'Hojjettoota mootummaa magaalaa Adaamaa keessaa 24% ulfaatina garmalee qabu'

Ulfaatinni garmalee sadarkaa addunyaattis ta'e biyyoota guddataa jiran kan akka Itoophiyaa keessattis rakkoo fayyaa yaaddeessaa ta'aa akka jiru ogeeyyiin himu.

Guraandhala 04, 2024 guyyaa idil addunyaa ulfaatina garmalee (obesity) jedhamuun beekama.

Dhimma kanaan walqabatee BBC waliin turtii kan taasisan Kollejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaatti Gargaaraa Piroofeesaraa akkasumas qorataafii barsiisaa kan ta’an Dr. Haji Amaan, ulfaatinni garmalee Itoophiyaa keessatti rakkoo fayyaa yaaddessaa akka ta’e himu.

Itoophiyaa keessa barmaatiin furdina jajjabeessuufi jiruu qananii waliin walqabsiisuu akka jiru kan himan Dr. Hajiin, “Barmaatiin hawaasa keessa jiru inni tokko yeroo namni tokko akka malee furdachaa deemu ‘itti toleera’ waan jedhamutu jira” jedhan.

Kana malee rakkoo fayyaa ulfaatinni garmalee fiduu danda’u irratti hubannoon hawaasaa xiqqaa ta’uunsaa rakkoo kan biraa akka ta’es ogeessichi himu.

Maalummaafii sababoota isaa

“Namni tokko qaamnisaafii dheerinnisaa madaalamee sadarkaan ulfaatinaa inni qabaachuu qabutu jira. Indeeksii ulfaatina qaamaan (BMI) kan jedhamutu jira” kan jedhan Dr. Hajiin, indeeksiin ulfaatina qaamaa inni sirrii ykn fayyaalessaa 18.5 fi 24.49 gidduu kan jiru akka ta’e himan.

“Indeeksiin kun 25-30 yoo ta’e ulfaatina sirrii ol (overweight) jedhama. Lakkoofsichi 30 ol yoo darbemmoo ulfaatina garmalee (obesity) jedhama. Kana jechuun qaama nama sanaa keessatti coomni hamma barbaachisuu ol kuufameera jechuudha” jedhan.

Namni tokko ulfaatina garmaleef akka saaxilamuuf sababoonni garagaraa jiraachuu akka danda’an kan himan ogeessi fayyaa kun, sababni inni tokko qaccee namoonni uumamaan haadha yookiin abbaa isaaniirraa dhaalaniin furdina garmaleef akka saaxilaman himu.

“Furdinni garmalee irra caalaatti waa lama irratti kan rarra’edha. Inni tokko nyaata sirrii hintaane nyaachuudha. Inni lammaffaammoo haala jireenyaa (lifestyle) kan jennudha” jedhan.

Haaluma kanaan namoonni sochii qaamaa osoo hin taasisiin yeroo dheeraaf taa’an ulfaatina garmaleef saaxilamuu akka danda’an himu.

Kana malees, wantoota mi’aawoofii soorata coomni itti baay’ate soorachuunis ulfaatina garmaleef akka nama saaxilan himaniiru.

“Fakkeenyaaf wantoota sukkaarri itti baay’ate kaarbohaayidireetii kan jennuun hamma barbaachisuu ol yoo nyaatan gara coomaatti jijjiiramaa deema. Coomnis bifa kanaan qaama namaa keessatti kuufamaa deema” jedhan.

Miidhaa ulfaatina garmalee…

Hanguma coomni qaama namaa keessatti kuufamaa deemu miidhaan fayyaa inni qaqqabsiisuus cimaa akka adeemu Dr. Haji Amaan himu.

“Hanguma coomni hidda dhiigaa namaa keessatti kuufamaa deemu hidda dhiigaa cufuu danda’a. Sunimmoo dhukkuba onnee tasa nama ajjeesuuf nama saaxiluu danda’a.

''Akkasuma ammo dhiibbaa dhiigaa, dhibee sukkaaraafii kaansarii adda addaatiif nama saaxiluu danda’a” jedhan.

Keessattuu coomni naannoo garaatti kuufamu addatti sababoonni dhukkuba adda addaa namatti fidan osoo hinjiraannee ‘borcii’ qabaachuun dhukkuba adda addaaf, keessattuu dhibee onneefii dhiibbaa dhiigaatiif akka nama saaxilu himaniiru.

Yaaddoo Itoophiyaa keessaa

Ulfaatinni garmalee Itoophiyaa keessatti dhimma yaaddessaa ta’uu kan himan Dr. Hajiin, “daa’imman irrattis ulfaatinni garmalee mul’achaa jira, namoota heddurratti mul’achaa jira” jedhan.

Haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruun ga’eessonni ulfaatina garmaleef saaxilamoo akka ta’an himaniiru.

“Adada umriin namaa dabalaa deemu maashaan hir’achaa coomni ammo dabalaa deema” jedhan.

Sochii qaamaa gochuu dhabuu, soorata mi’aawaafii alkoolii fudhachuun saaxilamummaa kana kan hammeessu akka ta’es himan.

Kana malees rakkinichi baay’inaan dubartoota biratti akka mul’atus eeraniiru.

“Fakkeenyaaf qorannoo Adaamaa keessatti taasisneen dhukkubsattoota gara mana yaalaa dhufan keessaa dhibbeentaan 48 keessattuu cooma garaa irraa (borcii) qabu” jedhan.

Qorannoo taasisan bu’ureefachuunis “Hojjettoota mootummaa magaalaa Adaamaa keessa jiran keessaa dhibbeentaan 24 ulfaatina garmalee qabu” jedhan.

Bara faranjootaa 2030’tti Itoophiyaa keessatti dhukkuboonni daddarboo hintaane dhukkuboota daddarboo caalaa akka dabalan qorannoon kan agarsiise ta’uu kan himan ogeessichi, dhukkuboota kunneen keessaa baay’eensaaniis ulfaatina garmaleen walqabatanii kan dhufan akka ta’an himan.

Maal gochuu qabna?

Ulfaatina garmaleef akka hinsaaxilamneef tarkaanfilee ofeeggannoo garagaraa fudhachuu akka dandeenyu Dr. Haji Amaan himu.

“Tokkoffaa nyaanni fudhannufii hojiin hojjennu walmadaaluu qaba. Fakkeenyaaf nyaanni nyaannu hanqatee humni nuti baafnummoo dabalaa yoo deeme qaamni keenya hir’achaa deema.

''Nyaanni fudhannu guddaa ta’ee humni nuti baafnummoo xiqqaa yoo ta’e ulfaatinni keenya dabalaa deema” jedhan.

Kanaafis nyaata madaalawaa kuduraaleefii muduraalee qabu soorachuu fi cooma xiqqeessuun akka barbaachisu himu.

“Wantoota sukkaara qaban, fakkeenyaaf lallaafaa ta'uu danda’a, buskutii ta’uu danda’a, karameellaas ta’uu danda’a hir’isuu barbaachisa” jedhan.

Kana cinatti sochii qaamaa taasisuunis ulfaatina garmalee ittisuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru.

“Namni hundi yoo xiqqaate torban keessatti guyyaa sadii daqiiqaa 30’f miilaan deemuun socho’uu isa barbaachisa” jedhan.

Gama biraatiin ilaalchi hawaasni ulfaatina garmaleef qabu jijjiiramuu akka qabu kan himan Dr. Haji, barnoota fayyaa kennuun hubannoo hawaasaa qaruun akka barbaachisu dhaamaniiru.