Waraanni federaalaa fi loltoonni TPLF Naayiroobiitti mari'achuuf

Loltoonni mootummaa Federaalaa fi kan TPLF Naayiroobiitti walarguuf

Madda suuraa, MINISTRY OF FOREIGN AFFAIRS

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ambaasaaddar Reedwaan Huseen akka ibsanitti, Raayyaan Ittisaa fi qondaaltonni waraanaa TPLF Wiixata borii Sadaasa 7, 2022 Keeniyaa, magaalaa Naayiroobiitti walargu.

Ambaasaaddar Reedwaan kana kan dubbatan dippilomaatota biyyoota alaa magaalaa Finfinnee keessa jiraataniifi hawaasa addunyaaf waa’ee waliigaltee nagaa tibbana Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti irra ga’amee ilaalchisuun wayita ibsa kennan ture.

Ambaasaaddar Reedwaan waliigaltee nagaa hojiitti hiikuuf sochiin eegalamuu isaa kan ibsan yoo ta’u, waliigalteewwan tokko tokko hatattamaan hojiirra ooluu akka qaban, isaan keessaa tokko waltajjii marii hoggantoota waraanaa gidduutti haala mijeessuudha jedhan.

Ibsi Ministeera Dhimma Alaa, hoggantoonni waraanaa gama lameenii kanaan dura bilbilaan haasa’uu isaanii kan agarsiisu yoo ta’u, hooggantoonni waraanaa kun Wiixata dhufu qaamaan wal arguun tarkaanfiiwwan itti aanan irratti akka mari’atan eereera.

Ambaasaaddar Reedwaan loltoonni gam-lameenii walarguun akkaataa TPLF itti hidhannoo hiikkatu ni mari'atu jedhan.

"Hidhattoonni TPLF erga hidhannoo hiikkatanii booda, naannoon Tigraayiif akkuma naannolee biroo humni addaa ta'e ni gurmaa'aaf,'' jedhan.

"TPLF hidhannoo hiikkatee, humni nageenyaa naannicha keessatti gurmaa'a yeroo jennu michoonni tokko tokko kana ajaa'ibsiifachuu malu. Mootummoonni naannolee humna nageenyaa mataa isaanii qabu. Mirga naannoon Tigraay humna tikaa mataa isaa qabaachuu hin sarbinu.'' Naannoon Tigraay humna poolisii fi humna nageenyaa kan mootummaa naannoo Tigraayiin ajajamu qabaachuu qaba kan jedhan Ambaasaaddar Reedwaan, humna nageenyaa naannochaa kan ajaju paartii tokko qofa ta'uu hin qabu jedhan.

Ambaasaaddarichi waa’ee waliigaltee nagaa marii guyyoota kudhaniif mootummaan federaalaa fi TPLF booda irra ga'ame ilaalchisuun, tarkaanfiiwwan itti aanan ibsaniiru.

Waliigaltee nagaa kana wayita hojiirra oolchuu eegalan, waltajjiin marii hoggantoota waraanaa lamaan gidduutti jiraachuu bira darbee, waraana kana hatattamaa fi dhaabbataadhaan xumuruun dhimma dursi kennamuuf ta'uu eeran Ambaasaaddar Reedwaan.

Ololli fi haasaawwan walitti bu’iinsa uuman dhaabbachuu akka qabanis dubbataniiru.

Bu'uura waliigaltee Piriitooriyaatiin, ''loltoonni TPLF guyyoota 30 keessatti meeshaa waraanaa kan hiikkatan,'' yoo ta'u, waggoota lamaaf adda citanii kan jiran tajaajilaawwan bu'uuraa akka bilbilaa, ibsaa fi kaan deebisuuf yeroo xumuraa hin keenye.

Akkasumas waa'ee deeggarsa namoomaa danqaa malee dhiyeessuu fi dhimma namoota qe'eerraa buqqa'anii, akkasumas dhiittaa mirga namoomaaf gaafatamtoota seeratti dhiyeessuurrattis waan murteesse hin qabu.