Haadha warraa fi abbaa warraa paayilatoota ta'anii balaa xiyyaaraan lubbuu dhaban

Anjuu Katiwaadaa

Madda suuraa, supplied

Balaa Xiyyaaraa Neeppaal imaltoota 72 fe'atee kufee caccabe keessa gargaartuun Paayileetii abbaa warraashee paayiletii ture waggaa 16 dura balaa xiyyaaraan dhabde, keessatti akka argamtu beekame.

Anjuu Kaatiwaadaa daandii xiyyaaraa Yetii lakkoofsa balalii 691 dhiyeenya magaalaa hawwata tuuristootaa taate Pokhaar gahuu dura hallayyaatti kufee caccabe keessa gargaartuu paayiletii turte.

Balaa seenaa waggoota 30 biyyattii keessatti isa hamaa jedhamee imaltoota hunda galaafate kana keessaa kun tokko.

Abbaan warraa ishee Diipaak Pookreel ammoo waggaa 16 dura daandiidhuma qilleensaa isheen keessa hojjettutti gargaaraa paayiletii ta'ee osoo jiruu balaa xiyyaaraa isa mudateen du'e.

Anjuun ogummaa xiyyaara balaliisuutti akka cichitu hamilee kan ta'eef du'a abbaa warraashee kanaa ture.

Isa dhabuutti hedduu gadditus, ilma ishee tokkicha waliin gaddi ishee madda kaka'umsa ishee ta'eefi.

''Isheen dubartii kutattuudha, kan abjuu isheefi abbaa warraa ishee dhugoomsuuf dhaabatte'' jetti miseensi maatii ishee Saantoosh Shaarmaa.

Abbaan warraa ishee Dipaak xiyyaara xiqqaa ruuziifi nyaata biroo fe'ee gara magaalaa Lixa biyyattiitti argamu Jumlaa jedhamutti imalaa ture gargaaree osoo balaliisuu kufee ibiddi isaanitti qabate.

Isa waliin namootni biroon xiyyaaricha keessa turan sagalis lubbuu dhaban.

Anjuun inni du'ee waggaa afur booda paayileetii ta'uuf imala jalqabde.

Danqaalee hedduu keessa darbuun US'tti leenjii xiyyaara balaliisuu fudhatte.

Qormaata hunda dabartee daandii qilleensaa Yeti keessatti qacaramte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin wantoota hin eegamne yaaluun beekamtu kun dubartoota daandii qilleensaa kana keessatti paayileetummaan qacaramanii jiran jaha keessaa tokko. Sa'aatiiwwwan 6,400 ta'uufis xiyyaara baliisteetti.

Daandii xiyyaaraa Yeti irraa yaada kan kennan Sudaarshaan Bartu'alaa ''kaappiteenii guutuu taatee kophaa xiyyaara balaliisaa turte. Isheen dubartii goota'' jetti.

Anjuun du'a abbaa warraa ishee duraani booda gaa'ila biraa ijaartee ilmoo lammataa argattee turte. Hiriyyoonni ishee nama hojii ishee jaalattu akka taate dhugaa bahu.

Qaamni xiyyaara Anjuun fa'aa balaliisaa turan amma caccabee qarqara laga Seti jedhamutti kukkufee mul'ata. Foddaa xiyyaarichaatu badaa hin miidhamne.

Balaan xiyyaaraa kun biyya gaarreen Himaaliyaan marfamte kana keessatti nageenya balalii qilleensaa gaaffii keessa galcheera. Gaarreeniin kan marfamte ta'uufi haalli qilleensaa hammaachuun sababoota nageenya balalii yaaddessan keessaati.

Warra xiyyaara kana keessa turan keessa weellistuun Pkhaaritti feestivaala qopheessitee irratti taphachuuf imalaa turte Niiraa Chaantiyaal jedhamtus ni argamti.

Dhiyeenya balaan kun itti qaqqabetti kan argamu hospitaalaa Pokhaaraatti maatiin miidhamtootaa reeffa maatii isaanii qorannoon booda simachuuf walgahii eegaa jiru.