Naannoon Amaaraa %90 mootummaa naannichaa harka jira - Laggasaa Tulluu

Leggesee Tulluu (PhD)

Madda suuraa, comm. office/fb

ALI Ebla bara 2015 irraa eegalee lolli hidhannoo kan keessatti gaggeeffamu naannoon Amaaraa harki caalaan isaa to'annoo mootummaa jala akka jiru Ministirri Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa, Laggasaa Tulluu (PhD) himan.

Ministirri kun gaaffiifi deebii bal'aa televijiinii biyya keessaa 'NBC' jedhamu waliin taasisaniin, haala nageenyaa naannoo Amaaraa ibsaniiru.

Laggasaa naannichi ''rakkoo jiraachuu'' keessa galee turejedhanii, yeroo ammaa kana mootummaan naannichaa harka 90 to'achuu himan.

Humnoonni Faanoo gama isaaniitiin yeroo adda addaatti naannicha keessaa harki 80 ol to'annoosaanii jala jirachuu dubbatu.

Waldhabdeen humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo waggoota lamaan darbaniif gaggeeffamaa ture ammallee itti fufee akka jiru gabaasni gama lachuu irraa argame ni mul'isa.

Yeroo ammaa "mootummaan naannichaa cimee jira, gurmaa'ina isaa hanga sadarkaa gandaatti cimsee jira. Irra caalaan naannoo, kan gara dhibbeentaa 90 ta'u, humna hidhate, bulchiinsa, fi haala nageenyaa naannoo jalatti kan mataa isaa qaba," jedhan ministirichi.

Bakkeewwan to'annoo ala jiran ilaalchisee; "Haalli itti humnoonni nageenyaa naannoo fi kan federaalaa waliin ta'uun rakkoo kana hiikuuf hojjetan mul'achaa jira" jedhan.

"Marii fi hojii seera kabachiisuutiin naannoolee naannichaa irra caalaatti haalli nagaa uumameera," jedhan ministeerichi. Haa ta'u malee, waldhabdee kanaan sochii hawaasummaa dabalatee jireenyi guyyaa guyyaa isaanii jeeqamuu jiraattootni ni dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Itoophiyaan gara nagaa guutuu ta'eetti dhufteetti" kan jedhan Dr Leggeseen, yaadonni wal faallessan lama akka jiran ibsaniiru.

"Dhugaan lafarra jiruu fi hubannoon namootaa adda adda," kan jedhan Dr Leggeseen, taateewwan akka hidhaa, saamichaa fi qabeenya barbadeessuu kaasuun, haalli kun "biyya kamiyyuu keessatti kan uumamu" jedhan.

Biyyattiin naannoo "siyaasaa ukkaamfame" keessa jirtu keessaa kan dhalatte yoo ta'u, ce'umsi gara walabummaatti taasifamus rakkoolee humnaan hiikuun rakkoolee uumuus ibsaniiru.

"Naannoo humni nageenyaa itti haphatutti, naannoo humnoonni nageenyaa waan biraatiin qabamanitti baandonni jeequmsa uumuun ni jira. Kanaan duras ta'eera, fuula durattis ni eegama," jedhan.

"Darbee darbee nama butuun ni mul'ata, saamichi ni jira, qabeenya gubuun ni jira. Kunniin hir'achaa dhufaniiru, garuu ammas ni jiru," jedhan.

Uggura yeroo baayyee dhiyeenya naannoo magaalaa Finfinneetti godhamuun ''irra caalaan isaa dantaa dinagdee waliin kan walqabatudha," jechuun ''karaa gabaabaan duroomuuf'' sochii godhamu ta'uu ibsan.

Iggitni tokko tokko bifa siyaasaa akka qabaatu ni yaalam jechuun hidhattootni Faannoo nama butanii humna qabaachuu isaanii agarsiisuuf itti fayyadamu jedhaniiru.

Dr Laggasaa iggita namootaa to'achuuf ''hirmaannaa ho'aan'' uummataa barbaachisaa to'uu irra deddeebiin kaasaniiru. Hirmaannaa uummataan yoo ta'e male bakka hunda loltuudhaan eeguun hin danda'amu jedhaniiru.