Hidhaan ogeeyyii fayyaa itti fufe gara lagannaa hojii guutuutti nu geessuu mala- Ogeeyyii fayyaa

Madda suuraa, Ethiopian Health professionals
Lagannaa hojii ogeyyiin fayyaa gaggeessaa jiraniin ogeeyyootni fayyaa hedduun hidhamuu maddeen adda ddaa BBC'tti himaniiru.
Magaalaa Finfinnee hospitaalota Paawuloosii, hospitaala Xuqur Ambassaa fi Naannoo Amaaraa Walloo Kibbaa hospitaala waliigalaa Akistaatti hakimonni hidhaman akka jiran BBC'n odeeffateera.
Naannoo Amaaraa Walloo Kibbaa hospitaala waliigalaa Akistaatti hakimonni waliigalaa afur hidhamuun lama boodarra gadhiifaman jedhan maddeen BBC.
Hospitaala waliigalaa Booruu Meedaattis hakimoota waliigalaa lama, Bahaardaar hospitaala Addisaalamii ogeeyyii fayyaa afur, Giddugala Gojjaam, Hospitaala sadarkaa jalqabaa Dalgiitti ogeeyyii fayyaa lama, Bahirdaar hospitaala Falagegiwoonittis akkasuma ogeeyyiin fayyaa humnoota mootummaatiin hidhamuu BBC'n maddeen maatii fi waahillan hojii irraa odeeffateera.
Hakimoonni hidhaman muraasni waldhaansa kutaa hatattamaarra bulanii otoo bahuuf jedhanii akka ta'es ogeeyyiin fayyaa BBC'tti himaniiru.
Haaluma walfakkaatuun ogeeyyiin fayyaa naannolee Hararii fi magaalaa Dirre Dawaa hospitaala keessatti argamanis dorsisaa fi dhiibbaa cimaa jala jiraachuu BBC'tti himaniiru.
Guyyaa lammaffaa lagannaa ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiraniin hidhaa fi doorsisni gara garaa mootummaadhaan ogeeyyiirra gahaa jiraachuu hakimoonnii fi barattoonni hakima namaa BBC'n dubbise mirkaneessaniiru. Haalichi akka guutummaatti waldhaansi dhaabatu taasisuu mala soda jedhus ibsaniiru.
Hakimni hospitaala Paawuloos BBC'n dubbise, "sochiin kaleessa ture har'allee bifuma walfakkaatuun itti fufee jira. Kutaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu waliigalaa keessatti har'a dhukkubsataan elective surgery karoorfamee hojjetame tokkoyyuu hin jiru" jechuun ibsa.
"Wanti addaa har'a argine yoo jiraate, itti aanaan Ministeera Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa hospitaala Paawuloositti argamuun itti gaafatamtoota muummeewwanii fi geggeessitoota keeziiwwanii (team case head) walitti qabee mariisiseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hakimoonni buleeyyii fi geggeessitoonni muummeewwanii achi keessa turani, haalli ture dhaadannaa fi doorsisaan kan guutedha.
Residantoonni [hakimoota ispeeshaalistummaa barataa jiran] guutummaatti hojii dhaabanii jiru waan ta'eef, senior physicians [hakimoonni buleeyyiin] akka hojii hojjechuu qabanidha.
Murteen kun kan agarsiisu barattoonnii fi reezidantoonni kaan to'annoo isaaniiti ala ta'uudha.
OPD'wwan jiran guutummaatti hojii hojjechaa hin jiran" kan jedhu hakimni Paawuloos BBC'n dubbise kun dhukkubsattoonni muraasni mooraa hospitaalichaa keessatti akka mul'atan dubbata.
Har'a intarnoonni hakima namaa lama hospitaala Paawuloos irraa hidhamuun intarnoonni [barattoonni hakima yaala namaa] hospitaalichaa guutummaatti akka hojii dhaaban taasisuus dabaluun ibsa hakimni taajjabbiisaa BBC'f qoode kun.
Hakimoonni buleeyyiin ammoo hojjetoota dhaabbataa hospitaalichaa waan ta'aniif dhiibbaan jabaam bulchiinsa hospitaalichaan irra gahaa jiraachuus ibsa hakimni kun.
Barataan ispeeshaalistummaa hospitaala Xuqur Ambassaa BBC'n dubbises haaluma walfakkaataan aanga'ooni Ministeera Fayyaa irraa dhufan, itti aanaa Ministeera Fayyaa, Dr. Darajjee Dhugumaa dabalatee bulchiinsaa hospitaalichaa mariisisaa akka turan dubbata.
Bulchiinsi hospitaalichaas rezidantootaaf bilbiluun akka gara mooraa deebi'anii isaan waliin mari'atan gaafachuu kaasa.
"Deebiin keenya garuu walfakkaataadha" jechuun gaaffiilee akka biyyaatti kaasaniif mootummaan deebii kennuu akka qabu ibsa.
Akkuma kanaan dura ibsamaa turetti waldhaansi addaan cituu hin qabne akkuma itti fufanitti jiraachuu fi kan idileen garuu kennamaa akka hin jirre kan himu hakimni Xuqur Ambassaa kun, "hamma mootummaan deebii waloo fi quubsaa nuuf kennutti tokkummaadhaan cimnee dhabanna" jechuun lagannaa hojii akka itti fufan ibsa.
'Doorsisaa fi dhiibbaan isinirra gahu kamiifuu kolleejjichi itti gaafatamummaa guutuu fudhata'
Xalayaa Kolleejjiin Meedikaalaa Miliiniyeemii hospitaala Paawuloos har'a Caamsaa 14 barreesse ammoo "doorsisaa fi dhiibbaan nurra gaha jettanii akka haftan qorannoon tasisneen hubanneerra."
Hanga Caamsaa 14, guyyaa keessaa sa'aatii sagaliitti kutaa itti ramadamtanitti argamuun akka gabaasan Rezidantootasaa gaafateera. Rezidantii kana hin raawwanne irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi akkaadamikii akka fudhatu kolleejjichi akeekkachiiseera.
Xalayichi dabalataan "doorsisaa fi dhiibbaan isnirra gahu kamiifuu kolleejjichi itti gaafatamummaa guutuu fudhata" jechuun akka hakimoonni ispeeshaalistummaa barataa turan gara hojiittti deebi'an gaafateera.
Rezidantiin BBC'n dubbise tokko garuu hamma mootummaan gaaffiilee ogeeyyiin fayyaa akka biyyatti gaafataniif deebii gahaa kennutti ogeessi hojiitti deebi'u akka hin jirre dubbata.
Har'a rezidantiin Ortoopeedik Sarjarii Dr. Nabiyyuu Eeliyaas hadhamuu kan himu hakimni Xuqur Ambassaa BBC'n dubbise ammoo, tarkaanfiin doorsisaa fi hidhaa mootummaan ogeeyyii fayyaa irratti fudhataa jiru waldhaansa fayyaa kanaan dura addaan hin citiin illee addaan kutuun gara guutummaa lagannaa hojiittii akka isaan geessu ibsa.
Mootummaan akka biyyaatti gaaffii ogeeyyiin fayyaa gaafataniif deebii otoo hin kenniin hafee, haalli kun ittifufnaan balaa guddaa hawaasarraan akka gahu kan kaasu hakimni kun "keessumattuu hawaasa baadiyyaarraa dhufan gaaga'amni guddaan akka isaan mudatu argaa jirra" jechuun sodaAsaa ibsa.
Hidhaan humnoota mootummaatiin ogeyyii fayyaarra gahaa jiru haala amma jalqabeen itti fufnaan, tajaajilli waldhaansaa otoo addaan hin citiin kennamaa jiran kan akka waldhaansa hatattamaa, waldhaansa xiyyeeffannoo addaa [ICU] fi kutaa dahumsaa illee gaaffii keessa akka galchuu taasisa jechuun sodaa qaban ibsu hakimoonni BBC'n dubbise.

Madda suuraa, Getty Images












