsiitii Godandar akka argaman BBC'n ogeeyyii fayyaarraa odeeffateera.
Sababa hidhamuu hakimoota intarnii hospitaala Paawuloos Dr. Saadoor Barakatiifi Dr. Ifaa Addunyaatiin, doktaroonni intarnii Caamsaa 14 hojii dhaabanii turan.
Yunivarsiitii Ispeeshaalaayizdiin Tuqur Ambasattis haaluma oogeessi lafee Dr. Nabiyyuu Eeliyaas hidhamuun ogeeyyii daran haala hammeessuu BBC'tti himaniiru.
Boodarras Dr. Habtaamuu Maanqir hospitaala Tuqur Ambassaatii, Dr. Yaareed Dagguu hospitaala Paawuloosii, Dr. Abdallaa Edriis hospitaala ispeeshaalaayizdii fayyaa sammuu Amaanu'eel irraa, ispeeshaalistiin ulfaaf gadeemeessaa Dr. Darajjee naannoo Sidaamaa hospitaala waliigalaa Lakkuu irraa akka hidhaman kaasu ogeeyyiin BBC'n dubbise.
Har'a ganama hidhamuu Dr. Dubbaalee Dugunaa reezidantii Hospitaala Kompireensiivii Ispeeshaalaayizdii Yunivarsiitiin Hawaasaa hordofuudhaan dokratoonni intarniifi reezidantoonni guutummaatti hojii akka dhaaban hakimni reezidantii yunivarsiitii Hawaasaa BBC'tti himeera.
Sana hordofuudhaan yunivarsiitichi hakimonni intarniis ta'ee reezidantoonni bakka ramadamanitti deebi'anii hojii hin eegalle ammoo "sa'aatii 12 keessatti qabeenya mootummaa of harkaa qaban deebisuun koolleejjicha gadhiistanii akka bahan'' beeksise.
''Hakima kana hin raawwanne rakkoo mudatu hundaaf itti gaafatamummaa hin fudhannu" jedha beeksisni kolleejjii saayinsii waldhaansaafi fayyaa yunivarsiitii Hawaasaa ibsa Caamsaa 15 baaseen.
Hamni tokkollee hojiitti akka hin deebine kan kaasu reezidantiin yunivarsiitichaa BBC'n dubbise, hakimoonni mooraa gadhiisanii bahaa jiraachuu akka arge ibsa.
Doktaroota intarnii sagaltamaa olii fi reezidantoonni muummee gara garaa afur keessatti barataan jiran gartokkeen har'a Caamsaa 15 mooraa yunivarsiitichaa gadhiisanii bahaa kan jiran yoo ta'u fi kan hafanis boru bahuuf akka murteessan BBC'tti himeera ogeessi yunivarsiitii Hawaasaa kun.
Kana hordofee beeksisa qacarrii yunivarsiitichi baase sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiraniin "daqamuun tajaajila waldhaansa fayyaa guddaan" hospitaala yunivarsiitii Hawaasaa keessa jiraachuu kaasuun ogeeyyii fayyaa qacaruun barbaachisaa ta'uu ibsa.
Haaluma kanaan hakimoota 40, faarmaasistii 35, ogeeyyii laabiraatorii 20 fi narsoota 50 waliigalaan ogeeyyii fayyaa 145'f beeksisa qacarrii baaseera.
Yunivarsiiwwan biroos beeksisaafi akeekkachiisa gara garaa baasuun akka hakimoonni gara hojiitti deebi'an dhiibbaa taasisuun cinaatti, hidhaa fi dararaan ogeessa fayyaarran gahaa jiruun gara lagannaa hojii guutuutti akka seennu nu taasisaa jira jechuun qindeessitoonni sochii ogeeyyii fayyaa yaada isaanii BBC'f qoodaniiru.












