Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Tapha Pirimeer Liigii isa ajaa'ibaa' - Tapha Cheelsii fi Siitii diraamaan guutame
"Tapha Pirimeer Liigii isa ajaa'ibaa."
Tapha Cheelsii fi Maanchistar Siitii tapha akkaan ho'aa gooliin saddeet itti lakka'ame kanatti, sararri ittisaa hangas cimaa hin turre. Tahus, taphni kubbaa miilaa dubbii ijoo ture.
Torbanoota dhiyoon as murteessitoonni fi ogeeyyiin VAR taphni erga xumuramee ijoo dubbii ta'aa turan. Tapha kanaan garuu rukuttaa penaalitii Erling Halaand galcheen alatti, taphattootaa fi leenjistootatu utubaa marii ture.
Galchii Halaand jalqabaan booda, taphataan ganna 39 Tiyaagoo Siilvaa kilaba Cheelsiif taphataa umriin guddaa galchii lakkoofsise tahe. Rahiim Istarliing ittaansuunn kilabasaa duraaniirra galche.
Boqonnaan dura Akaanjiin galachuun walqixa tolche. Erga boqotanii deebi'anii booda ammoo Halaand galchii oomishuusaa itti fufe - tapha 47 irratti goolii 49 lakkoofsise.
Tapha Totanihaam torban dabreen hatiriikii kan hojjete Nikoolaas Jaaksan, ammas deebisuun Cheelsii waqixxeesse. Achiis Rodriin Siitiif galche jennaan, tarii taphichi injifannoo Siitiin akka obba'u ture namuu kan tilmaame.
Tahus, taphichi xumuramuuf daqiiqaa dabalametti, taphataan duraanii Siitii Kool Paalmar, rukuttaa penaalitii saaphanatti make.
Taphataan Liivarpuul fi Ingilaand Jeemii Kaaraagar, tapha kanaan: "Tapha Pirimeer Liigii isa ajaa'ibaati," ittiin jedheera.
Sky Sports irratti akka dubbatetti, "... namuu waa'ee tapha kanaa guyyoota ittaananiif haasawa," jechuun "Cheelsiin goolii walqixxeessu argachuun waan sirriidha," jedhe.
"Deeggartoonni Maan Siitii aaruu akka danda'an nan hubadha. Garuu tapha sanaan injifataan jiraachuu dhabuun sirrii tahee natti dhagahama."
Karra eegaan Cheelsii duraanii Maark Shwaarzar gamasaan: "Tapha ajaa'ibaa ture. Jalqabumarraa akkaan ho'aa ture...."
Ittisaan Siitii duraanii Maayikaa Richaardis waan jedhe: "Tapha ajaa'ibaa ture. Akkaan bareeda. Waan hunda qaba ture - goolii, ittisa gaarii hin taane fi sakaallaa."
Daawwattootaa fi xiinxaltoota kubbaa miilaa qofa odoo hin taane, leenjistoonnis taphichatti gammadaniiru.
Leenjisaan Cheelsii Maawurisiyoo Pocheetiinoo "galgala ajaa'ibaati" jechuun taphicha ibse.
"Ajaa'iba ture - kanaafi Pirimeer Liigiin addunyaarra liigii isa ajaa'ibaa kan itti ta'eef. Namuu taphoota ajaa'iboo akkanaarratti hirmaachuu barbaada," jedhe.
"...Maanchistar Siitiin garee cimaa addunyaa kanaati. Cheelsiin cimee seenuun, qabxii sadanuu fudhachuuf yaale."
Leenjisaan Siitii Pep Gaardiyoolaa gamasaatiin: "Taphni kun Pirimeer Liigii beeksisuuf tapha gargaaruu fi bashannansiisaa ture," jedhe.
"Gareen lammanuu mo'achuu barbaadu turan. Anis waan kanarraa adda tahe hin eeguun ture. Cheelsiin garee fi taphattoota dansaa qaba."
Taphi kun seenaa Pirimeer Liigii keessatti gooliiwwan afur gama lamaaniinuu itti galuun qixa itti xumurame shanaffaa taheera - erga 2009 ammoo isa jalqabaati.