Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jifataan abdatamu dirree keessatti gaggabee lubbuun isaa darbe
Jifataan Gaanaa ganna 28 Raafaa’el Daamenaa, dirree keessatti erga gaggabee kufee booda lubbuun isaa darbe.
Taateen kuni tapha liigii biyya Albaniyaatti taphatamaa tureratti mudate.
Daamenaan, Egnaatiyaa bakka bu’uun Paarizaanii morkachaa ture.
‘’Doktoranoonni ispeeshaalistii ta’an dhaqqabaniifis lubbuun hafuu hindandeenye,’’ jechuun Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Albaniyaa ibseera.
Taphataan kun liigii Albaniyaatti galchii sagal galchuun dursaa ture. Biyya isaaf si’a sagal hiriiree kan taphate yoo ta’u galchii lamas galcheera.
Taphni guyyaa Sanbataa kan hafe yoo ta’u, taphoonni kaan torban kanatti qabaman akka hafan ta’eera.
Federeeshinichi maatii taphataa kanaafi kilabichaaf darbees hawaasa kubbaa miilaa Albaniyaaf gadda isaa ibseera.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Gaanaa gama isaan gaddasaa ibsee, maatiif jajjabina akka hawwu beeksise.
‘’Biyya isaa sirnaan bakka bu’e. Yeroo Gaanaa bakka bu’u ga’umsa guddaa agarsiise,’’jedhan Pirezidantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Gaanaa Edwin Simoon Okraaku ibsa bahe keessatti.
Taphataan kun bara 2017 paawundii miiliyoona 14’n gara Biraayitan imaluuf ture, garuu qorannoo medikaalaa darbuu hindandeenye.
Laaligaa Ispeen keessatti Levaanteef taphateera. Akkasumas ergisaan Riyaal Zaaraagoozaaf taphatee ture.
Bara 2021 biyya Ostiriyaatti tapha waancaarratti gaggabee kufee ture. Garuu bayyanatee deebi’e taphatee ture.
Onnee isaarratti wal’aansa baqaqsanii yaaluu akka godhatee ture gabaafameera.
‘’Yeroo rakkisaa kanatti maatiifi kanneen isa jaalatan waliin jirra. Gumaachi kilabii keenya keessa taasise yoomuu itti fufa,’’ jechuun Levaanteen miidiyaa hawaasummaa gubbaa ibse.
Zaaraagoozaanis gadda ibsee deeggartoonni kilaba keenyaa yoomuu si hin dagatan jedheera.