Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Cheelsiin tapha diraamaa hedduun guutameen Totanihaam irra aane
Maawurisiyoo Pocheetiinoo kilabasaa durii, Totanihaam, irraa ar'iame Chelsii qabatee deemee mo'ichaan deebi'e.
Barreessaan ispoortii BBC Fiil Maaknaltii, halkan diraamaa fi falmiin guutameen, Totanihaam taphattoota sagaliin taphicha mo'amuun xumure jedha.
Akka Fiil jedhutti, deebi'ee dhufuun leenjisaa lammii Arjantiinaa kanaa, tapha akkaan ho'aa fi taatee hedduu keessummeesse kanaan otoo hin ka'in hafeera.
Gooliiwwan shan, gooliiwwan biroo shan haqaman, kaardii diimaa lama, murtee VAR falmisiisoo - kun hundi tapha Wiixata halkanii kana keessa mul'atan.
Ispars gahumsa baroon jalqabuun, daqiiqaa jahaffaa irratti galchii ishee jalqabaa Kuleseeviskiin lakkoofsise. Ittaansee Son Huwing-min goolii lakkoofsiisus, taphaan ala waan tureef haqame.
Waltajjii akkaan ho'aa tureen Cheelsiin galchii lama galchanis jalaa haqameera. Kan Isteerling kubbaa harkaan tuquun, kan Mosas Kaayiseedoo ammoo taphaan ala (offside) tahuun.
Haatahu malee galchiin Kaayiseedoo haqamus, ittisaan Totanihaam Roomeroon miidhaa Enzoo Farnaanideez irraan gaheen rukuttaan penaalitii kenname - kana callaa miti, kaardii diimaan dirree keessaa gugsame.
Dhiyeenya Cheelsiitti kan makame Kool Paalmar rukuttaa penaalitii galchiitti geeddare.
Taphi kun Isparsiif akkaan hamachaa deemuun, ittisaan isaanii Mikii van da Veen fi Jeems Maadisan miidhamaan boqonnaa dura jijjiiraman.
Carraa dhabuun Totanihaam kanaan otoo dhaabbatee dansaa ture, garuu hin turre. Taphataan isaanii Destinii Udoogii sakaallaa hamaa taasiseen, kaardii keelloo lammeessoo argachuun, dimaan dirreedhaa gaggeeffame.
Taphichi akkanaan otoo jiruu leenjisaan Ispars Anj Postekogluu, muddama keessatti kaardii akeekkachiisaa argate. Tahus taphattoota sagaliin ittisuurra, ammallee sarara ittisaa isaa gara dirree Cheelsiitti dhiyeenyaan taphachuu itti fufe.
Haatahu malee taphichi akkanaan itti hin fufne - Cheelsiin sararasaanii cabsanii seenan. Taphni obba'auuf daqiiqaan 15 oggaa hafu, Isterliing waahilasaa Jaaksaniif kubbaa bareedaa mijeessee dabarsuun gooliin lakka'ame.
Yeroo kanatti namuu taphichi waan xumurame sehe - tahus diraamaan itti fufe. Erik Daayer goolii galchuun kilabasaa walqixxeessus, ofsaayid jedhamuun haqame.
Ammahoo goolabamee? Lakkii, lakkii! Taphataan Cheelsii Nikoolaas Jaaksan daqiiqaawwan dhumaarra galchiiwwan lama lakkoofsisuun, hatriikii hojjete - taphichis 4 fi 1n goolabame.
Naamusa dhabuun Ispars gatii baasise
Deeggartoonni Ispars taphichaan dura akkaan qiliixamoo turan jedhan Fiil. Maaliif jennaan, tapha kana irra aanuun tarree Pirimeer Liigii gubbaa taahuu waan danda'aniif. Haatahu malee tapha muddamaan guutame kanaan, akkas otoo hin tahin hafeera.
Wayita Kuleseeviskiin galchii lakkoofsisu Ispars haala gaariirra turan. Garuu sababa naamusa dhabuu Romeeroon gatii baasan. Inumaa Romeeroon isaan dura takaallaa Kolwil irraan gaheen diimaa argachuu qabaayyu. Garuu kanarra darbuun ammallee lammii biyyasaa Farnaadeez takaalee biraa gale.
Udoogiin illee akkasuma - qarumaa kaardii diimaa argachuu dhabuunsaa carra-qabeessa taheetu. Garuu ammallee taphataadhuma duraan takaalee kaardii akeekkachiisaan adda bahe Isterliing deebisee takaale. Murteessaan Maayikil Oliivar filannoo tokkollee hinqabu ture - Udoogii dirreedhaa gaggeessuu malee.
Mo'amuu kanaa alatti, burjaajiin Wiixata halkanii Totanihaamiin tarii fuuladuraaf gatii baasisa. Romeeroo fi Udoogiin taphootarraa hafuu isaaniin alatti, Van da Ven fi Maadisan miidhamaniiru.
Deeggartoonni Ispars fishkaan dhumaa wayita afuufamu cichoomina taphattoonni isaanii agarsiisaniif lafaa kahuun harka rukutaniiruuf. Haatahu malee, halkan kun tarii adeemsa yeroo dheeraa keessatti kilabichaan gatii baasisuu mala.