'Maazar Tereezaa Afrikaa': Abbabach Goobanaa eenyuu, akkamiin yaadatamu?

Dubartii maathar Tirezaa Afriikaa jedhaman Ababach Gobaanaa

Madda suuraa, AGOCHA

Dubartii jabduun hojii tola-ooltummaa hojjetaniin maqaa guddaa horatan Dr kabajaa Abbabach Goobanaa erga du'aan addunyaa kanarraa boqotanii ganna afur ta'eera.

Haatii kunis bara 2021tti kan du'aan boqatan. Hojiin tola-ooltummaa isaan qormaata guddaa keessatti eegalan waggaa 45 darbeera.

Ijoolleen isaan guddisan maqaa masoo fi mararoo 'Iddaayyee' jedhuun waamu, Abbabach. Hojiisaan hojjetaniin har'allee maqaan isaanii bool'aa ol jira.

Dubartiin 'haadha miliyoonotaa' jedhamuun beekaman kun ganna afuriin booda akkamiin yaadatamu, leegaasiin isaanii akkamiin itti fufaa jira? BBC'n daarektara dhaabbatichaa fi ogeessa sabqunnamtii dhaabbatichaa dubbiseera.

Akka itti hojii tola oltummaa itti eegalan

Ababachii ijoollee ishee waliin

Madda suuraa, AGOCHA

ALA baroota 1980'ta keessa Itoophiyaatti hongeen yeroo hammaatetti, Abbabach yeroo kadhataaf gara bataskaana Gishan Maariyaam jedhamu imalaniitti waanti argan kallattii jireenyasaanii geeddare.

Keessumaa naannoo Wallootti yerootti namni hedduun beelaan dhumaa turedha. Wayita imala isaaniirraa deebi'anittis daa'ima haalaan miidhamteefi harma haadhashee duutee hodhaa turte arguun bira darbuu hin dandeenye - achii kaasanii fudhatan.

Boodarras daa'ima biraa tokko itti dabaluun dhoksaan daa'ima lama manasaaniitti fudhatanii galan. Maatiin Abbabach akkasiin bal'achuun, waggaa tokko keessa daa'imman 21 gahan.

Hojii tola ooltummaa haala kanaan jalqabaniin bu'aa bayii baay'ee ulfaataa dabarsan. Maatiifi fira akkasumas gaa'ilasaanii dhiisanii, jireenyasaanii mara daa'imman gargaarsa hin qabnetti lubbuufi abjuu horuutti cichooman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo gargaarsa tokkollee hin qabnetti waan qaban gurguruun, daabboo tolchuun, akaayii akaayanii gurguruun gootummaan maqaasaanii ulfinaan barreessan.

Hojii Abbabach kaleessa yeroo rakkinaa eegalan erga isaan du'aan boqotaniillee kaayyoo isaan aarsaa itti kafalaa turan dhaabbata isaan hundeessaniin itti fufaa jira.

Yeroo lubbuun jiran qofa osoo hin taane har'allee hojiin isaan jalqaban itti fufuun maqaasaanii awwalchaa ol jiraachisaa jira.

Hojii isaan yeroo lubbuun jiran ittifufsiisuun akkuma jirutti ta'ee seenaafi hojii isaanii sirna barnootaa keessa galchuun dhaloonni gaarummaafi arjummaa isaanii akka beeku gochuun ammoo siidaa bara baraan yaadatamu ijaaruudha jechuun darektarri Dhaabbata Tola-ooltummaa Abbabach Goobanaa (Abebech Gobena Charity), Isheetuu Araddoo BBC'tti himaniiru.

Haati jabduun "Daa'imman ofiikootii dahe hin qabu, garuu ijoolleefi maatii kuma dhibbootaan waanan horadheef homaa hin gaabbu" jechuun beekaman Abbabach, yeroo lubbuun jiran yunivarsiitii Jimmaarraa doktara kabajaa argataniiru.

Dhaabbilee biyya keessaafi idil-addunyaa hedduurraas badhaasaaf beekamtii argataniiru.

Ganna afur booda Abbabach Goobanaa akkamiin yaadatamu?

Ijoolee keessa dhaabbatanii

Madda suuraa, AGOCHA

'Haati miliyoonotaa' Abbabach du'aan boqotanis, "hojiinsaanii, gaarummansaanii waan jiruufuu, seenaansaanii yeroo hundumaa yaadatama" jedhu Obbo Isheetuu Araddoo darektarri olaanaan Dhaabbatichaa.

Dhaabbatichi "maqaa gaarii, muuxannoo baay'ee qaba. Hojiiwwan baay'ee gurguddaatu hojjetamaa jira" kan jedhan darektarri kun, hojiisaan yeroo lubbuun jiran hojjetan akka itti fufe dubbatu.

Obbo Isheetuun yeroosaan lubbuun jiranis I/A hoji geggeessaa dhaabbatichaa ta'uun Abbabach Goobanaa waliin yeroo dheeraa waan hojjetaniif, kaayyoof galma dhaabbatichaa sirnaan akka beekan kaasu.

Dur pirojeektiin dhaabbatichaa baay'ee akka ture kan himan darektarri kun, amma utubaalee shan akka guddisaafi kunuunsa daa'immanii, fayyaa, barnoota, dubartoota aangomsuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himu.

"Duruma akaayii akaa'anii, daabboo tolchanii gurguraa turani. Waan gaariin isaan [Abbabach] hojjetanii darban duruma ogguu hojjetan, galii argachuuf akaayii akaa'anii, daabboo tolchanii gurguraa turan. Gaaf tokko gargaarsi alaa kun yoo dhaabbate mataa kiyyaan biizinasii wayii qabaachuun narra jira jettee kana yaadde; kormeedha" jechuun dubartii fageessitee ilaaltu ta'uusaanii ibsu Obbo Isheetuun.

'Wanti duubattii deeb'u hin jiru'

Daa'ima hammatanii

Madda suuraa, AGOCHA

Dursanii hundee jabaa waan tolchaniif, hojiiwwan Abbabach Goobanaa yeroo lubbuun jiran hojjetan "wanti duubattii deeb'u hin jiru" jechuun dubbatu darektarri dhaabbatichaa.

Hojiiwwan galii ittiin argachuuf Abbabach yeroo rakkinaa keessatti eegalan kun amma sirriitti jabaatee hojjechaa jiraachuu kan dubbatan Obbo Isheetuun, "guyyaatti biddeena 5,000 hanga 10,000" tolchuun hoteelota abbaa urjii afurii fi shanii Finfinneetti argaman harka sagaltamaa oliif nutu dhiyeessa" jechuun ibsu.

Kana malees "mi'eessituuwwan gosa 64 caalan qopheessuun" hoteelotaaf akka dhiyyeessan kaasu.

Bara kanas biddeenaa fi mi'eessituu sadarkaa isaa eeggate dhiyeessuun bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin sadarkaa tokkoffaarratti badhaafamuu dubbatu darektarichi.

"Kanaafuu, gargaarsi alaa ennaa dadhabaa dhufu keenya galiin guddataa jira; of danda'eera" kan jedhan obbo Isheetuun mootummaan, dhaabbileen biyya keessaafi biyya alaa akkasumas buusii miseensota irraa gargaarsa argataniin leegaasii Abbabach itti fufsiisaa jiraachuu himu.

Abbabach dubartii "waan yaadan otoo hin milkeessiin gara booddeetti hin deebine. Waanti karoorsan ija godhatu malee kan hirribni isaan hin qabne, haadha jabduu akka ta'an sirriittan beeka" jechuun kan yaadatan ammoo ogeessa sabqunnamtii dhaabbatichaa, Kaasaahun Baqqaanaati.

"Anas ta'ee wahillankoo as jiran siidaan nuti Abbabach Goobanaaf dhaabnu waan isaan yeroo lubbuun jiran yaadan, karoorsan dhugoomsuudhaan agarsiisuudha. Kunis leegaasii isaanii itti fufsiisuudha" jechuunis dabalanii dubbatu Kaasaahun.

"Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti dhaabbilee hojii bareedaa hojjetaniif badhaasni waggaa waggaadhan sadarkaa kaabineetti kennamu jira. Isaan [Abbabach Goobanaa] yeroo lubbuun jiran kaabinee fuulduratti dhiyaatanii badhaafamanii turan.

''Erga isaan boqotaniis dhaabbanni kun leegaasii isaanii itti fufsiisuu isaatiin badhaasni kun hanga yoonaattuu hin hafne" jechuun himu. Kunis "tattaaffii dhaabbatichi leegaasii isaanii itti fufsiisuuf taasisu keessatti milkaa'ina argamedha" jechuun ibsu ogeessi kun.

Siidaa dhaabbataa: Seenaa Abbabach sirna barnootaa keessa galchuun dhaloota barsiisu

Ababach Gobanaa

Madda suuraa, AGOCHA

Hojii doktarri kabajaa Abbabach hojjetan onnee dhalootaa keessa bara baraan akka jiraatuuf seenaansaanii sirna barnoota biyyattii keessa galuun barsiifamuu akka siidaa dhaabbataatti' ibsu ogeessi sabqunnamtii kun.

Gosa barnoota akka Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Afaan Ingilishii, Lammummaa, Ogummaa, Saayinsii Naannoo, Safuu [Moral Education] fi kaan keessatti kan barreeffame seenaan Dr kabajaa Abbabach Goobanaa dhaloonni waa'ee hojiisaanii akka baruuf qooda guddaa akka qabaatu dubbatu obbo Isheetuun.

Kitaabilee barnootaa kutaa tokkoo hanga kudha lamaatti kan ka'e seenaan dubartii 'Maazar Tereezaa Afrikaa' jedhamuun beekamtu kanaa, mata dureewwan "Kaaniif gaarii hojjechuu, gara laafinaafi qulqullummaa, fakkeenya walgargaarsaa, amalaafi tajaajila gaarii, walgargaarsa, lammii gaarii, namootaafi kaleessa isaanii, haadha ofiif hin jiraanne [the selfless mother], tola ooltummaa, gaarummaa, namummaa, dubartootaafi misooma" jedhaniin Afaan Oromoo dabalatee afaanota shanii oliin barreeffamaniiru.

Haadha gara laaftuu, goota, arjaa, gaarii, ija walqixaan nama ilaaltu, kaayyoosheef cichituufi namummaa olaana qabdu ta'uun kitaabilaa kanneen keessatti dhaloota barsiisuuf akka fakkeenyaatti fayyadamteetti Abbabach.

Imala amantaa irratti daa'ima qoonqoon yalbatte kan harma harmeeshee beelaan duute hootu arganii lapheensaanii cabe. Daa'ima sana fudhatanii Finfinneetti galan. Achumaan kallattiin jireenyasaanii jijjiiramee 'Haadha Miliyoonotaa, Maazar Tereezaa Afrikaa' hanga jedhamanitti gahan.

"Waggaa afurtamii shanan har'aa hojii tola ooltummaa kan jalqabe Abbabachidha. Yeroo sana Itoophiyaa keessa mishinii wayii yoo ta'an malee dhaabbanni miti mootummaa" akka hin turres dubbatu Obbo Isheetuun.

Kanaan dura hojii tola ooltummaatiin "warra baargama jiru malee Itoophiyaa keessaa hin waamamu" kan jedhan darektarri kun hojii tola ooltummaa Abbabach jalqabuufi kaanis isaanirraa barachuu dubbatu.

"Umurii dheerinaanis haata'u, jabinaanis haata'u, amanamummaadhaanis haata'u kan akka Abbabach Goobanaa waan jiru natti hin fakkaatu" kan jedhan Esheetuu Araddoo, "leegaasiin Abbabach Goobanaa akkuma gaariitti ittifufa" jechuun ibsu.

"Daa'imni akka waan isaan hojjetan barattu gargaara. Jabinashee baratu. Akkamitti dubarri jabduu ta'uu dandeessi kan jedhu baratu. Namummaa, hojii tola ooltummaa ni baratu" jechuun fayidaa seenaan Abbabach dhalootaan baratamuun ibsu.

'Isheen nama har'aa miti; nama boriif iftaan ceetee ilaaltudha'

Ababachi Gobanaa ijoollee saanii waliin

Madda suuraa, AGOCHA

Erga Abbabach Goobanaa waliin hojjechuu jalqabanii gara ganna 35 gahuu kan kaasan darektarri kun, jalqaba yeroo isaan ijoollee waliin rakkataa turanitti, "horii qabda, lafa qabda ijoollee gandaa waliin maaf rakkatta jennee gorsina warri maatii hunduu. Isheen garuu nurraa hin fudhanne" jechuun cichoomina Abbabach kaayyoo isaaniif qaban yaadachiisu.

"Isheen cimtuudha. Nama har'aa miti; nama boriif iftaan ceetee ilaaltudha" jechuun hayyummaa fi dubartii fageessitee ilaaltu ta'uushee ibsu darektarri olaanaan dhaabbatichaa.

Karoora mootummaan amma 'Green Legacy' jedhee hojjetaa jiruu fi mana hiyyeessaa suphuu fi ijaaruu dursanii Abbabach hojjechaa akka turan kaasu.

Yeroo Abbabach lubbuun jiran hojiileen mukkeen dhaabuu [afforestation], mana namoota harka qalleeyyii suphuuf ijaaruu, mana fincaanii fi bishaan tolchuun hawaasa gargaaraa turuu kan kaasan darektarichi, "har'a mootummaan akka gaariitti hojjechaa jira" jechuun leegaasiin isaan jalqaban itti fufuu dubbatu.

"Itti gaafatamaan biiroo barnoota bulchiinsa magaalaa Finfinnee, Dr Zalaalam Mulaatuu, as dhufanii oggaa ilaalan maqaasaanii kana kitaaba keessatti barreeffamee beekamuu qaba jedhanii" akka jalqabame kan himan darektarri kun, ministeerri barnootaafi biiroon barnootaa naannolee gara garaas hojicha akka itti fufan ibsu.

"Tola ooltummaan jalqabarraa kaasee hanga ammaatti maal fakkaata oggaa jedhan akka fakkeenyaatti isaantu [Abbabach] tu waamama. [Fakkeenya] dubara cimtuu oggaa dubbatan isheetu waamama. Hiyyeessa gargaaruu, misooma akkamitti akka hojjetan" jechuun fakkeenyummaa Abbabach dhaloonni irraa barachuu danda'u tarreessu, Isheetuun.

'Siidaa addabaabayii tokkorra dhaabbate kan argan namoota achi jiran muraasa qofadha; sirna barnootaa keessa galuun dhaloonni dhufu hunduu kana argaa akka guddatu godha'

"Waa'ee hojii isaanii ilaalchisee barreeffamni baay'een barraa'eera; namoonni bebbeekamoon waltajjii gara garaa irratti dhugaa ba'aniiru. Haata'utii kunneen wantoota waktii yeroo sanaa keessa dhokatanidha" kan jedhan Kaasaahun, hojiin seenaa Abbabach Goobanaa sirna barnoota Itoophiyaa keessa galchuun hojii boonsaa ta'uu ibsu.

"Seenaa namoota biyyaaf lammiif akkasitti dadhabanii fi hojii qabatamaa gumaachanii darbanirraa dhaloonni baratee" lammii gaarii akka ta'uuf seenaa Abbabach kitaabilee barnootaa keessa galchuun shoora olaanaa qaba jechuun ibsu ogeessi kun.

Ababach Gobanaa ijoollee isaanii waliin

Madda suuraa, AGOCHA

"Kitaabilee barnootaa kutaa tokkoo hanga kudha lamaatti jiran keessa seenaan isaanii jira. Seenaan isaanii gaarummaa, namummaa, ofirra darbanii kaaniif ooluun hammam gummacha guddaa ta'e kan hubachiisudha.

Dhaloonni kana dubbisaa guddatan ammoo maqaa fi hojii Dr kabajaa Abbabach hanga xumuraatti fudhatanii deemu. Kanadha siidaa dhaabbataa kanan jedhu ani. Siidaa addabaabayii tokkorra dhaabbate kan argan namoota achi jiran muraasa qofadha.

Kun garuu sirna barnootaa guutummaa biyyaattii keessa kan jiru waan ta'eef, dhaloonni dhufu hunduu kana argaa dhaloota gaarii lammiisaaf garaa laafu bocuuf gumaata guddaadha.

''Seenaan isaaniis bakka tokkotti daanga'ee akka hin hafne kan ceesisudha" jechuun seenaan Abbabach Goobanaa sirna barnootaa keessa galuun maqaasaanii awwaalaan ol akka jiraatu akka taasisu ibsu Kaasaahun.

Sagantaalee gara garaatiin barattoota sadarkaa gadaanaatii hanga yunivarsiitiitti qindaa'anii dhufuun mooraa Dhaabbata Tola Ooltummaa Abbabach Goobanaa akka daaw'atan kan himan ogeessi sabqunnamtii kun, "hojiisaanii ilaalanii kan dinqisiifatanii fi abjuu egere akkasaanii ta'uu kan qaban" akka jiranis dubbatu.

"Ni beekna; dhageenyeerra. Kan dhageenyeen, kan hubanneen, kan nutti himameen olitti ammoo erga daaw'atanii booda kabaja kennaniifii barattoonni deeman jiru" kan jedhan Kaasaahun, kun hundumtuu egere dhiibbaa gaarii ta'e dhaloota irratti uumuuf gahee olaanaa akka qabaatu himu.

Akka seenaan jireenyaasaanii agarsiisutti Abbabach Goobanaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Giraar Jaarsoo bakka Shabal jedhamtutti ALA Onkololeessa 20, 1935 kan dhalatan yoo ta'u, abbaan isaanii wayita isaan daa'ima ganna tokkoo turanitti waraana yeroo Xaaliyaaniin ajjeefaman. Sana booda maatii abbaa isaanii biratti akka guddatantu himama.

Maatiin ijoollummaasaanii ganna 10tti fedhii malee erga heerumsiisanii booda, gaa'ela dhiisuun gara magaalaa Finfinneetti baqatan.

ALA baroota 1980'ta keessa biyya Itoophiyaatti hongeen hammaatee, keessattuu naannoo Wallootti wayita namni hedduun beelaan wayita dhumaa turetti, haati kun bataskaana Gishan Maariyaam jedhamutti kadhannaaf imalan.

Imalli amantaa sunis kallattii jireenya isaanii jijjiiruun umuriisaanii guutuu kaaniif jiraachuun maqaa guddaa har'a horatan gonfachhise.

Erga dubartiin jabduun kun bara 2021 du'aan addunyaa kanarraa boqottees Dhaabbanni Tola-ooltummaa Abbabach Goobanaa leegaasii isaanii itti fufsiisaa jira.

Bara kanas, dhaabbata 'Acquisition international' jedhamu kan biyya UK jirurraa badhaafamaa 'welfare and empowerment non-prof organization of the year 2025' ta'uu danda'eera.