Manni Murtii Idil-Addunyaa ajajoonni waraanaa Raashiyaa akka to’ataman ajaje

Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)n sababii yakkawwan waraanaa Yukireen keessatti raawwatamaniiru jedhameen ajajoonni waraana Raashiyaa olaanoon akka to’atamaniif ajaja baase.

Qondaaltoota olaanoo Raashiyaa manni murtichaa maqaa eeruun ajaja hidhaa irratti baasees, Leetanaal Kooloneel Sargee Kobiilaash fi ajajaa Humna Galaana biyyattii Adimiiraal Sookooloov fa’idha.

Waraanaa Yukireeniin wal qabatee aanga’oota Raashiyaa irratti ajajni yoo bahu kun kan lammataati.

Ajajni mana murtichaa jalqabaa kan bahe pirezidantii Viilaadmiir Putiinii fi qondaala Mirga Daa’imman biyyattii irratti ture.

Haata’u malee Raashiyaan mana murtichaatiif beekkamtii waan hin kenniineef qondaaltonni kunneen mana murtiitti dhiyaachunsaanii kan hojiirra oolu miti.

Ajajni amma bahe ‘‘waraanni isaan hogganan haleellaa bu’uraalee anniisaa Yukireen irratti raawwatameef itti gaafatamoodha’’ sababii ta’usaaniitiif raga argateera manni murtichaa.

Yakki ajaja qondaaltoota olaanoo kanneen raawwatameera jedhaman kunneenis kan Onkololeessa bara darbee hanga Onkololeessa bara kanaatti raawwataman ta’u manni murtichaa kaaseera.

Itti dabaluunis haleellichaan namoota nagaa fi qabeenyaa irra miidhaan gaheera jechuun ajajoota waraanaa kanneen himate.

Qondaaltonni lamaan kunneen, ‘‘tokkoo tokkoo yakkawwan namoonni nagaan itti fayyadaman irratti xiyyeeffataaniif gaafatamoodha’’ jechuun, ‘‘gochaawwan farra namoomaa fi namoomaa irratti yakkoonni akka raawwatamaniif’’ sababa ta’aniiru jedheera.

Gaheessi umuriin wagga 58 Leetanaal Jeneraal Sargeey Koobiilaash himannaan irratti dhiyaatee wayita ajajaa garee xiyyaaroota fageenya dheeraa humni qilleensaa Raashiyaa ajajaa turan yakka raawwatan ilalachiseeti.

Akkasumas qondaalli waraanaa umuriin wagga 61 Adimiiraal Viikitoor Sokolov Humna galaanaa Raashiyaa keessatti garee galaanaa Gurraachaa wayita hoogganaa turan yakka raawwatan ilaalchiseeti.

Raashiyaan isaan dura waraanaashee Yukireen keessaatti argaman bu’uraalee misoomaa namoonni nagaa ittiin fayyadaman irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu haalanii ture.

Pirezidantiin biyya waggoota lamaaf Raashiyaa waliin waraana keessatti kan argamtu Yukireen, Volodamiir Zelenskiin ajaja manni murtiichaa baasee gaariidha jedhan.

Pirezidantichi, ‘‘ajajoonni waraana Raashiyaa Yukireen keessatti namoota nagaafi bu’uuraalee misoomaa irratti haleellaan akka raawwatamuuf ajaja kennan hundi murteen akka isaan eeggatu beekuu qabu’’ jechuun miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti barreessan.

‘‘Namoonni yakkoota walfakkaataa raawwatan hundi gaafatamoo akka ta’an beekuu qabu’’ jedhan.

Manni Murtii Yakka Idil-addunyaa (ICC)n akka yakkoota biyyoonni jidduu galuu fi mana murtiitti dhiyeessuu hin dandeenye jidduu akka galuuf waggaa 20 dura wixinee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti dhiyaatee hundeeffameedha.

Kanaanis manni murtichaa duguuggaa sanyii, yakkoota namoomaa irratti raawwataman fi yakka waraanaa akka qoratuufi itti gaafatamoo mana murtiitti akka dhiyeessuuf aangoon kennameefiira.

Waliigaltee mana murti kana hundeessees biyyoonni 123 kan fudhatama kennuun kan raggaasiisan yoo ta’u, Raashiyaa dabalatee, Chaayinaan, Hindii fi Ameerikaan garuu mana murtichaatti makamuuf fedhii hin agarsiifne.

Gara waggaa har’aa manni murtichaa pirezidantii Puutiin fi Komishinii Mirgoota Daa’immanii kan ta’an Maariiyaa Livoovaa-beeloovaa irratti ajaja baasee ture.