Paartileen mormituu sadii Tigiraay keessa socho'an koree mootummaa yeroo ijaaramaa jiruu hin fudhannu jedhan

Madda suuraa, Social Media
Paartiileen siyaasaa sadii Naannoo Tigiraay keessa socha’an koree mootummaa yeroo hundeessuuf hojiirratti argaman akka hin fudhanne beeksiisan.
Kunis ibsa koreen adeemsa sanadni mootummaan yeroo ittiin hundeeffamu torbee dhufaa keessa ifa akka taasifamu ibsamu hordofuun paartiileen mormituu kanneeniin adeemsicha keessaa adda of baasuu beeksiisan.
Paartiileen Saalsaayi Wayyaana, Baayitoonaa fi Paartiin Bilisummaa Tigraay koricha irratti gaaffii walabummaa fi hirmaachisummaa irratti kaasuun, koricha waliin walitti dhufeenya akka hin qabne ibsa Kamisa Guraandhala 16, 2023 kennaniin beeksiisaniiru.
Korichi seera, qajeelfamaa fi adeemsa maaliitiin akka hundeeffame irratti deebii ifa ta’e akka hin kennamneef dura taa’aan Paartii Baayitoonaa Abaay Tigraay, Dr Tsaggaa Za’aab Kaahiisu BBC’tti himan.
Koricha TPLF akka hundeesse akka amanan kan dubbatan dura taa’aan kun, kunis haala waliigaltee nagaa Piritoriyaatti waraana dhaabuuf irra gahameetti fudhatama hin qabu jedhan.
‘‘Hunda caalaa adeemsa isaatuu hirmaachisaa ta’u qaba malee bu’aa isaa miti. Koree TPLF keessa gallee gumaachi taasifnu homtu hin jiraatu’’ jechuun adeemsicha keessa ofiisaanii baasuu ibsaniiru.
Dura taa’aan qindeessaa adeemsa hundeeffama kan ta’an Leetanaal Janraal Taadasa Warada ibsa Guraandhala 15, 2023 gaazexessitootaaf kennaniin, hojiin qophii sanadii mootummaan ittiin bulu dhumataa jiraa jedhanii ture.
Dura taa’aan kunis ibsa koreewwan kanneenii kaasuudhaan, ‘‘adeemsichi akka dhumeefi guyyota muraasa keessatti bulchiinsi yeroo akka hundeeffamudha. Dhimma dhumate keessa galuun gumaacha baayyee taasifna jennee waan hin amanneef koricha keessaa adda of baafneera’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Korichi ajajaan Humnoota Tigraay Leetanaal Jeenaraal Taaddasa Warrada fi Obbo Muluu Warqi Kiidaanamaariyaam dabalate miseensoota sagal kan qabu yoo ta’u, humnoota Tigraay irraa sadii, TPLF irraa sadi fi waldaalee siviilii irraa sadii kan walitti dhufan ta’u yeroo sanatti ibsameera.
Adeemsii hojii mootummaa yeroo hundeessuuf raawwatamu hunduu hirmaachisaa akka ta’eefi haala paartiilee mormiitootaa, waldaalee siviilii, ummata hirmaachisee fi kan jidduugalumsa siyaasaa irraa bilisa ta’en gaggeessuuf yaalaamaa akka ture Janaraala Taaddasan kaasanii ture.
Dura taa’ichi gamasaanitiin, kanaan walii hin galan. Miseensoota korichaa sagal keessaa bakka bu’oonni paartii mormituu, waldaa bilisaa, hayyootaa fi waldaalee sivilii ta’ee qaamooleen gahee Tigraay hin jiran jedhu.
‘‘Saglan isaanitu kanneen waajjira tokkoon filatamaniifi irra caalaan isaanii miseensoota hojii raawwachiiftuu TPLF fi miseensa koree jidduugalaati. Kaanis gochaadhaan miseensa TPLFiidha. Miseensoonni kunneen kan filatamanis walgahii keessoo paartii TPLF irratti’’ jedhan Dr Tsaggaa Za’aab.
Filannoo korichaa irratti akka hin hirmaatiin kann dubbatan Dr Tsaggaa Za’aab, miseensi korichaa wayita ibsa kennaniitti waltajjicha irratti akka hin hirmaatiin dubbatan.
Koricha gaaffiin kana irratti ka’e paartiilee mormitootaa qofaa irraa osoo hin taane, miseensoota hawaasa sivilii Tigraay irraa illeen ka’aa jiraachu dura taa’aan paartichaa BBCtti himaniiru.
Miseensoota hawaasa siviilii irraa gaaffiin koricha kan filatuus, walitti qabaanis, filatamaanis miseensuma TPLF ta’unsaa hin miidhuu? jedhu dhiyeessuu ibsan.
Dura taa’aan Paartii Baayiitoonaa, mootummaan feederaalaa dhimma kana xiyyeeffannaan akka hordofuu fi itti gaafatamummaa isaa bahu akka qabu cimsuun gaafatan.
Paartiileen adeemsicha irratti mormii kaasanis haalicha callisanii kan hin ilaallee fi itti fufuunis hundeeffama mootummaa yeroo filannoodha jedhan akka beeksiisan ibsaniiru.
Mootummaa yeroo Naannoo Tigraay keessatti yeroo gabaabaa keessatti ni hundeeffama jedhameerratti komiin paartiilee mormituu naannichatti argaman irraa ka;ee ilaalchisee gama TPLFn hanga yoonaatti kan jedhame hin jiru.
Leetanaal Jeenaraal Taaddasa adeemsi kun ummata Tigraayiif adeemsa seenaa murteessaa ni ta’a jedhanii akka amanan ibsa guyyootaan dura kennaniin dubbatanii ture.
MM Abiy Ahimad bakka argamaniitti gareen miseensa marii bakka bu’oota mootummaan federaalaa fi Tigaay irratti dhimmi bajataa wayita ka’eetti, dursa mootummaan yeroo Tigraay erga hundeeffameen booda akka gadhiifamu ibsamee ture.
Bajataan haala wal qabateen hundeeffamni mootummaa yeroo akka haal dureetti kaa’amuusaa gama Tograayiin kan marii nagaa irratti hirmaatan Obbo Geetaachoo Raddaa kaasuun isaanii ni yaadatama.












