Xiyaarri Taanzaaniyaa haroo keessatti kufee yoo xiqqaate namoonni 19 du'an

Madda suuraa, CHARLES MWEBEYA TBC
XIyyaarri imaltootaa Taanzaaniyaa osoo magaalaa Bukobaa qubachuuf jedhuu haroo Viiktooriyaa keessatti kufee cacabuun yoo xiqqaate namoonni 19 du'an.
Imaltoota 43 xiyyaara Daandii Qilleensaa (Air Precision) jedhamu kan keessa turan keessaa 26 baraaramuun gara hospitaalaatti ergamuun barameera.
Paayiletoonni lamaan jalqaba balaa kanarraa lubbuun hafanii qondaaltoota biyya keessatti kutaa balaliinsaarraa dubbatanii turanillee, booda garuu du'uu akka hin ollee Ministirri Mummee biyyatii himan.
Hojjattoonni balaa tasaafi kiyyeesitoonni qurxummii namoota xiyyaaricha keessatti hafan baasuuf yaalaa turan.
Xiyaarichi haroo sarara daandii qilleensa Bukobaa qarqaraattti kan dhidhime waan ta'eef lubbuu baraartoonni namoota balaliinsi irraa turan muraasa lubbuun baasuu danda'aniiru.
Abdul Nuurii buufata xiyyaarichaatii balaaliinsaa gara magaalaa guddoo Taanzaaniyaa, Daare Salaamitti deebi'uu eeggataa ture wayita xiyyaarichi haroo ardii Afrikaa isa guddicha kan ta'e Viiktooriyaa keessatti dhidhimu kan arge.
''Dhugaatti baayyee naan. Namoonni naasuudhaan kaan isaanii booyiicha, kaan ammoo iyyaa turan,'' jechuun BBCtti hime.
"Karra seensaa irratti namoonni raafamaa turan. Baayyeen isaanis firoota isaanii simachuuf kan achi dhaabataa turaniidha.
Innis namoota qurxummii kiyyeessuufi jalqaba bakka taatee sana qaqqabeetti dubbateera.
Isaanis erga xiyyaarichi kufee hojjattoonni balaliinsaa foddaa saaqanii booda namoota baraaruuf xiyyaara keessaa seenuu dubbatu.
Balaan ganama keessaa gara sa'aatii 2:30tti mudate kun sababii haala qilleensaa gaarii hin taane mudateen ta'utuu himame.
Hojjattoonni balaa tasaa xiyyaara ATR-42 fuunyoodhaan gara qarqaraatti harkiisuun amma qaamni xiyaarichaa muraasni ni mul'ata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xiyaarichi battaluma kufeetti, eegee saatiin alatti gutummaa gutuun bishaan keessa lixuun dhokate ture jedhame.
Ministirri Mummee Taanzaaniyaa, Qaasiim Maajaaliwaa bakka balaan itti mudatee kan dhaqan yoo ta’u, madda bala kanaa adda baasuuf qorannoo akka gaggeefamu himaniiru.
‘‘Ammalleen reefa namootaa adda baasaa jirra, garuu ammo paayilatoonnis du’u saanii hin oollee,’’ jedhan.
Namootumti jalqaba lubbuun baafamanis miidhaa irra qaqabeen booda haa du’anii yookan haa hafanii akkasumas namoonni lubbuu baraaruu keessatti hirmaatan illeen haa du’anii ammatti ifa miti.
Buufanni xiyyaarichaa ammatti cufameera.
Pirezidanti Saamiyaa Suluhuu Haasan namoota balaa kanaan miidhamaniif gadda itti dhagahamee ibsachuun ammalleen opareeshiniin lubbuu baraarsuu waan itti fufee jiruuf akka tasgabbaa’aniif gaafatan.
Xiyyaarichi magaalaa guddoo biyyattii Deere Salaam irraa karaa Mwaanzaatiin gara magaala Bukobaatti balalii’aa ture.
Daandiin Qilleensaa Precision, daandii qilleensaa dhunfaa Taanzaaniyaa guddicha yoo ta’u, wallakkaansaa kan daandii qilleensaa Keeniyaati.
Bara 1993tti kan hundeeffame yoo ta’u, balaliinsawwan biyya keessaafi naannichaa taasisuun beekama.












