Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Lubbuun namaa baduurra harkikoo cituu wayya' - Ogeessa fayyaa lubbuu taphataa oolche
Ogeessi fayyaa Itoophiyaa 'lubbuu taphataa kubbaa miilaa Yugaandaa oolche' leellifamaa jira.
Biruuk Dabbabaa taphataa dirree keessatti of wallaalee kufuun 'arrabasaa liqimse', otoo harkisaa miidhamuu gargaarsa hatattamaa taasisuun of akka baru taasise.
Ogeessa fiiziyooteeraappii kan tahe Biruuk, gochaa magaalaa Hawaasaa kanaan kan leellifamaa jiru oggaa tahu, "taphataa kana Waaqayyoon gargaaree lubbuun hafeera," jechuun BBCtti hime.
Yaalii lubbuu oolchuu taphataa kanaaf taasiseen qubni harkaa akkaan miidhamee dhiiguun, wal'aansa argachaa akka jirus hima.
Taateen kun kan raawwate dorgommii Waancaa Sidaamaa Gofaree jedhamurratti ennaa tahu, taphichis Wolaayitaa Dichaa fi kilaba Yugaandaa Kiyindaa Booys kan walitti fide ture.
Dorgommiin Federeeshina Kubbaa Miilaa Sidaamaa fi dhaabbata uffata ispoortii oomishu Goofaree jedhamuun kan qophaa'u ennaa tahu, Pirimeer Liigiin Itoophiyaa jalqabuun dura dorgommii taasifamudha.
Maaltu mudate?
"Taateen akkanaa jireenyakoo keessa na mudatee hin beeku," jedha ogeessa Fiiziyooteeraappii Kilaba Kubbaa Miilaa Sidaamaa Bunnaa kan tahe Obboo Biruuk Dabbaba.
Dorgommii Waancaa Sidaamaa Gofareen, guyyaa Wiixataa Wolaayittaa Dichaa fi kilabni Yugaandaa Kiyindaa Booys taphachaa turan Biruuk achitti argamuun daawwachaa ture.
"Taphataan [kilabichaa] boqonnaan booda arrabasaa liqimse. Anis bakkan taa'ee daawwachaa turetti fiigaa deeme. Gurbaan du'uuf deema ture," jechuun waan ture hima.
Biruuk ogeessa fayyaa kilaba kubbaa miilaa waan taheef meeshaalee wal'aansaaf barbaachisan baatee ture.
"Meeshaa arraba itti baasan qabadheen ture. Wixxifachaa waan tureef meeshicha na harkaa bute.
"Kana booda sekoondii 10 yoo ture mucaan ni du'a waan taheef, filannoon ani qabu harka koo fayyadamuun lubbuusaa oolchuu ture. Qubakoos afaansaa keessa kaa'ee [yaaluu eegale]."
Taphataan inni yaalaa ture qubasaa akkaan ciniinuus, lubbuusaa oolchurraa garuu isa hin danqine.
"Qubakoo lamaan keessaa dhiigni yaa'aa ture. Yeroo ammaa kanas wal'aansi naaf godhamee, maramee jira," jechuun hima.
'Waaqayyootu humna naa kenne'
Dirree sanarra ogeeyyiin fayyaa kilabootaa dabalatee kaanis lubbuu taphataa kanaa oolchuuf "tattaafachaa akka turan" kan himu Biruuk, namni hedduun sodaa keessa akka ture dubbata.
Taateewwan taphattoonni of wallaalanii kufuu fi kaanis amma dura akka isa mudate kan kaasu ogeessi kun, taphataan 'arraba liqimse' garuu haga ammaa isa mudatee hinbeeku.
"Waaqayyootu humna naa kenne. Lubbuun namaa darbuurra harkikoo otoo citee wayyan jedhe," kan jedhu Biruuk, battala sanatti dhimmoonni hedduun sammuusaa keessa deddeebi'aa akka turan dubbata.
"Mucaan kun gara Yugaandaatti geeffamuu, maqaan magaalattii, waa'een wal'aansa fayyaa, waan garagaraa hasa'amuu mala," kanneen jedhan yaadaa turuu hima.
Akka Biruuk jedhutti taphataa kana bira kan gahe battala dhumaarratti. "Bira kan geenye afaansaa cufuu isaatiin xiqqoomaafi. Waaqayyoo akka ooltu ennaa fedhudha."
Biruuk gochaasaa kanaaf miidiyaalee hawaasummaa irratti daran kan leellifamaa jiru ennaa tahu, "galgala galee gaafan waan kana ilaalu nan boohe," jedha.
"Isteediyeemii keessa callisa guddaatu ture. Garuu taphataan ennaa [lubbuutti] deebi'u, guddisanii harka rukutaa fi dinqisifannaatu ture.
"Jiraattonni Hawaasaa fi anis gammachuu guddoo qabna.
''Taphattoonni kilaba Yugaandaas mo'amuusaanii irraanfatanii, na hammachuun gammachuusaanii ibsaa turan."
Taateen akkanaa dirree ispoortiirratti darbee darbee mudata. Garuu gargaarsa atattamaa waan barbaaduf kanneen lubbuu oolchan ni galateeffamu.