Pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaafi doktoroonni sadii hidhaman

Pirezidantii Waldaa Ogeessota Fayyaafi doktoroota sadii hidhaman

Madda suuraa, SM

Pirezidantiin Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan Daanyaaw, akkasumas doktoroonni Hospitaala waliigalaa Arbaaminci sadii to'annoo poolisii jala oolfaman.

Lakkoofsi ogeessota fayyaa magaalaa Finfinneetti, akkasumas naannolee Amhaaraafi Kibba Itoophiyaa keessatti guyyoota muraasa keessatti hidhamanii shan qaqqabeera.

Magaalaa Finfinneetti ammo ogeessonni fayyaa biroo shan guyyoota lamaaf hidhamuun booda gadhiifamaniiru.

Sochii ogeessonni fayyaa tibba kana taasisaniif deeggarsa qabu kan ibse pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan kan hidhaman Dilbata gaafa Caamsaa 11, 2025 akka ta'e pirezidantiin itti-aanaa Waldichaa Obbo Mallas Baataa BBCtti himaniiru.

Waldaa A L I bara 2015 hundeeffame kan hogganan Obbo Yonaataan, ogeessa fayyaa Hospitaala Sadarkaa Bichanaa kan naannoo Amaaraa, godina Goojjama Bahaatti argamuu ta'uu Obbo Mallas ibseera.

Pirezidantiin itti-aanaan kun akka dubbatanitti, Obbo Yonaataan, Dilbata waaree booda manasaaniitii qabaman. "Osoo hin qabamiin dura dheengadda [Sambata] naannawaa hospitaala keessa hojjetaniifi safara jiraatanitti [buufata poolisii argamutti] qorannoof akka barbaadamu bilbilanii akka itti himan natti himee ture," kan jedhu Obbo Mallas, erga kun ta'ee guyyaa tokko booda to'atamuu dubbatan.

Pirezidantii Waldichaa waliin haasaa gabaabaa bilbilaan taasisuu kan eeran Obbo Mallas, yeroo ammaa kana buufata poolisiitti akka argamuufi "rakkoon baayyeen akka irra hin geenye" isumarraa dhaga'uu ibsaniiru.

Haata'u malee, bilbilli sababa addaan citeef sababa pirezidantichi itti hidhameefis ta'e waa'ee qorannoo isarratti taasifamee ballinaan dubbachuu akka hin dandeenye kaasu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin itti-aanaa Obbo Mallas garuu hidhamuun Obbo Yonaataan, "sochii ogeessonni fayyaa tibba kana gochaa jiraniin kan wal qabatudha," jedhanii akka amanan BBCtti himaniiru. Obbo Mallas amantaa isaanii kanaaf akka agarsiiftuutti kan eeran pirezidantiin Waldichaafi isuma mataasaarra "akeekkachiisa" gaahaa ture jedhanidha.

Waldichi gaaffileen ogeessota fayyaatiin ka'aa jiran "sirnaan akka deebiyuuf" xalaa akeekkachiisu barreessuu isaa kan yaadatan Obbo Mallas, "[hidhaan kun] gaaffii gaaffii Waldichaa waliin kan wal qabatudha jedhanii amanu. Tarii qaamni qabe qama biraa waliin wal qabsiisuu danda'a, inni nuun kan ilaallatu miti," jedhan.

Ogeessota fayyaa miindaafi gaaffilee biroo waggootaaf kaasaa turan kan hin deebineef yoo ta'e mormii akka gaggeessan akeekkachiisa kennan "waliin wal qabatee to'annoo jala kan oolfaman" Obbo Yonaataan qofa miti.

Torban darbe Jimaata gaafa Caamsaa 9, 2025 doktoroonni Hospitaala Waliigalaa Arbaamici sadii poolisiin to'atamuu maatiin BBCtti himaniiru.

Dr Barnaabaasa Saamu'eel, Dr Haabtaamuu Geetaachoo fi Dr Malaakuu Aalmaaw

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Barnaabaasa Saamu'eel, Dr Haabtaamuu Geetaachoo fi Dr Malaakuu Aalmmaaw

Aarbaamiincitti hakimoonni sadii kanneen sochii ogeeyyiifi hojjattoota fayyaa tibbanaa qindeessitaniittu jedhaman hidhamuu miseensoonni maatii BBCtti yoo himan, hoji-gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinci Dr. Ambaachaw Dumaa ammoo namni hidhame tokkolleen akka hin jirre ibsan.

Miseensonni maatii hakimoota hidhaman jedhaman kunneeniifi nageenya isaaniitiif jecha eenyumman isaanii akka hin baramne gaafatan, hakiimoonni "sadanuu qindeessitoota sochiichaati jedhamuun hidhaman" jedhan.

Hakiimoonni maqaansaanii Dr. Barnaabaas Saamu'eel, Dr. Malaakuu Aalmaaw fi Dr. Habtaamuu Geetaachoo jedhamuun adda baafaman, guyyaa Jimaataa erga ogeeyyii fayyaa biroo waliin ta'uun gareedhaan suura ka'uun miidiyaalee hawaasaarratti qoodanii booda poolisii godina Gaamootiin hidhamusaanii dubbatan maatiin.

Hakiimoota hidhaman kanneen keessaa lamaan isaanii barsiisota Yunivarsiitii Aarbaamiinci yoo ta'an, tokko ammoo hakiima Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinci ta'uu himan miseensi maatiisaanii kunneen.

Ammatti Hospitaalli Riifaraalaa Yunivarsiitii Aarbaamiini sirnaan hojii waan hin eegalleef barsiisonni fayyaa Yunivarsiitichaa hospitaala waliigalaa waliin qindoominaan hojjetu jedhameera.

Gaafa Jimaata Caamsaa 9, 2025tti naannawa sa'aatii sadiitti ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiincitti walitti qabamuun suuraa ka'uun miidiyaalee hawaasaarratti qoodusaanii himu miseensi maatii BBCn dubbise tokko.

''Sana hordofuudhaan hoji-geggeessitoonni Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinciifi Hospitaala Riifaraalii Yunivarsiitii Aarbaamiinci waaree booda hakiimoota sadaniif bilbilanii gara hospitaalaa akka dhufaniif waaman.''

Yeroo achi gahanitti aanga'oonni mootummaafi qaamonni nageenyaa bakkicha turuu kan himan maatiin hakimoota kanneenii, sochii ogeeyyii fayyaa isinitu qindeessa jedhamuun qabamanii Waajira Qajeelcha Poolisii Godina Gaamootti akka hidhaman dubbatan.

Sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran akka biyyatti ta'uu kan himan miseensi maatii hakiimoota kanneen tokko, dhimma itti hakiimoonni kunneen hidhamaniif sirrii akka hin taaneefi mootummaan dafee akka gadhiisu gaafataniiru.

Hoji-gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinci Dr. Ambaachaw Dumaa ammoo, ogeeyyii fayyaa waliin "mari'annee waliigalteerra geenyeerra" jechuun marii gaggeessuu BBCtti himan.

Haata'u malee, waa'ee hakiimoota hidhaman jedhaman kanneenirratti odeeffannoo yoo qabaataniif gaafatamanii, "lakkii namni tokkoyyuu hin hidhamne" jechuun hidhamuu hakimoota kanneenii haalan.

Dhimma kanarratti Yunivarsiitii Aarbaamiiciifi Waajira Qajeelcha Poolisii godina Goofaarraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin BBC'n taasise ammaaf hin milkoofne.

Haaluma walfakkaatuun Caamsaa 9, 2025 faarmaasistiin Gabruu Malaak jedhamu magaalaa Finfinnee bakka hojjatu, kutaa magaalaa Addis Kataamaa, buufata fayyaa Aanaa 9 irraa otoo bahuu qabamee buufata poolisii Arattanyaa kan naannawaa Markaatootti argamutti hidhamuu hiriyaansaa BBC'tti himeera.

Guyyaa itti hidhame ganama sochii ogeeyyii fayyaa akka biyyaatti deemaa jiru buufata fayyaa isaaniittis walitti qabamuun gareedhaan suuraa ka'anii miidiyaalee hawaasaarratti akka qoodan dubbatan hiriyaan Faarmaasistii Gabruu sodaa nageenyaatiif jecha kan maqaasaanii hin himanne tokko.

"Har'a ganama Mana Murtii Sadarkaa Duraa Addis Katamaa jirutti dhiyaatee ture. Poolisiin [qorannaaf] guyyaa 12 gaafatee ture. Manni-murtii guyyaa shan hayyameef" jechuun oolmaa mana-murtii ilaalchisuun BBCtti himan hiriyaan Gabruu.

Abukaatoo malee namni hin galu jedhamuun dhadacharraa akka dhorkaman kan kaasan hiriyaan Faarmaasistii Gabruu kun, "maaliin akka himatame hin beekne" jechuun ibsan.

Kaleessi Sanbata Xiqqaa waan ta'eef mana murtiitti dhiyaata jedhee waan hin yaanneef abukaatoon akka hin dhiyaannes dubbatan namni kun.

Kanaan duras ogeessi Miidwaayiifarii Mikaa'el Tsaggaayee jedhamu buufata faayyaa sanaa qabamee hidhamee akka ture kan kaasu namni kun, guyyaa Jimaataa Caamsaa 9 akka gadhiifame himan.

Godina Jimmaa Hospitaala Waliigalaa Aggaaroottis hakiimoonni hidhamanii turuun boodarra ammoo akka gadhiifaman BBCn odeefateera.

Kutaalee biyyattii gara garaatti sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran hordofee bakka tokko tokkotti bakka hojjatanirraa jijjiramuu, akkasumas doorsisnii fi hidhaan mudachuun gabaafamaa jira.